Ibsa poolisii Magaalaa Finfinnee

  


Ayyaana Iid Al-Fixiir waggaa 1443ffaa guyyaa har’aa Finfinneetti kabajame irratti jeequmsa namoonni muraasni uumaniin, qabeenyaa irra miidhaan gahuu, Poolisiin Maggaalaa Finfinnee beeksiseera

Yeroo ammaas hordoftoonni amantichaa tasgabbiin gara mana isaaniitti deebi’aa waan jiraniif, hawaasni tasgabbaa’ee ofii fi naannoo isaa eegachuu akka qabu, poolisiin magaalaa Finfinnee dhaameera.

Yeroo itti aanu dhimma kanaafi kanneen biroo irratti ummataaf odeeffannoo kan kennuu ta’uus dabalataan beeksiseera.

Ayyaanichi jeequmsa muraasa Magaalaa Finfinneetti mudateen ala guutuu biyyaatti karaa nagaatiin kabajamaa akka jiru ni beekama.

Hawaasni Musliimaa ganama solaataafi ba’e sirnichi erga xumuramee booda gara mana isaatti deebi’uudhaan haala barameen ayyaanasaa kabajachaa jira.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman