Guddina diinagdeetiif xiyyeeffannoon kennamuun mul'achaa jira

Finfinnee Caamsaa 02/2011(Tolawaaq Waarii) Gufuuwwan hedduun jidduutti mulachuun qaawwi waan uumame fakkaate malee hooggansi jijjiiramaa waa'ee guddina diinagdeetiif xiyyeffannoo kennee socho'uu erga eegalee tureera.Warraaqsi Diinagdee Oromiyaatti waggoota dura eegalame kanaaf ragaadha.
Sochiin qabatamaan tibbana Oromiyaatti mul'achaa jirus guddina damee diinagdeetiif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa akka jiru kan mul'isedha jechuun ni danda'ama.
Dargaggoota hojii dhabeeyyii ta'aniif carraa hojii uumuun akka danda'amuuf dhiyeessii liqaa birrii biliyoona 3 caalu mijeessuun guddina diinagdee lammiitiif xiyyeeffannoo kennuudha.Dargaggoonni hojii hin qabne carraa mijaa'e kanatti sirritti fayyadamuu qabu.Yoo isaan carraa mijaa'e kanatti fayyadamanii socho'an guddina diinagdeetu saffisa.
Saffisni guddina diinagdee lammii dhuunfaa ammoo guddina Naannoo keenyaafi biyyaa saffisiisuuf shoora ol'aanaa gumaacha.
Dameen hojii qonnaas xiyyeeffannoo argachuu akka qabu itti amanamee sochiin eegalame abdachiisaadha.Keessumattuu qonna Oromiyaa hammayyeessuufi ceesisuuf carraaqqiin taasifamaa jiru marii kaleessa galma waajjira pireezidaantii Oromiyaatti adeemsifameen mul'ateera.
Waltajjii marii kana irratti hayyoonni qorannoo taasisan dhiyeessuudhaan qaamoleen dhimmi ilaallatu irratti mari'ataniiru.Mariin taasifame hanqinoota damee qonnaatiin jiran furuuf gumaacha ol'aanaa qaba jechuun ni danda'ama.Qonna hammayyeesuufi ceesisuun dirqama.Akkuma duriitti socho'uun bu'aa barbaadamu argamsiisuu hin danda'u.Qonnaan bulaan Oromoo gama hundaan deeggaramuu qaba.Teknooloojiiwwan qonnaatti fayyadamee omishasaa dachaadhaan dabaluutu irraa eegama.Hammentaan omisha qonnaan bulaa yoo dabale jireennya qonnaan bulaatu fooyya'a.Haalli jireenya qonnaan bultootaa fooyya'e jechuun ammoo guddina diinagdeetiif haalli amansiisaan uumame jechuudha.
Jireenyi qonnaan bultootaa yoo fooyya'e jiraattoonni magaalaas qananiidhaan jiraachuu danda'u.Madda galii qonnaan bultootaas ta'u.Wal utubuun haala kanaan mul'atu ammoo guddina diinagdee biyyi barbaaddu argamsiisa.
Jijjiirama qabsoodhaan dhufe duubatti deebisuuf humni socho'u jiraatus guddinni diinagdee amansiisaa taanaan humni wixiffachaa jiru wanti gochuu danda'u hin jiru.
Kanaaf bu'aa damee siyaasaatiin argame amansiisaafi itti fufiinsa kan qabu taasisuuf xiyyeeffannoon guddina diinagdeetiif kenname kan qaama hundaatuu ta'uu qaba.Carraaqqiin mootummaa qofaasaatti bu'aan argamsiisuu danda'u gahaa hin ta'u.Lammiin hundi yaaddoo nagaa keessaa ba'ee guddina diinagdeetiif socho'uutu irraa eegama.Mootummaanis Nagaa biyyaa amansiisaa taasisuuf dirqama itti kenname ba'uu qaba.Kanneen caasaa keessa taa'anii carraaqqii eegalame gufachuusan utuu yeroo hin kennin of keessaa qulqulleessuutu irraa eegama. #Economy #RuleofLaw

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman