Ijoollee Sabaa Hurriin itti marame

Finfinnee Caamsaa 11,2014(TW) Ijoolleen Saba Oromoofi Tigraay maalif raata'an?Hurrii itti marame ofirraa kaasuu dadhabanii dararama ol'aanaadhaaf of saaxilan.Dargaggoonni keenya Qeerroowwan Oromoo olola sobaa ABO Shaneetiin burjaaja'uudhaan sochii kaayyoofi galma hin qabnetti seenuudhaan miidhamaaf of saaxilan.

Dargaggoonni Tigraayis haaluma walfakaatuun olola sobaa Wayyaaneetiin raata'uudhaan irbaata rasaasaa of taasisan,kaan beelaan waxalaman dhukkubaanis dhumaa jiran.

Ijoollee sabaa kanneen keessaa kan carrooman humnoota tasgabbii Itiyoophiyaatti nagaadhaan harka isaanii kennachuudhaan lubbuu isaanii du'a irraa baraaran.Kan carraa kana dhaban ammoo wareegama ta'uu hin qabne bilaashatti kaffaluudhaan saba isaanii gaddisiisan.

Nagaadhaan harka kennachuudhaan lubbuu ofii du'a irraa oolchuun gamnummaadha.Kanneen kana gochuu dadhaban Hurriitu itti mare waan ta'aniif sammuu isaaniitiin yaadanii of baraaruudhaan saba isaaniis gadda irraa oolchuu hin danda'an.

Ijoolleen Oromoofi Tigraay olola sobaa humnoota xiqqishuutiin dogongortan Mootummaa Itiyoophiyaa muummicha ministiraa Dr.Aby Ahmadiin hoogganamaa jirutti hatattamaan harka kennachuudhaan  lubbuu keessan du'a irraa baraaraa!

Wayyaaneen ofiifuu hin taatu.Dhiphina ishii mudateen raata'uudhaan waan gootu wallaaltee jirti.Kan ofiif hin taane akkamitti nama biraatiif irkoo ta'uu danda'aa? Sammuu qabna!Sammuu waaqayyo nuuf kenneen yaaduudhaan kana hubachuu yoo dadhabne namummaan keenya rakkoo cimaa keessa jira jechuudha.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman