IBSA KOREE GIDDU GALEESSA DH.D.U.O irraa kenname

Koreen Giddu Galeessaa DH D U O walgahii idilee isaa gurraandhala 23 bara 2008 tii kaasee hanga gurraandhala 27 ttii guyyoota shaniif walitti aansee magaalaa adaamaatti taasiseera.walgahiin idileen koree gidduu galeessaa DH D U O ajandaawwan maree gurguddoo qorannoo haala yeroo,haala ijaarsa sirna diimokiraasii hundeen itti baldhatuu fi dagaagu irratti, qorannoo raawwii hujii keessatti rakkoolee bulchiinsa gaarii ariitiidhaan itti furmaata argatiuu fi qabsoo farra maxxantummaa kiraa sassaabdummaa maqsuuf dandeessisan irratti mari’achuudhaan murteewwan dhaabbatummaa isaa dabarsinee jirra jira.


DH D U O’n dhaaba qabsoon keessattii dhalate, qabsoo keessa jiraate, woggoota 26 darbaniif ummata oromoo keessa jiraate fi seenaa bara baraan hin irraafatamne galmeesse kaayyoo fi toora yoomiyyuu taanaan faayidaa fi dantaa ummata oromoo giddu galeessa godhatee qabsaayuu fi bu'aawwan qabatamaan galmeessise , dhaloota dhufuuf b'uura cimaa kaaye seenaa cululuqaa galmeesse, dhaaba ummataa miseensotaa fi deeggartoota miliynotaan horate yeroo hundaa qabsoo keessa jiraatuu fi waltajjii hunda keessatti barachaa,guddachaa fi bocamaa deemu dhaaba deebii ummta oromoo tartiibaan deebisaa as gahe borus deebisuuf kutannoo fi hamilee qabuu dha.

DH D UOn injifannoowwan keessa dabarre kanneen yeroo galmeessuu fi karoorota hiixxataa misoomaa , ijaarsa sirna dimokiraasii fi nageenya naannoo keenyaa fi haaromsa biyya keenyaa dhugoomsuu yeroo raawwatuu fi raawwachiisu bu'aa bahii tokko malee,diriirfatee ta'ee fi iddo mijataa keessatti miti.yeroo hundaa qabsoo keessa kan jiraatu ,gufuuwwan keessaa fi alaa toora misoomaa fi diimokiraasii qoranii fi rincicoota adeemsa keessatti isa qunnaman hundaa duudhaa aantummaa ummatummaa isaatii fi dimokiraassuummaa umaama dhaabatummaa isaa irraa madduun xiinxalaa, qorachaa fi amaloota rakkoo boqonnaa boqonnaan isa qunnamanii,hiikkoo rakkoolee,miidhaa isaan dhaqqabsiisanii fi fala isaa yeroo kaayu yeroo hundumaa sagantaa qabatee qabsaaye fi galmoota kaayyoo dhaabbatummaa isaa kan ta'e duudhaa aantummaa ummttumma isaa jalqaba dhalootaa isaatii kaasee qabu wajjiin walitti madaaluu dhaan qofa dha.

DHDUOn yeroo qabsoo hidhanootii kaasee hanga burkuttaaayuu sirna nafxanyummaa fi abbootii irree kuffisuu keessatti woreegamoota lubbuu, lafee fi dhiigaan kaayyoo seena qabeessa harraa sadarkaa kanaan nugahaniif aarsaa boonsaa kaffalee jira.sirnoota jaarraa tokkoofi dhawaataan waldhaalaa ummta oromoo mataa gad qabachiisaa turan awwaala keessaa bahuu hin dandeenyetti akka galan, sirna deebi'ee ummata sarbu akka hin taaneetti, bu'uuraan diigee jira akka dhidhiman godhee jira .injifannoon guddaan daandii haaraa saaqee fi abdii ummata oromootti hore; eenyummaa sabummaa keenyaafi sabboonummaa dimokiraasiin ijaaruudhaan haaromsa biyya keenyaaf bu'uura seena qabeessa kaayeera.seenaan kum haalamuu kan danda'uu miti.

Gaafiwwan ummata oromoo bara dheeraaf sirnoota darbaniin sarbamee fi dhoorgamee ture qabsoo ummata oromoof i dhaduo tiin heera mootummaatiin deebii akka argatan,mirgoota hiree ofii ofiin murteeffachuu ummata oromoo, naanoosaatiin ofiin of bulchuu ummta oromoo,mirgoota dhala namummaa fi dimmokiaasii akka mirkanaayan,misooa hawaasummaa diinagdee gaggeeffamu keessatti faayyadamummaa ummataa akka mirkanaayuu fi aadaa fi seenaa isaa akka kabajamuuf, doofummaa fi boodatti hafummaa keessaa bahuudhaan lammii qarame uumuu,aadaa fi seenaa keenya guddifachuudhaan sabboonummaa dimokiraasii keenyaa dagagsuun akkasumas ijaarsa biyya keenyaa bifa haaraan kallattii seenaa moofawaa sirreesseen akka cimuu fi fdagaagu, tokkummaa dimokiraatawaa ummattoota biyya keenyaa dagaagsuu keessatti yeroo ce'uumsaa keessattis shoora bakka bu'ummaa hin qabne taphatee jira.

DH D U On yeroo sanas taanaan harcaatuuwwan sirnoota darbanii awwaala keessaa wixxirfatanii fi gittoota haaraa ta'uuf maqaa ummata oromotiin kanneen ijaaraman wajiinis qabsoo obsa fixachiisaa gaggeesseen akkuma barame injifannoo boonsaa seenaan hin irraanfanne ; deeggarsaa fi tumsa ummata baldhaa oromootii fi ummattoota biyya keenyaa wajjiin injifannoo seenaa qabeessa galmeessisee guddina harra bira geenyeef bu'uura cimaa kaayuun danda'ameera.

Adeemsa woggoota kurnanii boodaas injiffannoowwan gonfannee fi galmoota keenya daandii dheeraaf qabannee kaane qoruudhaaf rakkooleen keessaa fi alaa turaniin dhaabbatichi seenaa gurguddaa galmssaa dhufe qormaata keessa galee sicca'uun sirnaa,walitti makaminsi tooraa,ofittummaa fi farri diimokiraasii dhawaataan qormaata fi gufuu adeemsa toorichaa akkasumas balaa sirnichaa ta'aa dhufuusaatiin yaaddoo yeroo turettis rakkoolee kanneen addaan baasuudhaan toora haaromsaa gaggeessuudhaan; maxxantummaa kiraa sassaabdummaa fi ilalchota dhiphummaa fi gadaantummaa keessoo dhabaa irratti qabsuudhaan akkasumas aggaammii humnoota faallaa kaayyoo keenyaa qolachuudhaan tumsa miseensota kutannoo qaban baldhaatii fi ummata baldhaa oromootiin toorichi qulqullaahee imaammattoota fi tarsiimoowwan ifa ta'an daandii dheeraa nu geessuu danda'an erga kaayaman booddee jijjiirama ilaalchaa guddinaa fi hangaanis seena keessatti yaadatamaa jiraatu; toora haaromsa biyya keenyaa sarara ka'umsa qabsichaa dhugoomsee qabsoo ummataatiin deeggarame mirkaneessuudhaan abdii lalisaa horachuun danda'ee jira.

Haaromsa keenya boodas karoorota guddinaa jijjiirama bu'uuraa fiduu danda'a baasuu fi hoogganuu keessatti DH D U On ammas boqonnaa haaraa qabsoo farra hiyyummaa fi doofummaa boodatti hafummaa qe'ee badiyyaa ummata oromoo fi hiyyummaa walxaxaa magaalota keessa jiran maqsuuf karoorota ifa ta'an bu'aalee lakkaayamuu danda'an galmeessisan ,guddina ariifataa fi itti fufinsa qabu ,ummatni baldhaan irraa fayyadamaa ta'e karoorsuu fi raawwachiisuu keessattis akkuma boqonnaawwan qabsoo dabran keessatti taasisaa dhufee fi muuxxaannoowwan ka'uumsa injiffannoo ta'an hirmaaachisummaa ummataatiin dhugoomsaa dhufee,darbees guddina hirmaanna ummataa sadarkaa raayyaa misoomaatti ol guddisuudhaan kallattii hundaan jijjiirama qabatama ijaarsa sirna dimokiraasii fi guddina diinagdee aja'ibsiisaa galmeessaa dhufeen sdarkaa haalamuu hin dandeenyeen garuummoo dandiin dheeraan akka nu hafurrati waliigaltee irra gahuudhaan miira kaka'uumsa misoomaa ummata keenya dhadhamsiisee jira.

karoora guddinaa fi tiransfoormeeshinii walitti aansudhaan woggoota shan- shaniin qabannee kaane tokkoffaa haala milkaayaa ta'een raawwannee,filannoo marsaa shanaffaa naannoo fi biyyaalessaatiin ummatni itti gaafatamummaa cimaa erga nuuf kennee fi yaa'ii saddeefteffaa seena qabeessa dhaabbatummaa keenya boodas karoora guddinaa fi tiraansfoormeeshnii lammaffaas qabannee woggoottan kurnan dhufan keessatti biyya keenya biyyoota giddinaan giddu galeessa irraan gahuuf karoora hiixxataa qabannee,tumsa ummata baldhaatiin maxxantummaa keessoo keenyaatii fi alaa diiguudhan bulchiinsa gaarii mirkaneessinuuf kutannoo fi qophii olaanaadhaan akkuma barame hundaa tumsa ummataa sadarkaa sadarkaadhaan mirkaneessuudhaan qabsoo ijibbaataa akka gaggeessuun nurra jiru boqonnaa haaraa isa hundeen jijjiirama fiduu irratti tumsa gochaa akka jirru beekamaa dha.

Akkuma beekamutti barii filannnoo marsaa shanaffaa; ummata irraa itti gaafatamummaa fudhannee yaa'ii seena qabeessa dhaabbatummaa saddeeteffaadhaan ergamoota faayidaa ummataa deebii bu'uuraa kennuu danda'an qabannee boqonnaa qabsoo haaraa fi ergama ulfaataa hundeedhaan jijjiirama ummata keenyaa fi haaromsa biyya keenyaaf kutannee yeroo kaane keessatti rakkooleen jeequmsaa naannoo keenya keessatti dhalatan mataa isaa dandeessisuudhaan hiikaafi balaa isaan dhaqqabsiisuu danda'an ,akkasumas kallattii furmaata isaa irrattis haaluma duudhaa fi kaayyoo dhaabatichaatiitaan ammas tasgabbiidhaan ilaaluudhaan tooricha qulqulleessuu fi keessoo ofii irratti kan xiyyeeffate murteewwan dabarsu hundaa miseensota,deeggartootaa fi ummata baldhaaaf ifa gochaa deemuu akka qabu ni amana.

sababoota rakkoolee irratti hundaa ol rakkinichi madda hiyyummaa fi boodatti hafummaa gogsuu dhabuu keenyaan,qabsoon kana irratti taasifne yeroo deeraa gaffachuu isaatiin,ariitii fi fedhiin hawaasaa qabsoo keenyaan uumame walgituu dhabuu isaatiin gaffiilee haqa qabeessa ta'an ; keessattuu guddina diinagdee hiyyummaa baadiyya fi magaalaa ariitiin hiikuu dadhabuu fi harkifannaa rakkoolee bulchiinsa gaarii qixa fedhii hawaasicha keenyaatiin deebisuu dadhabuu rakkoolee keessoo keenyaa fi rincica ilaalchota maxxantummaa kiraa sassaabdummaatiin akka ta'e amantaa guutuudhaan fudhachuudhaan rakkooleen kun hiikamuu kan danada'an ammas qabsoo cimaa soochii ummata kenyaa fi tumsa ummata keenyaa gaafatan akka ta'e amantaa guutuun fudhachuudhaan harras akkuma kaleessaa qabsoo aarsaa yeroon gaafatu kanfaluudhaan milkeessuun kan nurra jiraatu akka ta'e guduunfaa irra kan gaeenye yoo ta'u injifannoowwan kaleessa fi gufuuwwan keessa dabarre hirmaannaa fi tumsa ummataatiin akkuma keessa dabarre harras akkuma kaleessaa qabsicha hirmaannaa ummataatiin dhugoomsuun galmaa akka geenyu amantaa qabna.

Haa ta'u malee yeroo hawaasni fedhii gaaffii ariitiin deebii argachuu furmaata dhaaba isaa gaafatuu fi hanqina keenyas ifaan ifatti akka sirreeffannu nutti himutti,yeroo komee isaa dhageessisettis taanaan DH D U On kabajaa fi ulfinna gaaffii ummataa sadarkaa sadarkaan ka'aaniif qabu ibsuudhaan deebii atattamaa kan barbaadan fedhii hawaasichaa irratti hundaayuudhaan dhagettii kenneefii antummaa isaa bara baraan hin jijjiiramane agarsiisee jira.borus kaayyoon DH D U O gaaffii ummata oromoo dhawaataan deebisuudha jedhee amana.

Adeemsa kena keessattis rakkina hubannoo fi kallattii dubbiin itti ilaalame keessatti ilaalchi walmakee fi humnootni fedhii biraa qaban ergama isaanii gaaffii ummata dhuga qabeessaan haguuganii fi kana akka carratti fayyadamuu barbaadaniin naannoo keenya keessatti godinootaa ,aanotaa fi magaalota gara garaa keessatti rakkoolee dhalataniin lubbuun lammiilee baduun,qabeenye hiyyummaa keessatti horanne manca'uu fi tasgabbi dhabuudhaan gaagga'amni dhalate kan nu gaddisiie ta'uu ibsaa rakkinicha qolachuu fi rakkoolee dhalatan xiqqeessuu keessatti qooda ummatni fudhate dinqisiifannaa fi kabajaa guddaa kenneef.

Haa ta'u humnootni maxxantootaa keessaa fi alaa gahee abida qabsiisuu fi badii lubbuu fi qabeenya namoota dhuunfaa fi mootummaa irra kan dhaqqabsiisan heera mootummaa diiguuf kaa dhaadannoo farrummaa qabatanii, fedhii angoo siyaasaa karaa qaxxaamuraan qabachuuf carraaqqii godhaan; dhaabbiilee siyaasaa ilaalchaa fi gochaan ummta oromoo bakka bu'uu hin dandeenye yeroo hundaa gubachuun qe'ee ummata oromoo injiffannoo kaayyoo dogoggoraa isaaniitiif ka'umsa jedhanii amanan,guddinaa fi jijjiiraama ummata keenyaa gufachiisan ummatni oromoo addaan baasee akka hubatuu fi gaafatamaa akka isaan taasisu cimsee kan ibsu yoo ta'u olaantummaan seeraa akka kabajamuuf hawaasni hundi gahee isaa akka bahatu waamicha keenya dhiyeessa

DH D U On Qormaata qabsoo keeatti yeroo yeroon isa mudatuu fi qixa rakkicha ittiin iaalaa deemurratti yeroo kamuu toora isaa kan gad hin lakkiineef yoomuu taanaan faayidaan ummata oromoo fi fayyadamummaan ummata oromoo nageenaaa,dimokiraa sii fi misoomaan ala akkaa hin yaadamne ka'uumsa dhaloota isa irraa kaasee waan amanuu fi akka kaayyoo qabsootti qabateef toorri kunis bu'aa lakkayamu galmeessisee boruu hegereetiifis taanaan haaromsa biyya keenyaa dhugoomsuu fi milkeessuun filannoo bakka bu'umaa hin qabne toora dhalootni haaraan qabatee dirqama seenaa isaa ittiin bahuu qabu jedhee amana.

DH D U On harras akkuma kaleessaa gufuleen milkaayina toora keenyaa olaanaan ilaalchotaa fi gochoota kiraa sassaabdummaa maxxantummaa keessaa fi alaatiin toora qulqulluutti makamee fedhii misooma ummataa gufachiisu fi lafarra butuudhaan umrii hiyyummaa fi boodatti hafummaa dheeressuudhaan ilaalchota boodatti hafaa ta'an akkuma yeroo haaromsaatti calallee keewwanetti maxxantummaan kiraa sassaabdummaa fi diphummaan balaa sirnichaa fi gufuu guddina keenyaa akka ta'an ammas qorannaa keenyaan jala sararree keenyeerra.

Falli isaas ilaalchotaa fi gochoota keessoo keenyatti mullattanii fi alaan wixxirfatan kanneen irratti ho'ina fedhii qabsoo ummatni oromoo guddachuu fi misoomuuf qabu kana sadarkaa olaanaatti ceesisuudhaan haaromsa keenyaa itti fuufsisuudhaan olaantummaan ilaalcha misoomawaa fi diomokiraasii akka hundeen dagaagee lafa qabatu halkanii guyyaa qabsoo wal irraa in citne gochuudhaan qofa akka ta'e yeroo tokkoofillee akka hi dagatamne ibsu barbaada.

Haaluma kanaan sochiilee haaromsa keenya dhugoomsuu fi fiixaan baasuu danada'an qabsiisuudhaan hojii duraa kan goone keessoo keenya sakatta'uudhaan hanqinoota qabsoo fi raawwii keessaatti nu qunnaman gad fageenyaan qorachuudhaan sirreeffamoota kennuun barbaachisaa waan ta'eef hunda dura ciminootaa fi injiffannoowwan gurguddaa toorri keenya galmeessise kan xureessan gochota ofitummaa fi maxxantummaaof calaqqisan akkasumas waitti makama ilaalchotaa fi haariiroo mullatan sicceessee qorachuudhaa sadarkaa hojii raawwachiiftuu fi koree giddu galeessaa irraa kaasee tarkaanfii sirreeffafama geggeessitoota olaanoo dhaabaa irratti araarama tokko malee fudhannee jirra.

Tokkoffaa Jaalle Dhaaba Dabalee miseensa koree hojii raawwachiiftuu DH D U O fi ADWUI,miseensa mana mare ADWUI,sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bakka bu’aa mootummaa caffee fi itti gaafatamaa waajjira dhaabaa giddu galeessa DH DUO kan turan rakkoolee gegeessummaatiin koree hojii raawwachiiftuu irraa gara koree giddu galeessaatiin akka gad bu'anii fi itti gaafatama waajjira dhaabaa irraa akka ka'an murtaayee jira.


Lammaffaa obbo Zalaalam Jamaanee miseensa koree giddu galeessa fi miseensa mana mare ADWUI,sadarkaa pirezidaantiitti itti gafatamaan biiroo qonnaa MNO hanqina gaggeessummaatiin miseensa koree giddugaleessaa irra hanga yaa'ii itti aanuutti akka ittifamu murtaayee jira.


Dhuma irratti dhaamsaa fi ergaawwan koreen giddu galeessaa DH.D.U.O miseensota,deeggartoota qabsoo keenyaa fi ummata baldhaa oromootiif akka armaan gadiitti dabarsee jira.

Miseensota Dh D U O hundaan haala qabsoon keenya yeroo amma irra gahe irraa ka'uudhaan cimne kaayyoo keenyaaf akkuma kaleessaa arsaa yeroon nu gaafatu hunda kafaluudhaan galma gahiinsa kaayyoo keenyaaf ijjannoo hin raafamneen akka tumsinu deeggartootaa fi ummata keeya ofcinaa hiriisuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii komii ummata keenyaa hojii fi bu'aalee hojiitiin akka kiifnu xiiqiidhaaf qulqullina toorichaa qabannee haa qabsoonu.kaayyoon keenya harras borus injiffannoo bonsaan akka dabaalaamu haataasifnu.

Deeggartoota qabsoo keenyaafis akkuma kaleessaa kaayyoon fi toorri keenya haqa qabeessa aantummaa ummatummaatin kan ijaarame borus filannoo kan hin qabnee dha.hanqinna raawwii keessatti nu qunnaman tumsa fi deeggarsa keessaniin akkasumas adeema qabsoo keessatti hiika akka deemnu amanta qabna.kanaafuu deeggarsi keessan yoomiyyuu duubatti akka hin jennee fi shakkiin tokkoyyuu akka hin jiraannee cimsinee yoo beeksifnu ,amantaa olaanaadhaa.

Ummata Bal’aa Oromootiif Dh D U On hundeeffama isaatii kaasee faaydaa keetiin alatti kaayyoo milkeessu hin qabu.kanas dhugoomsee hojiin mirkaneessaa dhufee jira.hanqinoota raawwii keessatti qunnamanillee taanaan rakkoolee diriifatee osoo ta'uu uumee miti.qabsoo keessatti rincicoota keessaa fi gufuulee alaatiin rakkoolee qunnaman kana hiikuudhaafis ammas tumsaa fi deeggarsi kee waan nu bira jiruuf hiikuudhaaf qophii fi hamilee akkasumas ga'umsa dhaaba qabu akka ta'e ragaan si caalee eessaayyu hin dhufu.kanaafuu nageenyaa naannoo keetiii eeggachuudhaan tumsa misoomaa jalqabne akka iti fuufnu wantoota alaa fi keessaa nu gaaga'an dhaabsisuudhaan galma gahiina kaayyoo misoomaa fi diimokiraasii akasumas mirkanaayuu bulchiinsa gaariitiif shoora olaanaa miira abbummaatiin akka taphattuu fi deeggarsa addaan hin citne gaafanna. gama keenyaanis rakkoolee jiran tartiibaan araarama tokko malee akka hiiknuuf sadarkaa sadarkaan sochiin godhamu keessatti qooda keessaan akka baatan abdii qabu DH D U On ni mirkaneessa.

Dhumarrattis hoggansi olaanaan dhaabbatichaas itti aansee dubbii kana qixa kaayyoo keenyaatiin ilaalee ergma fudhatee deemuu qabu fudhatee akka deemuf waltajjiin hoggansa olaanaa akka itti fufu ta'ee koreen giddu galeessaa waltajjii isaa goolabee/xumuree jira.


Gurraandhala 27, Bara 2008,Adaamaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman