Ummanni duruu tokkuma,mariin hariiroo obbolummaas waanuma jiru jabeessa


Finfinnee Ebila 30/2011(Tolawaaq Waarii) Tibbana Oromiyaa iddoo hundatti sagalee Ummata waliin jiraachaa tureefi waliin jiraachaa jirutu dhaga’ame.Ummata dhaggeeffachuun waan gaariidha.Waliin jireenya Ummattootaa keessatti rakkoo maaltu jira?Ummanni maal jedha laata? Jechuun Ummanni akka mari’atuuf mootummaan haala mijeessuunsaa baay’ee gaariidha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala tibbana mul’ate Kanaan Ummanni Oromoo sabaafi sab-lammoota waliin jiraatu wajjin iftoominaan akka mari’atu taasisuun isaa Nagaa Naannoo Oromiyaa amansiisaa taasisuuf,shakkii daldaaltoonni siyaasaa Ummattoota jidduutti uuman dhabamsiisuuf shoora ol’aanaa kan gumaachudha.
Ummattoota jidduu duruu rakkoon akka hin jirre beekamaadha.Ummanni duruu waliin jiraachaa ture,ammas wal kabajaafi wal jaalalaan waliin jiraachaa jira.Mariin hariiroo obbolummaa tibbana sadarkaa Magaalotaa godinaalee aanaaleefi gandootaatti adeemsifame ammoo waliin jireenya ummattootaa kana daran kan jabeessudha.
Akka hubatametti waltajjiiwwan marii hariiroo obbolummaa Ummattootaa Oromiyaatti adeemsifame kana irratti qaamolee hawaasaa adda addaatu hirmaate.Abbootiin Haadholeen Dargaggoonni hirmaataniiru.Yaadawwan dhalataa saba biraa ta’anii Oromiyaa keessa jiraataniin iddoowwan adda addaatti kennamanii dhaga’amaa turanis Ummanni Oromoo sabaafi sab-lammoota waliin kan jiraatuufi hammataa ta’uusaa ragaa qabatamaa kan itti kennanidha.

Mariin hariiroo obbolummaa Ummattootaa kun walitti dhufeenyaafi waliin jireenya ummattootaa daran kan jabeessu yammuu ta’u hamilee daldaaltoota siyaasaa faayidaadhaan walitti dhufanii jiran ammo kan cabsudha.Isaan wal jaalalaafi waliin jireenya ummattootaa hin jaallatan.Yoo ummanni wal ta’ee jiraate galiisaaniitu hir’ata.Kanaaf marii hariiroo obbolummaa Ummattootaa Kanaan akka mataa gadi qabatan beekamaadha.Obbolummaan Ummattootaa yoomiyyuu haa dagaagu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman