“Sochiin Shanee sadarkaa biyyaaf yaaddoo hintaanerra ga’eera” -Koloneel Abbabaa Garasuu.

 


Oppireeshinii Uummanni qaamolee nageenyaa waliin ta’ee geggeessaa jiruun Shaneen sadarkaa biyyaaf yaaddoo hin taanerra ga’uu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan Biirichaa, Koloneel Abbabaa Garasuu Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, oppireeshinii Uummanni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun Shaneerratti geggeessaa jiruun garichi sadarakaa biyyaaf yaaddoo ta’uu hin dandeenyerra ga’eera.
Shaneen karaa nagaa qabsaa’uuf waamichi taasifamuufis, miila tokko magaalaa miila biroo bosona kaa’uun ‘qabsaa’uu’ filachuun gocha farrummaa Uummatarraan ga’aa jira. Ummata saamuu, ajjeesuu, butee bosona seenuufi lammii qe’eerraa buqqisuu gocha gara jabinaa raawwachaa jiru farra ummataa ta’uusaa agarsiisaa jira jedhan Koloneel Abbabaa Garasuu.
Shaneen bakkeewwan keessa socho’utti daandii cufuu, konkolaataarraa nama buusee ajjeesaa ture. Gocha kanaanis sochii ummataa bakkaa bakkatti taasifamurratti sodaafi yaaddoo uumaa tureera.
Uummannis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun bakkeewwan Shaneen keessa socho’u hundatti tarkaanfii fudhachaa jira.
Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameenis miseensonni garichaa ajjeefamuufi kaan booji’amuu eeruun, bu’aa argameen sochiin uummataa bakka duraan turetti deebi’aa jiraachuu hubachiisaniiru.
Akka ibsa Koloneel Abbabaatti, Shaneen bakka humni Mootummaa ga’aan hinjirreefi fageenya gidduu jiru fayyadamuudhaan halkan gocha farrummaa Uummatarratti raawwachuun garee bosonaatti dheessuudha.
Shaneen tooftaa lolaa waraana adda lolaatti geggeeffamu hordofa utuu hintaane, riphee badii qaqqabsiisaa baqachaa jira jedhanii, kana jechuunis hafteen Shanee deebi’ee balaa hinqaqqabsiisu jechuu akka hi taane hubachiisuun, Uummati sadarkaa gandaafi aanaatti milishaafi humnoota nageenyaasaa waliin ta’uun naannawasaa dammaqee eeguu akka qabu hubachiisaniiru.
Haga oppireeshinichi xumuramutti warra maqaa Shaneetiin Uummata saamuufi murnicha qabee seeratti dhiyeessuun duulli eegalame yeroo gabaabaa keessatti injifannoon akka xumuramuuf hunduu gumaacha irraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Oppireeshiniin fudhatamaa jiru akaakuu oppireeshinii hunda kan ofkeessatti hammate ta’uu hubachiisuun, hanga Shaneen guutummaatti dhabamutti akka ittifufus ibsaniiru.
OBN akka gabaasetti deeggarsi olaanaan uummanni qaamolee nageenyaaf taasisaa jirus, hanga xumuraatti cimee itti fuu qaba jedhaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman