Baacoo baaldii fi simbiraatiin wanti duubatti deebi'u hin jiru!

Baacoo baaldii fi simbiraatiin wanti duubatti deebi'u hin jiru!

Kiyyoo Diinaa
Hin Seeninaa!

Oromoon akka sabaatti waan keessa ture ni beekna. Xiqqaa guddaa keenyatu dahoo hunda keessatti roorroo fi gadadoo ulfaataa jala ture. Oromoo akaakuu maratu gidiraa Qilinxoo fi Maa'ikalaawwii dhamdhame. Amantiin adda nu hin foone. Islaama, Kiristaana, Waaqeffataa fi kan amntii hin qabnu hundatu waan Oromoo ta'eef fannifamaa, hidhanmaa fi kolaafamaa ture. Ogummaan adda nu hin baafne. Naggaadee, barsiisaa, injineera, ogeessa fayyaa, shufeera, qonnaan bulaa fi barataatu waliin gidiraa keessa ture. Gosummaan adda nu hin baafne. Boorana, Gujii, Arsii, Ituu, Karrayyuu, Tuulama, Macca, Walloo fi Humbannatu waliin ergarame.
Tokkummaan qabsoofnee diina haga tulluu gahu cabsine. Tokkoomnaan ija bilisummaa agarre. Amma diinni tokkummaa keenya diiguuf kiyyoo qopheeffate. Tokko kiyyoo amantaati. Amantiin adda fooyee waliin nu cabsuu heda. Namoota Quraana fi Baayibilii kukkutan bobbaasee jira. Lammati ogummaa dha. Barsiisummaa, Dooktorummaa, Shufeerummaa, Injiinermmaan, daldalummaan, qonnaan-bultummaan adda nu qooduu heda. Boru akka waliin hin dhaabanne gochuufi.
Dhugaa dubbatuuf biyya kana keessa rakkoon danuu dha. Rakkoo bara dheeraa kuufametu jira. Namuu gaafii qaba. Barsiisaan, poolisiin, gaazexeessaan, barsiisaan, barataan, qonnaan bulaan, hakiimni, daldalaan, martuu gaafii qaba. Gaafiin kun deebbi argatuun dirqama. Garuu yeroo eegatuu qaba. Humnaa fi haala biyyaa laaluu barbaachisa. Yoo sun ta'uu baate kiyyoo diinaa lixuutu dhufa. Biyya kana keessatti ogummaa mara kan ajjeese ni beekama. Mootummaan amma jiru rakkoo dhaale malee rakkoo hin dhalle. Warruma ofii biyya gurguraa turetu ogummaan ummata qoodee bulchiinsa Dr Abiyyi irratti kakaasaa jira. Ogeeyyiin fayyaa dubbii tana keessa laallatuu qabu.
Garuu firris diinnis dhugaa tokko hubatuu qaba. Jijjiiramni wareegama dhalootatiin dhufe wareegama dhalootatiin eegama. Baacoo baaldii fi simbiraatiin wanti duubatti deebi'u hin jiru. Garuu Nuti sirba ormaa hoo'isuu irraa of qusachuu qabna.
Bilisummaa fi qananii keenyaaf tokkummaatu wabii dha! #Ethiopia #Oromia #RuleofLaw

VIA:Taayyee Danda'aa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman