Mariin hariiroo obbolummaa cimsuu

Finfinnee Ebila 29/2011(Tolawaaq Waarii) Mariin hariiroo obbolummaa cimsu guyyaa har’aas sadarkaa aanaaleetti itti fufee jira
Mariin hariiroo obbolummaa cimsuu guyyaa kaleessaa sadarkaa godinaa fi maagaalota gurguddootti jalqabe guyyaa har’as sadarkaa aanaaleetti cimee itti fufee jira.
Marii guyyaa kaleessaa sadarkaa godinaa fi magaalota gurguddootti gaggeeffameen dudhaa gaggaarii waliin jireenyaa ummattoota walitti hidhee fi tokkoomsee dhalootaa gara dhalootaatti cehaa dhufe cimsachuu fi shira daldaaltoota siyaasaa irraa eeggachuun bu’uura cimaa nageenyaa, misooma, guddinaa fi badhaadhina waliin taasifachuun tokkummaa fi jaalalaan fulduratti tarkaanfachuun akka dandanda’amu ejjennoon qabatameera. 
Walitti bu’iinsii fi wal-buqqisuun shira daldaaltota siyaasaa irraa kan madde malee bu’uura ummattootaa kan hin qabne ta’uurrattis waliigalameera.Mootummaan dirree demokraasii bal’isuu sababa jedhuun mirgi midiyaaleedhaaf kenne gaarii ta’ullee, miidiyaaleen tokkoo tokko sadarkaa mirga ofii itti shaakalan walaalurraa kan ka’e duudhaa waliin jireenyaa ummattootaa booreessaa jiru. Waan ta’eefis mootummaan luugama itti gochuu qaba kan jedhus akka yaadaatti ka’eera. Gama biraatiin, dirree demokraasii bal’ate keessatti paartileen siyaasaa ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan akka tarkaanfachiisaniif mirgi hin daangofne kan kennameef ta’ullee, jaarmiyaalee gama tokkoon qabsoo karaa nagaa jechuun gama biraatiin ammoo ummataa fi ummata wal nyaachisaa oolanii fi ummatarratti yakka hojjetan irratti mootummaan ol’aantummaa seeraa kabachiisuu qaba kan jedhus akka ejjennootti qabatameera. 
Guyyaa har’aatis mariin walfakkaatu sadarkaa aanaaleetti gaggeeffamaa kan jiru yommuu ta’u, duudhaalee gaggaarii waliin jireenya ummattootaa shira daldaaltoota siyaasaa irraa baraaruun bu’uura misoomaa, nageenyaa, guddinaa fi badhaadhina waliinii taasifachuun akkaataa guddinaan waliin tarkaanfachuun danda’amurratti mari’atamuun ejjennoon ni qabatama jedhamee eegama. Marii kanarratti ummattoonni oboleewwanii aanaalee Oromiyaa fi daangaa naannolee olla keessatti argaman ni hirmaatu. #Oromiyaa #RuleofLaw

Maddi:BDhkMNO

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman