Artiistoota Oromoo karaa irraa butamuun maqfaman

Burjaaja’umsaafi gocha fakkeessummaa humnoonni dhiphootaa uumaniin Artiistoonni Oromoo karaa irraa maqan baay’eedha.

Jeeqamsa barana Oromiyaa iddoowwan adda addaa keessatti mudachuun lubbuu Namootaa galaafateefi qabeenyi akka barbadaa’u taasise keessaa Artiistoonni Oromoo karaa irraa maqfaman hedduun shoora gumaachaniiru.

Dhuguma hojiin Aartii dhugaa qabatamaan jiru mul’isuudhaan Dararama Ummata irra ga’u saaxiluun akka irraa baratamu taasisuudha.Artiistoonni Oromoo barana humna dhiphaadhaan dhiibamanii  sirboonni adda addaa baasan garuu miidhama dabalan malee bu’aan argamsiisan tokkollee hin jiru.

Waa’ee maatar pilaaniitu sirbame,kun gaariidha, qabaa-nagadhiisaa jechuun qawween qabatamee sirbame kana maddiitti Dh.D.U.O’tu arrabsamuudhaan gadi qicame.olola dhiphootaa hordofuudhaan hawaasni toora dhaabbata kanaa hordofe marti abbaa garaa jedhamee arrabsame.

Hojiin Artii arrabaafi qaama biroo salphisuufi shoroorkeessuuf ooluu hin qabu,kan qabatamaan ta’ee mul’ate garuu isa kanadha.

Akka tilmaamakootti Artiistoota keenya rakkoo kana hundaaf kan saaxile hiyyummaadha!kun waan haalamuufi waakkatamu ta’uu hin danda’u.Ispoonsara humni dhiphaan biyya alaa irraa mijeessee dhiyeesseen Artiistoonni Oromoo ol guddattuun hedduun waan kaayyoo hin qabneef hiriiruudhaan ummanni Oromoo akka miidhamu taasisan.

Dhaabbata irkoo qabsoo Ummata Oromoo ta’uudhaan gama hundumaanuu bu’aan akka galmeeffamu taasisetu ergamtuu Tigree jechuun arrabsamuudhaan salphifame.

Kana hunda duuba harki eenyuu akka jiru beekamaadha.Wanti nama gaddisiisuufi xiiqii keessa nama galchu garuu Artiistoonni Oromoo reefuma carraa argatan karaatti akka hafan taasifamuusaaniiti.Artiistiin akka Jireenyaa Shifarraaw wanta hin taane keessa galuun gocha badii humnoota dhiphootaatti akka hirmaatu taasifamuun isaa akka dhuunfaatti baay’ee nagaddissiieera.

Artiistoonni kanneen biroo aadaafi Seenaa Oromoo dilbii waraabamee hin dhumne irratti hojjechuudhaan ofis ta’e ummata Oromoo fayyaduu utuu danda’anuu humna dhiphaadhaan butaman.

Kanneen durumaanuu ilaalchi dhiphummaa itti roorrisee sirban dhimmasaaniiti. Ana gamakootiin kan nagaddisiisu Dhaloonni haarawaan waan kaayyoo hin qabneef hiriifamuu isaati.Gochi kun gocha mootummaan abbaa irree Darguu Dargaggoota Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman gammoojjii Eertiraa keessatti adda waraanaatti akka dhuman taasisuun irbaata Allaattii akka ta’an taasise irraa adda baafamee ilaalamuu hin qabu!


Artiistoonni Oromoo gocha baranaatti hirmaatan muraasumaan kanneenidha:
1.Saalihaa Saamii
2.Joorj Abbuu
3.Araarsaa Gabbisaa
4.Muluu Baqqala
5.Hawwii Tazarraa
6.Caalaa Bultumee
7.Daadhii Galaan
8.Kadir Martuu
9.Umar Suleemaan
10.Tafarii Makonnin
11.Addisuu Karrayyuuti.kanneen biroos jiru.

Hojiin Aartii Oromoo ni jalqabame malee hin xummuramne, kan hojjetame caalaa kan irratti hin hojjetamnetu baay’eedha.Lakkaawwameetuu kan dhumu miti.Artiistoota Oromoo lammiiwwankoo baay’ee dogongortan.Humna dhiphaatu isin dogongorsuun karaa irraa maqsuudhaan isin bute.Kan darbe darbeera ta’eera.Doongorri mudate dabalamuu hin qabu Ummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafachuun gara hojii keessan boonsaatti deebi’aa.Ergamtuu dhiphootaa ta’uudhaan fayyadamtummaa Ummata Oromoo yoomiyyuu mirkaneessuun hin danda’amu!


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa