Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 3ffaa

Sababa cunqursaa sabummaafi diinagdee cimaan sirnoota Aabbaa irreetiin Saba Oromoo irra gahaa tureetiin sirni bulchiinsa mootummaa Dh.D.U.O/A.D.W.U.I mootummaa ce’uumsaa keessa darbuudhaan bara 1987 asitti ummataan filatamee tasgabbiidhaan biyya bulchuu eegalus ijoolleen Oromoo iddoo gahaa baruumsaan qaroomina itti argatan hin qaban ture.


Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa  akkasumas yuuniivarstiiwwan ijoolleen Oromoo keessatti barachuu danda’an lakkoofsisaanii muraasa waan tureef akka fedhiitti carraa barachuu argachuun kan hin danda’amne ta’uun yaadannoo waggoota dhiyooti waan ta’eef beekamaadha.

Bara mootiiwwaniifi sirna abbootii irree darban sana keessa ijoolleen Oromoos ta’e kan sabaafi sablammoota kanneen biroo carraan barachuuf qaban baay’ee dhiphaa ture.Kan barachuu danda’u ijoollee abbootii taayitaafi Namoota beekamoo qofa turan.

Carraan ijoollee cunqurfamtootaa ammoo umurii taayitaa abbootii irree dheeressuuf jecha gara adda waraanaatti dirqamaan oofamuu ture.Sababa kanaan keessumattuu bittaa sirna Abbaa irree Darguu keessa Sabni Oromoo ijoollee horatus maqaa tokkummaa biyyaatiiniifi tajaajila loltummaa biyyaalessaatiin ijoolleesaa barsiifatee sadarkaa barbaadurra geessifachuu utuu hin danda’in tureera.

Bara abbaafi haati Oromoo dhiira godachuu akka yaaddootti ilaalaa turan sana keessa dhalli Oromoo kumaatamaan lakkaa’amu dirqamaan adda waraanaatti oofamuudhaan gammoojjii addawwan waraanaa adda addaatti harca’ee hafeera.

Waraana kaayyoon isaa hin beekamneen gammoojjii Eertiraa adda addaa keessatti ijoolleen Oromoofi sabaafi sab-lammoota kanneen biroo irbaata Allaattii ta’anii hafaniiru.Maatiin Itiyoophiyaa keessa jiru hundi waraana sanaan kan ijoolleesaa du’aan hin dhabne jira jechuun hin danda’amu.Keessumattuu cunqursaa hammaataa ture wajjin walqabatee miidhaan ijoollee Oromoo irra ga’e sadarkaadhaan medaalamee kana jedhamee kan himamuu danda’u miti.

Dararama kana hunda keessa qabsoo kallattii sirriin hoogganameen darbuun erga danda’amee booda ijoolleen Oromoo naannoo keessa jiraatan irraa utuu hin fagaatin carraa barachuu akka argachuu danda’an taasifameera.

Kanaanis manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa iddoowwan hundatti hirmaannaa ummata Oromoofi bajata mootummaan ramaduun ijaaramuun akka babal’atan taasisuudhaan ijoolleen Oromoo yaaddoo tokko malee barachuu akka danda’aniif haalli mijaa’eera.

Carraa barachuu qindoomina mootummaafi ummata Oromootiin argame kanaan ijoolleen Oromoo miliyoonaan lakkaa’aman akkuma umuriin isaanii baruumsaaf ga’een barachuu danda’an.Hirmaannaan barattoota Dhiiraafi Dubaraas kan wal sime akka ta’uuf carraaqqiin taasifame,harcaatiin barattootaa sababa adda addaatiin mudatu akka hir’atuufis hawaasniifi maatiin qindominaan hojjetan.

Carraaqqii qindaawaa qaamolee adda addaatiin itti fufiinsaan taasifame kananaan ijoolleen Oromoo miliyoonaan lakkaa’aman carraa barachuu daangaa tokko malee argatan.Ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa argame akka mul’isuttis wayita ammaa sadarkaa hundumaanuu ijoolleen Oromoo lakkoofsaan miliyoona 8 caalan barachaa jiru.

Lakkoofsi barattoota Oromoo waggaa waggaadhaan baruumsa Yuuniivarstii hordofuuf carraa argataniis yeroo gara yerootti dabalaa jira.Ijoolleen Oromoo Yuunivartiiwwan biyya keenyaa adda addaa keessaa ogummaa adda addaatiin eebbifamanis lakkoofsi isaanii kumaatamaan dabalaa jira.

Ijoolleen Oromoo ogummaa adda addaatiin eebbifamuudhaan dhaabbilee baruumsa ol’aanaa keessaa ba’an akka fedhiisaaniitti carraa baruumsaa argachaa jiru jechuun hin danda’amu.

Rakkoo kanaaf akka furmaataatti fudhatamee kan ittiin hojjetamaa jiru humni barate carraa hojii mootummaa qofa utu hin eegin gurmaa’uudhaan dameewwan hojii adda addaa irratti bobba’uun haala jireenya isaa fooyyessuudhaan guddina biyyaa keessattis shoora gama isaa akka gumaachu taasisuudha.

Gama kanaan sadarkaa muraasaan jijjiiramni akka jiru beekamaadha.Garuu ammoo ijoolleen Oromoo caasaa mootummaa keessa seenuun ogummaa ittiin leenji’aniin saba isaanii tajaajilaa jiranis lakkoofsisaanii muraasa miti.

Ijoolleen Oromoo dameewwan adda addaatiin hojii mootummaafi dhaabbilee adda addaa irratti bobba’uudhaan ummata isaanii haqaan tajaajilaa jiran lakkoofsisaanii baay’eedha.Jijjiiramni kun garuu fedhiifi baay’ina jiru wajjin kan walsimuu danda’e miti.

Rakkoo kana maddiitti aadaan hojii xixiqqaa tuffachuu hawaasa keenya bira jiru humni Yuuniivarstii keessaa ba’u hojiiwwan intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa irratti boobba’uudhaan akka hin jijjiiramneef gufuu ta’ee tureera.

Dhimma kana wajjin wal qabatee waggootaan dura kan eegalameefi qeeqni adda addaa kan itti dhiyaate waa’ee dhakaa koobil stoon jedhamu kaasuun barbaachisaadha.

Dhakaa bocuudhaan miidhagsuuf barachuun hin barbaachisu,Namni baratee digriidhaan eebbifame akkamitti gadi deebi’ee dhakaa bocaa?kanaa mannaa du’uu wayya jedhamaa tureera.Ololaafi qeeqni kun hundi utuu jiruu kanneen onnatanii hojjetaniifi Daandiiwwan Magaaloota adda addaa miidhagsan ammoo amma birrii kumaatamaafi miliyoonaan lakkaa’amuun abbaa qabeenyaa ta’uudhaan damee hojii gara biraatti bobba’uuf carraa argataniiru.

Mudannoo kana wajjin walbira qabuudhaan yammuu ilaallu aadaan hojii filachuufi hojiiwwan xixiqqaa tuffachuu sadarkaa hammamiitiin akka Nama miidhu hubachuun rakkisaa hin ta’u.

Waldaalee intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa keessattis sababa rakkoo bulchiinsa gaariifi gufuu kiraa sassaabdoonni caasaa dhaabaafi mootummaa keessa jiran uumaniin kanneen gurmaa’uun hojjechuu barbaadanitti gufuun akka uumamu beekamaadha.

Gufuun kun maqfamee furmaanni argamuu kan danda’u jeeqamsa shororkeessaa Jawaar Mahaammad biyya alaa taa’ee weebssaayitii hawaasummaatti fayyadamuun akka babal’tu taasisaa jiruun utuu hin taane kallattii mootummaan misoomaawaa Demookratawaa Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin kaa’ame qofaadhaani.

Dargaggoonni Oromoo fayyadamtummaan isaanii itti fufiinsa qabaatee Sabni Oromootis jijjiirama argate itti fufsiifachuu kan danda’u sirni federaalawaan amma jiru daran cimuudhaan yoo itti  fufe qofa akka ta’e hubatamuu qaba.

Rakkoon hojii dhabdummaafi bulchiinsa gaarii sababa ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaatiin wayita ammaa biyya keenya jiru hirmaannaa ummataafi tarkaanfii mootummaan fudhatu qofaadhaan fala waaraa argata.Kana keessatti Dargaggoonni Oromoos ta’e qaamoleen hawaasaa kanneen biroo Naannoo Oromiyaa keessa jiraatan shoora hin qusatamne gumaachuutu irraa eegama.


Jawaar Mahaammad haala akkamiitiin fincilli akka babal’atu taasisaa jira?humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni akkasumas mankaraarsitoonni carraa fincila babal’isuu arganne jechuun mala akkamiitti fayyadamuudhaan socho’aa jiru?Dargaggoonni balaa humnoonni badii babal’isuuf yaalaa jiran irraa akkamitti of eeguu qaban?barreeffama gaaffilee kanaafi kanneen birootiifis deebii gahaa kennuuf kutaa 4ffaadhaan na-eegaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman