Ergaa gurguddaa Ob.Leencoo Lataa Oromoo hundaaf dabarsan

Finfinnee Caamsaa 14/2011(Tolawaaq Waarii) Siyaasa Oromoo keessatti yeroo hunda maqaa isaanii kan dha'amu Obbo Leencoo Lataa Oromoo hundaaf dhaamsa gurguddaa dabarsaniiru.
=>Obbo Leencoon OBN'f ibsa kennaniin dorgommiin Oromoota jidduutti taasifamu dhaabbachuu qaba jedhan
=>Itti gaafatama guddaatu nurra jira.Imaanaa biyya bulchuutu nurra jira.
=>Akka durii rakkoo qofa kaasuun gaarii hin ta'u.Hegeree Saba Oromoo irratti wal dorgomuu hin qabnu!
=>Xiyyeeffannoo ol'aanaan hiyyummaa keessaa ba'uurratti ta'uu qaba
=>Waan hunda mootummaa irraa eeguun barbaachisaa miti.Ofiin hojjennee jijjiiramuudhaaf socho'uu qabna.
=> Hanga Oromoon hiyyumma keessaa hin baanetti Itiyoophiyaanis jireenya hiyyumma keessaa ba'uu hin dandeessu!
=>Dafqinee waa horachuu irratti bobba'uu qabna
=>Walfalmuufi waldiineeffachuun garaa garummaa akka qabu beekamuu qaba.
=>Har'a walitti inaafuurra wal duukaa dhaabbachuutu nu baasa
=> Yoo caarraan arganne kun nu harkaa ba'e dhalootatu nu gaafata
=>Xiyyeeffannaan keenya ol'aanaan mirga Saba Oromoo kabajisiisuu ta'uu qaba. 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

Nuu jiraadhu Oromiyaa!!

ቤተ መንግሥት ድረስ ገብተው ጉድ ሊሰሩን የነበሩ የሠራዊቱ አባላት መኖራቸውን ካሰብን......