Fudhadhu kunoo gatiikee
Oromiyaatti hooggantoota 829 irratti tarkaanfiin fudhatameera
Mootummaan
Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf tarkaanfii fudhachuu
jalqabe cimsee akka itti fufus mirkaneesseera.
Bulchiinsa gaarii
mirkaneessuuf marii hawaasa waliin taasfameenidha, mootummaan Naannoo Oromiyaa
hooggantoota 829 irratti tarkaanfii kana kan fudhate.
Kanneen tarkaanfiin
irratti fudhatme keessaa 121 iddoo hoggansa irraa akka gadi bu'an taasifameera.
Hooggansi 708
ammoo guutumaan guutuutti itt gafatamummaa irraa akka kaafaman hoogganaan Biiroo
Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa har’a
kennaniin ifoomsaniiru.
Komii ummata
biraa ka'uuf mootummaan deebii quubsaa kennuuf caasaa rakkoo qaburratti tarkaanfii
eegalee gara fulduraas kan itti fufu ta’a jedhaniiru,obbo Fiqaaduun.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ