Adeemsa Oppireeshinii Nageenyaafi Tasgabbi Itoophiyaa ilaachise qorannaan adeemsifamaa jira




Qorannaa adeemsa Oppireeshinii Nageenyaafi Tasgabbi Itoophiyaa kana irratti Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Itti Aanaa isaanii Jeneeraal Ababaaw Taaddasaa akkasumas hoggantoonni olaanoon Naannoofi Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Biyyaaleessaa bu’uuruma murteesseen Itiyoophiyaatti olaantummaa seeraa kabachisuuf yaaddoo nageenya ummataa dhabamsiisuu, diina alaatiif haala mijataa uumaa kan jiruu saaxilumummaa keessaa hir’isuu, akkasumas nageenya tasgabeessuun misooma mirkaneessuu jedhu yaada keessa galchuun gara hojiitti galamuusaa ni yaadatama.
Manni mariichaa humnoota hidhatanii fedhii siyaasaa gara garaa qaban adda baasuun toora qabsiisuu, gareewwan finxaaleeyyi hidhataniifi gurmaa’aani karaa seeraan alaan hirmaatan gara sirna seeraatti akka galan dandeessisuu taasisuuf kallattiin taa’uu himameera.
Maddi:EBC

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman