Muuxachuun Bofa du’a hin oolchu!
Biyya
keenya keessa Ilaalchawwan diigumsa lalisan baay’eetu jira.Tibba darbe keessa
gamaa gamanaa wal iyyaafachuu ilaalchawwan badiitiin waan ta’e argineerra.Ilaalchawwan Of tuulummaa kan
Dhiphummaafi Mankaraarsitummaa akkasumas ilaalchi kiraa sassabdummaa wal
tumsuudhaan waan gochuuf karoorfatan hunda ijaan agarree,gurraanis
dhageenyeerra.
Humnoonni
ilaalcha kanaan xaxaman Oromiyaa bal’oo jiddu gala jeeqamsaa taasisuudhaan
taayitaa karaa seera qabeessaan filannoodhaan dhaban karaa seeraan alaatiin
qabatanii gita bittaa haarawaa ta’uuf waan danda’an hunda taasisuudhaan
wixiffataniiru.
Gochoota
raawwataman keessatti humnoonni badii biyya keessa riphanii jiraniifi
humnoonni biyyaalee alaatti baqatan waltumsuudhaan socho’uuf carraaqqii ol’aanaa
taasisaniiru.Haa ta’uutii kan caalu humna ummata bal’aati waan ta’eef humnoonni badii qindoomina uuman kun asiifi
achii irraa wal waamanii wixiffatanis waan karoorfatanii ka’an galmaan ga’achuu
hin dandeenye.
Carraaqqiin isaan
Oromiyaa jiddu gala taasifachuudhaan jeeqamsa mudate sadarkaa guutuu biyyaatiin
babal’isuuf taasisan hundi harkatti fashalaa’uudhaan Daaraa jalaa ta’ee hafe.
Egaa muuxachuun
Bofa du’a hin oolchu!Keessumattuu humni dhiphaan maqaa Ummata Oromoo
waamuudhaan waggoota lakkoofsisaa jiru ABO’n sochii kana keessatti waan muuxate
itti fakkaachuudhaan hanga tokko carraaqeera.Namoonni biyya keessatti
argamaniifi ilaalcha ABO lalisan tokko
tokkos abdiidhaan waan dubbachaa turaniifi gochaa turan dhimmicha gadi
fageenyaan kan beeku sirritti beeka.
Ilaalchi ABO
qaamolee hawaasaa gara garaa keessatti kan faca’ee ture waan ta’eef Namni
dhalataa Saba Oromoo ta’eefi ilaalcha kana irraa bilisadha jedhamee yaadamaa
ture tokko tokkos ilaalcha dhiphummaa kanaan weereeramee raafamaa akka ture
hubatameera.Haalli kun namoota dhaabbileefi manneen hojii mootummaa gara garaa
keessatti hojjechaa jiran irrattis calaqqiseera.Kanneen ilaalcha kana
baachuudhaan jeeqamsi Oromiyaatti mudatee ture akka babal’atuuf fedhii qabanis
bakka bakka akka jiran beekameera.
Wanti hubatamuu
qabu ilaalchi dhiphummaa yoomillee ta’u fayyadamtummaa Saba Oromoo
kabajisiisuudhaan itti fufiinsa akka qabaatu taasisuudhaaf ga’uumasa hin qabu.Ilaalchi
dhiphummaafi sabboonummaan dhiphummaa irratti hundaa’e diigumsa babal’isuudhaan
ummanni keenya akka miidhamu taasisa.Kana ammoo kanaan dura qabatamaanaan
arguun bira dabarree jirra.
Kanneenumti
ilaalcha kana lalisanuu waa’ee faayidaa ilaalchi dhiphummaa argamsiisu irratti
tokko lama jedhanii waan himan hin qaban.ABOn’ abbaa ilaalcha dhiphummaati.Namini
abbaa ilaalcha dhiphummaa kana jajuufi jajjabeessuuf carraaqus diina Ummata
Oromooti.
Diinni Ummata
Oromoo kan biraa ilaalcha Of tuultotaati.Of tuultoonni waggoota hedduuf waan
Saba Oromoo irratti raawwachaa turan akka Bofaatti muuxachuun itti deebisuuf
fedhii akka qaban sochii fakkeessuudhaan
taasisaniin qabatamaan mul’isaniiru.
Humna dhiphaa
ABOfi gareewwan dhiphootaa kanneen biroo wajjin walfuudhuudhaan Of tuultoonni
biyya keessaafi biyya alaa waan Oromiyaadhaaf gaddan fakkaatanii kan isaan
raawwachaa turan sirritti hordofneerra.
Asrrattis muuxachuun,
Bofa du’a hinoolchu.Hanga danda’an wixiffachaa erga turanii booda humnoonni kun
wayita ammaa mataa gadi qabataniiru.Egaa humnoonni kun qaawwaafi haala
mijaawaa argatan hundatti
fayyadamuudhaan fuuldurattis wixxifachuun isaanii hin oolu.Kanaaf humnoota
badii kanatti karra cufuudhaan mankaraarsitootaafi kiraa sassaabdoota munyuuqaa
jiranis mataa gadi qabsisuun fayyadamtummaa Ummata keenyaa gama hundumaanuu
mirkaneessuudhaaf socho’uun murteessaadha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ