Oduu Gaddaa Onnee nama cabsu.

 


Hayyuun Seenaafi Aadaa Oromoo guddaan Obbo Sintaayyoo Tolaa Qana’aa dhibee tasa isaan mudateen addunyaa kana irraa du'aan boqotan.
Obbo Sintaayyoo Tolaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti sadarkaa ogeessaa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaa Biirootti hojiilee Uummata Oromoo sadarkaa biyyaafi Idil- Addunyaatti beeksisan hojjetaniiru.
Hanga dhibeen tasaa isaan muudatee Addunyaa kana irraa boqotanittis, Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaa turaniiru.
Seenaafi seenessi Uummata Oromoo sirnoota darban keessa dabee barreeffamaa ture qorannoofi qo’annoo geggeessuudhaan seenaa qajeelaan Uummatichaa akka barraa’uuf gahee guddaa taphataniiru.
Sirni Gadaa Oromoo bakka bu’aa Hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee, Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Saayinsii, Aadaafi Barnootaa 'UNESCO'tti akka galmaa’uuf gahee guddaa gumaachaniiru.
Gahee Uummanni Oromoo lola Adwaa, Saambeefi dirreewwan injifannoo waraana Xaaliyaanii qorannoodhaan baasuun, Uummanni Oromoo biyya Itiyoophiyaaf gaachana tahuu isaa muldhisaniiru.
Hambaaleen gurguddoon Oromiyaa Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Gaarreen Baaleefi bakki seenaan duraa Malkaa Qunxurree 'UNESCO'tti galmeessuudhaaf kaadhimummaan akka dhiyaataniif hojjetaa turaniiru.
Ayyaanni Irreechaa malkaawwan duraan Uummanni Oromoo sababa sirnoota darbaniin irraa dhiibamaa turetti deebi’ee akka Irreeffatamuufi duudhaaleen Irreechaa Oromoo birattis ta’ee saboota biyyattii biratti akka hubatamuuf waa’illan hojii isaanii wajjin ta’uun hojii boonsaa hojjetaniiru.
Sirni Gadaa Oromoo, Sirna Barnootaa naannoo keenyaafi naannolee ollaa kutaa 1-8tti kennamaa jiru keessatti qophii kitaaba barataa irraa eegalee milkaa’ina hojichaaf gahee guddaa taphataniiru.
Fooramii fi waltajjiilee dhimma qorannoo Oromoo irratti waraqaa qorannoo Aadaafi Seenaa Oromoo dhiyeessuudhaan, waa’een Uummata Oromoo sadarkaa biyyoolessaafi Idil-addunyaatti akka beekamuuf hojii guddaa nama hojjetaniidha.
Hayyuun seenaafi Aadaa Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa abbaa maatii ijoollee lamaa yoo ta’an, dhibee tasa isaan muudateen caamsaa 08 bara 2014 addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, waahillan hojii isaanii Odaa guddaa Oromoo dhabuusaaniin gaddi onneesaanii cabsu kan itti dhaga'ame tahuu ibsaniiru.
 
Biiroo Aadaafii Tuurizimii Oromiyaa irraa Odeeffanne.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman