Shira diinagdee dura dhaabbachuutu fala fida

Finfinnee Caamsaa 15/2011(Tolawaaq Waraii) Akka biyyaatti damee diinagdeetiin rakkoon diinagdee bal’aan akka jiru beekamaadha.Hanqinni sharafa alaa jiraachuun omishawwan biyya alaa irraa gara biyyaatti galfaman irratti gufuu ta’ee akka jiru kan hubachuu dadhabu waan jiru natti hin fakkaatu.Omishawwan biyya alaa irraa gatii sharafa alaatiin bitamanii galfaman dhabamuun,dhiyeessiin isaanii hanqachuun akka barbaadamutti dhabamuun sababa quubsaa qaba.Sharafni alaa gahaan waan hin jirreef akka barbaadamutti galchuun ykn. fichisiisuun hin danda’amne yoo jedhame fudhatama qaba,amansiisaadhasi.

Kan nama hin amansiifne garuu omishi biyya keessatti oomishamu akka malee qaalawuusaati.Kuduraafi muduraan sababa maaliitiin humna bitachuu hawaasaatiin ol ta’a jedhamee yaadamaa?Qullubbiin adiinis ta’e diimaan biyya alaa irraa sharafa alaatin bitamee dhufaa?Xaafiin Itiyoophiyaan ittiin beekamtu sababa maaliitiin gatiinsaa akka malee dabale? Gatii qaalawaa omishi akaakuu adda addaa amma ittiin gurguramaa jiru kanatti kan fayyadamaa jiru qonnaan bulaa dadhabbii cimaadhaan omishedhamoo dallaalota jidduu jiranidha?Gaaffileen kun hunduu deebii barbaadu.Mee iddoodhuma jirrutti irratti mari’annee haala qabatamaan jiru haa xiinxallu.Falaafis haa hojjennu.

Jijjiirama waggaa tokko dura dhufee adeemsarra jiru kana tooftaa kamittuu fayyadamuudhaan kuffisuuf itti fufiinsa akka hin qabaanne taasisuuf qindoomina humnoota adda addaatiin hojjetamaa akka jiru hundatu beeka.Qaalawiinsa gatii oomishaalee akaakuu adda addaa uumuunis tooftaa tokko ta’ee tajaajiluu akka danda’u shakkamuu hin qabu.
Waldaaleen shamattootaa maal hojjechaa jiru? Quunnamtiin haala ammaa kana wajjin qaban maal fakkaata?Hojjettoonni waldaalee shamattootaa magaalota adda addaa keessattii tajaajilaa jiran eenyufa’i? quunnamtiin gufachiiftoota jijjiiramaafi warra shiraa wajjin qaban maal fakkaata?Haqaan hawaasa tajaajilaa jirumoo omisha dhoksanii ykn. Karaa hin taaneen akka ba’u godhanii gatiin shaqaxoota adda addaa akka qaalawu gochaa jiru?
Dhaabbileen dhiyeessitoonni gurguddoon caasaa Kanaan duraatiin hundeeffaman amma maal hojjechaa jiru?humna jijjiirama gufachiisuu barbaadu maddii hiriiranmoo adabatanii hojmaata jiru kabajuun hojjechaa jiru?Kun hundumtuu sirritti sakatta’amuu qaba.
Dallaalonni waggoota hedduu darban keessa madda galiisaanii humna amma jijjiirama mormu taasifatan amma adabatanii taa’u jedhamee akkamiin yaaduun danda’amaa? Dallaalonnis sakatta’amuu qabu.Maddi galiisaanii akka jalaa hin dhabamneef hojjechuu danda’u.Kanaaf isaanis sakatta’amuu qabu.
Kana hunda gaafachuudhaan falaaf hojjechuun maalif akka barbaachisu hubatamuu qaba.Shira diinagdee kana dura dhaabbachuudhaan falaaf hin hojjetamu taanaan rakkoo hawaasa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarra jiruutu daran cimee itti fufa.Hawaasni hammentaa galii argatuun jiraachuu dadhabe ammoo mootummaa komachuunsaa waan hin oolledha.Hawaasni mootummaa komatee mootummaan taayitaarraa akka bu’u taasisuun ammoo galma kaayyoo warra shiraati.

Warri shiraa waan yaadan akka hin milkeeffanneef dura dhaabbatameera.Yaaliin isaan Kanaan dura kallattii adda addaatiin taasisan hawaasni haala jiru hubatee waan deeggaruu dideef jalaa fashalaa’ee hafe.Sabaafi sab-lammoota walitti buusuudhaan,lammiin iddoo jiraatu irraa akka buqqa’u taasisuudhaan,yaalii  ajjechaa gara garaa taasisuudhaan, meeshaaleen waraanaa biyya keessa akka faca’an taasisuudhaan jijjiirama gufachiisuuf carraaqiin himamee hin dhumne taasifameera.
Ammaan tana yaalii xumuraatu taasifamaa jira jechuun ni danda’ama.Qaalawiinsa gatii uumuun carraa xummuraa ta’uu hin oolu.Ummanni waan ittiin jiraatuufi akka ittiin jiraatu dhabe mootummaa humnaan akka gargalchuuf barbaadu.Fedhiin isaanii akka kana ta’e baruudhaan rakkooleen Ummata bal’aa akka fala argataniif hojjechuun,carraaqqii itti fufuunsa qabu taasisuun dhimma murteessaa yeroon ammaa gaafatudha.Ofii ministeerri Daldalaafi caasaaleen isa jala jiran maal hojjechaa jiruu?Kan quba qabdan yoo jiraattan nutti himaa.!Ijoo dubbii Tolawaaq Waarii kana waan dubbiftaniif galatoomaa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman