Tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiruun kan fayyadamaa jiru ummata bal'aadha!



Mootummaan olaantummaa Seeraa kabajuufi kabachiisuuf dirqama heeraafi seeraan kennameef qaba. Dirree siyaasaa bal'isuuf jecha rakkooleen osoo jiranii garaa bal'achuufi obsaan deemamaa turameera. Sababa kanaan miidhaan guddaan lammiileerra gaheera. Qabeeyyi baay'eenis akka barbadaa'u ta'eera.
Olaantummaan seeraa kabajamee rakkoon kun akka furamuuf ummanni hadheeffatee gaafachaa turuun isaa ni yaadatama.
Kanarraa ka'uun mootummaan humnoota biyya diiguuf socha'an Juntaafi ergamtootasaa badii uumaniifi nageenya ummataa jeqanirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessu fudhateera.
Tarkaanfiin kun injifannoon erga goolabame ammoo humnoonni aangoo qaxxaamuraan argachuuf socha'an finxaaleyyiin gamaa gamanaa miidhaa gurguddaa lammiileerraan gahuu itti fufan.
Ta'us, gochaafi ilaalchi finxaalessuummaa biyya waan diiguuf mootummaan karaa ummata hirmaachiseen humnoota kana seeratti dhiheessuu eegaleera.
Ammas hanga nageenyi ummataa mirkanaa'utti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame cimee kan itti fufu ta'a. Ummannis humnoota nageenyaa cinaa dhaabbachuun tumsa isarraa eegamu dammaqinaan ba'uun tarkaanfii fudhatamaa jiru kana tumsuu qaba.

Maddi:BDhKMNO

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman