Oromoofi Harariin waan waloo baay'ee qabu.

Finfinnee Ebila 24/2011(Tolawaaq Waarii) Ummanni Oromoofi Hararii tokkummaasaanii cimsuuf har'a waliin mari'atu.
Gareen qondaaltoota Oromiyaa pireezidaantii Itti aanaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimmallis Abdiisaatiin hoogganame Magaalaa Harar galeera.Qondaaltoota Naannoo Harariitiinis simannaan taasifameeraafi.
Ummattoonni lamaan waan waloo baay'ee qabu.waan waloo eeggachuun kunuunfachuun dirqama ummattoota lamaaniit.
Waltajjiin marii Ummata Oromoofi Hararii har'a Magaalaa Hararitti adeemsifamu kun ammoo kanaaf haala kan mijeessu ta'uusaarratti shakkiin hin jiru.
Pireezidaantiin itti aanaan Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa turtii marii waloo Ummata Oromoofi Hararii booda bakka bu'oota jiraattoota godina Harargee bahaa wajjin akka mari'atan beekameera.
Hoogganaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxaw akka himanitti mariin pireezidaantichi bakka bu'oota godina Harargee bahaa waliin taasisan haala yeroo irratti kan xiyyeeffatu yammuu ta'u akkaataa rakkooleen gara garaa fala ittiin argatan irratti kallattiin gara fuulduraa ni kaa'ama jedhamee eegama #Ethiopia#Oromiyaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman