Waggaa lakkaa’uu qofa miti!!

Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.O’n) ayyaana hundeeffamasaa waggaa 26ffaa sirnoota adda addaatiin kabajaa jira.Miseensonniifi deeggratoonni dhaabbatichaa ayyaana kana kan kabajaa jiran waggaa lakkaa’uuf qofa miti.


Waltajjiiwwan maree adda addaa irratti akka himamaa jirutti sababa rakkoolee keessoofi alaa dhaabbata kana mudataniin amma xiiqiin qabsoo uumameera.

Miseensonniifi deeggartoonni dhaabbatichaa quuqama Ummata Oromootiif qaban waltajjiiwwan ayyaanicha sababeeffachuun qophaa’an irratti ibsaa jiru.Kun waan gaariidha.Ormatti quba qabuun dura ofitti quba qabuudhaan Xiiqiin waltajjiiwwan irratti dubbachuun dhaga’amaa jiru ammoo qabatamaan hojiidhaan mul’achuu qaba.

Miseensoonniifi deeggartoonni Dhaabbata Demokraatawa Ummata Oromoo fayyadamtummaa Ummata Oromoo itti fufsiisuufi walumaagalattis guddina biyya keenyaa saffisiisuu kan danda’an damee hojii kamiinuu adda duree ta’uudhaan yoo hojjechuu danda’anidha.Kanaaf ammoo fakkeessitoota irraa of eeguudhaan hojiidhaan bu’aa qabatamaa galmeessisuuf socho’uun murteessaadha.

Kun ta’uu baannaan isaanis hin fayyadaman Ummanni Oromootis hiyyummaa mataa gadi nuqabsiisee ture keessa turuuf dirqama.


Haala qabatamaa amma jiruun olola dhiphootaa,kan of tuultootaa,kan makaraarsitootaafi kiraa sassabddotaa gadi qicuudhaan bira darbuutu barbaachisa.Diinoonni keenya Ummanni Oromoo hundi warqii utuu uffateellee gaariitu hojjetame jechuu hin danda’an.


Bu’aa dhaabbanni kun ummata wajjin qindaa’uudhaan damee siyaasdaafi hawaas-diinagdeetiin galmeessisaa jiru kan qabatamaan beeku Ummata Oromooti.Ragaa kanaa diinoota keenya halkanii guyyaa kufiinsa nuuf hawwan irraa eeguun gowwummaadha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa