Guyyaa Dargaggoota Oromiyaa marsaa 10ffaan har’a kabajamuu eegaleera.
Hoggantuun
Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa aadde Aziizaa Abdii guyyaa dargaggoota
Oromiyaa 10ffaa kabajamaa jiru irratti haaswa dhageessisaniin akka jedhanitti,
darggaoonni haala mijataa mootummaan yeroo ammaa uumefitti fayyadamuun kaka’umsaafi
fedhii qabaniin hogganamuun biyya isaanii jaallachuun aadaa hojii gaarii goonfachuun
lammii isaanii tajaajiluufi hanqinoota bulchiinsa gaarii irratti mul’atan
irrattis araarama tokko malee qabsaa’uu akka qaban dhaamaniiru.
Itti
gaafatamaan Federeeshinii Dargaggoota Oromiyaafi Itiyoophiyaa
dargaggoo Taarraqanyi Abduljurjabbaar gamasaatiin akka jedhetti sirnoota
cunqursaa kanaan dura turan keessatti kutaa hawaasaa kamiyyuu caalaa
dargaggoonni naannoofi biyya keenyaa haala suukaneessaan miidhamaa turaniiru.
Guyyaa
Dargaggootaa 10ffaa ilaalchisuun waltajjiin mareef qophaa’e har’a adeemsifamaa
kan oole yammuu ta’u guyyaa boruu sagantaan misoomaa Dargaggoota Oromiyaa
fayyadamtoota taasisu kan ifsoomsamu ta’a.
Dura
taa’aan Dhaabbta Demokraatawa Ummata Oromoofi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo
Oromiyaa kabajamaa obbo Muktaara Kadir gaaffilee gara garaa bakka bu’oonni
Dargaggoota Oromiyaa dhiyeessaniif deebii kennu jedhamee eegama.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ