Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Ibsa Dhaabbatummaa Ayyaana Hundeeffama Waggaa 26ffaa Dhaabbata Dimokraatwaa Ummata Oromoo Ilaalchisuudhaan Koreen Giddu Galeessaa DhDUO Baase


Koreen Giddu Galeessa Dh.D.U.O. Miseensotaa fi Deeggartootaa Dhaaba keenyaa fi ummata Oromoo hundaan  baga  Waggaa 26ffaa  hundeeffama dhaaba keenyaatiin isin  gahe, baga wajjiniin nu gahe jedha.

Ayyaanni hundeeffama DhDUO Bitooteessa 17 waggaa waggaan kabajamu   Ayyaana seenaa  qabsoo ummata Oromoo keessatti  hiikkaa guddaa qabuudha.  Ayyaana miseensotaafi deeggartoonni  qabsoo  keenyaa  marti kaayyoo eebbifamaa  dhabni keenya qabsaa’uuf ciminaan itti fufsiifnee galmaan ga’uuf waadaa keenya  itti haaromsinuudha.
Keessattuu  waggaa 26ffaan hundeeffama DhDUO kan kabajamu yeroo addaa keessatti waan ta’eef haala addaatiin kan ilaalamuudha.
Ayyanni hundeeffama dhaaba keenyaa woggaa 26ffa yeroo kabajnu ayyaanota baroota darbanii irraa haalawwan adda isa godhan hedduu dha.kanneen keessaa :-

Bara 2007 filannoo mana maree  naannoo fi biyyoolessaatiin dhaabni keenya  hayyama ummataatiin waggaoota shanan dhufaniif akka bulchu bara filatametti,kanuma hordofuudhaan yaa'iin dhaabbatummaa dhaaba keenyaa saddeeteffaan murteewwan seena qabeessa dabarse qabannee gara  boqonnaa qabsoo olaanaattii yeroo ceenetti, Karoora Guddinaafi Tiraansformeeshinii 2ffaa raawwachuu  jalqabuudhaan  guddina sadarkaa olaanaa galmeesssuu fi bu'uura duubatti hin deebine kaayuudhaan jijjiirama bu'uuraaf kutannee yeroo kaanetti, akkasumas  haala addaa tibbana naannoo keenya keessatti dhalateen komiin  ummataa walitti bu'insa hordofsiisehundeerraa hiikuuf dhaabni keenya keessoo  ofii qorachuudhaan  rakkoolee mullatan kutannoo cimaadhaan  ummata wajjiin hiikuudhaaf waltajjii qabsoo murteessaa irratti yeroo argamutti kan kabajamu  ta'uun isaa  ayyaana guyyaa hundeeffama dhaaba  keenyaa  kan branaa miira  haaromsaa fi kaka'umsa  qabsoo addaatiin akka kabajnu nu taasisa.
Kanaafuu guyyaan kun guyyaa seena qabeessummaan isaa olaanaa ta'ee dha.

Waan ta’eefiis DhDUOn ayyaana hundeeffama isaa kana ennaa kabajatu rakkoolee bulchiinsa gaariifi  kiraa sassaabdummaa  komii ummataatiif bu’uura ta’an hiikaa imala haaroomsaa daandii jijjiiramaa fi guddinaarratti jalqabame itti fufsiisuudhaan  ummata keenya sadarkaa olaanaan fayyadamaa taasisuuf ciminaan qabsaa’uuf waadaasaa ni haaroomsa. 

Akka beekamutti, hundeefamuun Dh D U O waggoottan 26n   dura kaayyoo fi galmoota ifa ta'an, jalqabni fi dhumni isaa; faaydaa fi fedhii ummata oromoo bu'uura godhachuudhaan kanaafis wareegama qaalii barbaachisaa ta'e boqonnaa qabsoo yeroo yeroodhaan nu qunnaman irraatti kaffaluudhaan aantummaa ummatummaa keenya  baraa baraan dhugoomsuu dha.

Haaluma kanaan Dh D U On qabsoo hidhannootiin falmuudhaan waanjoo gabrummaa yeroo dhumaatiif   gateettii ummata oromoo irraa  fonqolchee akka dhidhiman taasisee jira. Gaaffii fi fedhii ummata oromoo bara dheeraa: eenyummaa sabummaa isaa deebisuudhaan biyya keenya kessatti lammii lammataa ta'uun hafee  ummanni oromoo  mirga ofiin of bulchuu fi hiree ofii ofiin murteeffachuu heera mootummaatiin gonfachiisuudhaan naannoo isaa akka bulchu, biyya keenya keessattiis  sabaa fi sablammoota biroo wajjiin walkabajuudhaa fi waldanda'uudhaan,tokkummaa jaalalaan ijaarame mirkaneessuudhaa fi qixxummaadhaan akka jiraatu, qooda fudhannaa abbaa biyyummaa gonfachuudhaan, injifannoo bu’uuraa  seenaan bara baraan yaadataa jiraatu galmeessisee jira.
Kaayyoo fi sagantaan Dh.D.U.O ummata oromoo angoo siyaasaa gonfachiisee,abbaa diinagdee fi fayyadamaa qabeenya isaa akka ta'u,hiyyummaa, boodatti hafummaa fi doofummaa sirni nafxanyaa isa  dhaalchise furguggatee gatuudha.gama kanaanis yoo madaalle qabsoo bu'aa bahii waggoottan 26 keessatti jijjiirama abdachiisaa fi jajjabeessaa galmeessisee jira.baadiyaan fi qe'een ummata oromoo carraaqqii qonnaan bulaa ganfureewwaniitiin jijjiiramee jira.oomishaa fi oomishtummaan dabalee  mana mana isaatti maatii nyaatee buluu bira darbee oomisha isaa gabaa geeffachuudhaan gatii gabaatiin gurguratee ittiinis ijoolee isaa barsiifachuu fi yaalchifachuu danda'u uumeera.darbees iddoo caalmaa milkaayetti miliyoonotaan qabeenya horachuudhaan guddachuu eegalee jira.hiyyummaa seenaa taasisuudhaafis  hawaasa qophaaye uumuun danda'amee jira.

Magaalaattis taanaan  ummatni keenya magaalaatti  keessummaa ta'uun isaa hafeera. Qonnaan bulaan jireenya fooyyeef jecha itti godaanuu jalqabeera.hiyyummaa hundee gadi fageeffate magaalotaas bifuma walfakkaatuun jijjiiruudhaan bu'uuraalee misoomaa  diriirsuu,carraa hojii uumuu fi magaalota naannoo keenyaa iddoo  jireenyaaf mijataa ta'an gochuudhaaf sochii taasifameen jijjiiramni guddaan dhufee jira. manneen barnootaa,daandiin,bishaan dhugaatii,manneen yaalaa sadarkaa sadarkaan diriiranii jiru ,Babaldhinni bilbilaa fi ibsaa uffisni isaa sadarkaa seenaa biyya keenyaa jaarraa tokkotti mullatee hin beekneen waggoottan murasa darban keessatti dhufe bu'aa hoggansa dhaaba keenyaa firii tarsiimoo fi imaammata misoomaa fi dimokiraasii ta'uun isaa kan wal nama gaafachiisuu miti.

Dh.D.U.On aadaa fi seenaa ummata oromoo gita bittootaan  awwaalamee ture qabsoo hadhaawaa taasiseen guddina olaanaarraan gahuuf seenaa cululuqa galmeessise jira. Afaan Oromoo, afaan barnootaa ,afaan saayinsii, teeknolojii fi miidiyaa  afaan manneen murtee  ittiin tajaajilaa  seerummaa kennamu taasisee jira. Guddinni  afaanii kunis sadarkaa hog-barruu fi aartii Oromootiin deeggaramee qorannoorratti hundaa’ee guddachaa jira. Kuniis bu’aa qabsoo DhDUO dhaloommi Oromoo bara baraan ittiin boonuudha.

Aadaa fi  seenaan ummata oromoo dhokatee ture ifa bahee ummanni Oromoo eenyummaa isaa kaleessaa sirnootni gabroomfattootaan mulqame qabsoo taasiseen  deebifatee daangaa irraa hanga daangaatti kabajaa fi hamilee olaanaadhaan guddifachaa jira. Sabboonummaan dimokiraatawaan guddachaa  fi wal qixxummaan sabaa fi sablammootaa dhugoomaa dhufuu isaatiin eenyummaa abbaa biyyummaa ummata oromoo kan mirkaneesse bu'aa qabsoo Dh.D.U.O, firii bitootessaa 17 ti.
Imalli qabsoo Dh.D.U.O milkaa’aa jira. Kana boodas daandii dheeraatu  isa eeggata.

Har'as  taanaan qabsoon hiyyummaa fi rakkoolee guyyaa guyyaan sochii hawaasummaa keessatti nu mudatan rakkoo bulchiinsa gaarii fi ilaalchawwan farra dimokiraasii kiraasassaabdummaa hundeedhaan akka hin buqqa’inii fi balaa sirna keenya  badhadhina ummata keenyaa quucarsuu danda'an ta'uu isaanii Dh.D.U.On ni hubata. Qabsoo worraaqsa dimokiraasii taasifamaa jiruun  ilaalchaa fi gochootni kunneen  bu'uuraan hundee caaseffamaa isaanii diiguun danda'amuyyuu ammas qabatamaadhaan guddina keenya qoraa jiru.gufuu misoomaa fi nageenya keenyaatiif rakkoolee  yaaddessaa ta'anii dha.


Dh.D.U.On ammas akkuma kaleessaa kaayyoon isaa fedhii fi faayidaa ummata oromootiif  deebii ga'uumsaan kennuu bakka ta'etti rakkoolee kanneenis qabsoo uummata bal’aan  deeggarameen  katannodhaan maqsuudhaan ammas injifannoo boqonnaa haaraa galmeessisuudhaaf qophaa'inaa fi hamilee dhaaba qabuu dha.kanaafis qophaahaa ta'uu keenya  ibsaa  ,milkaa'ina qabsoo kanaatiif immoo  tumsi uumata keenyaa  baayyee murteessaadha.

Rakkooleen tibbana naannoo keenyatti mullatanis calaqqee kanaa yoo ta'an  dallansuu fi komee ummataa rakkoo itti quufinsa dhabuu bulchiinsa gaarii fi fedhii guddinni irra geenye  dhiibee fidee dha jedhee amana.kana ta'uun isaas galmoota yeroo haaromsa keenyaa woggoota kudha shanan dura agarsiisuudhaaf yaalameen sadarkaa qabsoon keenya irra dhaqqabee dha.

Galmi haaromsa keenyaa kan ture, qonnaan bulaa gaafataa,fedhii fi faaydaa isaatiif qabsaayu amma booda boqonnaa nuuf hin kennine,daandiin ala yoo itti dhufame hin fudhanne,misoomaaf dheebote,gufuu yoo itti ta'ame immoo obsa hin qabne akka uumuu dandeenyu tarsiimoo misoomaa fi ijaarsa sirna misoomawaa keenyaan kaafneerra. Dabalataanis gaggeessaan amma booda dhufus ga'uumsaan qabsoo boqonnaan kun barbaadu dammaqinaan akka hoggannu,ta'uu baannaan  hawaasni akka boqonnaa hin kennineef beekee itti gaafatamummaa ummataa keessa akka jirru  ifatti  kaayuuf yaalamee ture.

Adeemsi haaromsaa keenyaas kan dhugoomu yoo qixa kanaan ummatni  tooricha haaromsaa fi qabsoo kana kan ofii godhatee dha.haaluma kanaan  rakkooleen uumamaniifi  kan walitti bu'iinsa hordofsiisan  faayidaa fi fedhii misoomaaf kaka'ee , gaaffii haqa ummtaa qabeessa yoo ta'u, DHDUOn rakkoo kana qixa aantummaa ummatummaa duudhaa isaa kaleessa qabatee qabsaayeen kan ilaalu ta'a.
Carraa kanaanis  of sakatta'ee, of cimsuudhaan   rakkoolee kana tumsa ummataa baldhaan hiikuu akka danda'u amantaa guutuu  qabu ibsuu barbaada. Kunis haaromsi keenyaa daandii sirrii irra jiraachuusaa  akka agarsiisu kan mirkaneesse dha.

Haa ta'u malee adeemsa keessatti haalotni mul'atan  gaddisiisaa fi sadarka ta'uu hin mallee fi hin eeggamnetti, lubbuu fi qabeenya lammiilee irratti miidhaan gahuu isaatiin DHDUOn gadda isaa aantummaa ummatummaa irraa madde carraa  kanaan ibsuu barbaada.

haa ta'u malee rakkoolee tibbana dhalatan kanaaf sababootni ka'uumsaa  hanqinoota raawwii keenyarraa maddan,  komee rakkoolee bulchiinsa gaarii kuufaaman irraa dhufan yoo ta'aniyyuu gaaffii hawaasaa haqa qabeessa dahoo godhachuudhaan humnoota badii fi diigumsa sirna kanaa hawwan alaa fi keessaa walitti lallabanii fi  carraaqan immoo  carraa kanaan kaayyoo isaanii diigaa misoomaa  milkeeffachuudhaaf ijibbaata godhanii ololaan biyya diiguuf  dhakaan hin fonqolchines hin jiru.haa ta'u malee kallattiin komee ummtaa biyya diiguu waan hin kessummeessineef hin milkoofne.hin milkaayanis.

Haaluma kanaan  humnoota kanaa fi gaaffii haqa qabeessa ummta  keenyaa addaan baafnee hubachuu dandeenyee jirra.humnootni kun kaleessas kallattii walfixinsaa fi balaa  dhangala'uu dhiigaa fi badinsa  lubbuu lammiileetiin  kaayyoo isaanii galmaan gahachuuf deeman irraa akka of qusatanii fi deemsa daandii seeraan alaa kana  sirreefachuudhaan gaaffii kamuu qabaannaan qixa seeraa fi heeraa qofaan akka deeman Dh.D.U.On har’as  akkuma kaleessaa hawwii nageenyaa qaburraa irraa ka'e ibsuu barbaada.

Haata'u malee olaantummaan seeraa fi nageenyi mirkanaayuu baannaan dhumni isaa, hiyyummaa,bittinnaayuu fi walfixinsa malee badhaadhina ta'uu  akka hin dandeenyee fi faaydaan kanaan argamus akka hin jirre hubatamuu qaba.
kanaafuu ummatni keenya kana hubachuudhaan nageenya isaatiif wardiyyaa dhaabbachuu  cimsee akka itti fufu DHDUOn guyyaa hundeeffaama isaa sababeeffachuudhaan waamicha wal irraa hin citne daabarsa.

Dhuma irrattis miseensotaa fi deeggartoota qabsoo keenyaa hundaaf : qabsoon sadarkaa amma irra geenyee kun yeroo murteessaa dhugoomuu fi dhugoomuu dhabuu haaromsa biyya keenyaa fi galma gahuu fi dhiisuu sirna missoomawaa fi dimokiraasiif murtessaa yeroo ta'ee dha.
Kanaafuu miira itti gaafatamummaa olaanaa fi kutaannoo cimaadhaan tumsa wal irraa hin citne akka gootanii fi boqonnaa qabsoo hundaa keessatti aantummaa fi deeggarsa cimaa ummata keenyaatiin ala yaaduu waan hin dandeenyeef ummata wajjiin toora misoomaa,nageenyaa fi ijaarsa sirna diimokiraasii hundeen akka lafa qabatu halkanii fi guyyaa akka tumsinu Dh.D.U.On waamicha qabsoo dabarsaa.

Toora DhDUO Qabannee Rakkoon Nuti Hin Hiikne Hin jiru!!

Koree Giddugaleessaa Dhaabbata Demookraatawaa Ummata Oromoo

Bitooteessa 16,Bara 2008
Finfinnee


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa