Dhaabbata irkoo qabsoo Ummata Oromoo ta’e Dh.D.U.O
Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo hundeeffamasaa waggaa 26ffaa qophiiwwan adda addaatiin kabajaa kan jiru yammuu ta’u qophiiwwan kabaja ayyaanichaa wajjin walqabachuun raawwatamaa jiranis qabsoo dhaabbatichi ummata hirmaachisuudhaan taasisaa jiru mamii malee itti fufsiisuuf shoora ol’aanaa kan gumaachanidha. Qophiiwwan sirna ayyaanichaa keessaa tokko maree paanaaliiti.Mareen paanaalii qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachisuudhaan adeemsifamaa jiran akkaataa dhufiinsa dhaabbatichaa,bu’ii-ba’ii qabsoo keessatti mudateen,sababa rakkoo tasgabbii Naannoo Oromiyaatti dhiyeenya mudateefi falasaa akkasumas haala rakkooleen bulchiinsa gaarii furmaata ittiin argatan irratti xiyyeeffateera. Mareen haala kanaan iddoowwan adda addaatti Bitootessa shan irraa eegale kun hanga Bitootessa 30 bara 2008tti kan itti fufudha. Mareen paanaalii Roobii Bitootessa 21 bara 2008 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsifame miseensoota dhaabbatichaa sadarkaa Federaalaafi aanaalee...