Hiyyummaa wajjin walta’uudhaan jiraachuun hindanda’amu!
Dargaggoonni
hojii filachuufi tuffachuu hin qaban!
Maddi
badhaadhinaa hojii kamiyyuu utuu hin tuffatin hojjechuudha.Namoonni baay’een
wayita ammaa sadarkaa gaariirra jiran ka’uumsi isaanii gara gadii irraa akka ta’e
yeroo baay’ee yoo himamu dhaga’ama.
Kun
dhugaa qabatamaan jirudha.Rakkoon jiru Namoonni dhimma kana xiinxalanii ilaaluudhaan
kan itti hin fayyadamne ta’uusaati.
Nuti
akka lammiitti,lammiiwwan jireenya hiyyummaa jala jirrudha.Hiyyummaan mana
nurratti ijaarrattee waggoonni lakkaa’amaniiru.Kanaaf kan nusaaxilanii darban
ammoo sirnoota abbaa irree kanaan duraati.
Amma
biyya keenya keessa sirni abbaa irree hin jiru.Hojjechuudhaan hiyyummaa keessaa
ba’uuf haala mijaawaatu jira.
Kanaaf
ilaalcha duubatti hafaa hojii tuffachuufi wal caalchisuu nubiratti dagaagee
ture moo’achuudhaan hojii kamiyyuu hojjechuun jireenya hiyyummaa keessaa ba’uuf
socho’uun dirqamadha.Haala qabatamaa wayita ammaa biyya keenya keessa jiruun
hiyyummaa wajjin walta’uudhaan jiraachuun hin danda’amu.
Falli
xumuraa hojii kamiyyuu utuu hin tuffatiniifi utuu hin filatin waanuma argame
kamiyyuu hojjechuudhaan hiyyummaa moo’achuudha.
Hiyyuummaa
erga moo’annee booda akka fedhiifi dandeettii qabnutti hojii filachuun ni danda’ama.Bakka
haalli mijaa’aan hin jirretti kana gochuun garuu hiyyummaan akka nuti roorftuuf
haala mijeessuudha.
Hiyyummaan
bara baraan nutti roorrisuu mannaa hojii kamiyyuu hojjechuudhaan dugda
hiyyummaa irra dhaabbachuutu gootummaadha.
Gootummaan
Dargaggoota Oromiyaa ammoo kunoo amma mul’achuuf jira.Tibbana pirojaktiin
misooma Dargaggootaa,Dargaggoota Oromiyaa lakkoofsaan kuma 800 ga’an
fayyadamtoota taasisu ifoomsameera.Kun Dargaggoota Oromiyaa rakkoo hojii
dhabdummaatiin dararamaa turaniif oduu gammachiisaadha.
Amma Mootummaan raawwii
sagantichaatiif birrii miliyoona 300 akka ramade ifoomseera.Walumaa galatti
misooma Dargaggoota Oromiyaatiif birrii biliyoona 2 caalutu ramadame.kana
jechuun Dargaggoota dhaabbilee adda addaa keessatti makamanii carraa hojii akka
argatan taasifamuuf jiru wajjin akka ta’e himameera.
Kanaaf
birriin biliyoona 2 caalu kun bajata maallaqaan ramadame akka hintaane hubatamuu
qaba.
Amma
wanti yaaddessaan jiru aadaa duubatti hafaafi ilaalcha hojii tuffachuufi
filachuutiin Dargaggoonni duubbatti of qaban jiraachuu danda’uu laata? dhimma
jedhudha.
Yoo
akkuma barame ilaalchi duubatti hafaan kun Dargaggoota keenya duubatti harkise
miidhamni wayita ammaa sababa rakkoo hojii dhabdummaatiin Dargaggoota keenya
dararaa jiru itti fufuunsaa hin oolu.Miidhamni kun akka itti hin fufneef of
qopheessuuniifi onnachuun barbaachisaafi murteessaadha.Kun ammoo qooda
Dargaggoota Oromiyaati.
Maatiiniifi
ogeeyyoonni gara garaas Dargaggoonni Oromiyaa hubannoo gahaa akka qabaataniif
socho’uutu irraa eegama.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ