Lammiiwwan du'aniif gaddi ibsamaa jira

Mootummaan Naannoo Oromiyaa balaa du'aa jiraattoota Naannoo Gaambeellaa irra ga'een gaddasaa ibseera.

Jiraattoota naanichaa sababa balaa kanaatiin miidhamaniifis deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mootumaan Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Mootummoonni naannolee gara garaas haaluma walfakkaatuun gaddasaanii ibsaniiru.

Kun kanaan utuu jiruu manni maree bakka bu'oota Ummataa har'a guyyaa gaddaa biyyaalessaa lama labseera.

Manni marichaa akka murteesetti guyyaan gaddaa kun boru kan eegalu yammuu ta'u hanga kamisa dhufuutti itti fufuudhaan tura.

Guyyaa gaddaa labsame kana sababeeffachuunis Alaabaan Itiyoophiyaa gadi siiqee akka mirmirfamuuf murteeffameera.

Hidhattoonni suudaan kibbaa irraa daangaa ce'anii dhufan lubbuu Namoota hedduu akka galaafatan ni beekama.‪

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa