Kiraa sassaabdoota keessaa haa saaxillu

Kiraa sassaabdummaan ilaalchaafi gochaan miidhaa geessisa.Siyaas-diinagadeen kiraa sassaabdummaa umuriisaa dheereffachuuf jecha mala kamittuu fayyadamuudhaan wixiffachaa jira.


Qaamoleefi Namoonni dhuunfaa ilaalcha badii kana qaban xiqqaatus guddatus imalli haaromsaa biyya keenyaa karaatti gufatee akka hafuuf hamma danda’aniin halkanii guyyaa carraaqaa jiru.

Sosochiin mirkana bulchiinsa gaarii sadarkaa mootummaa Federaalaafi Naannoleetiin barana eegalame ammoo kiraa sassaabdoonni gochoota badii raawwachaa turaniin itti gaafatamuun isaanii waan hin oolle akka ta’e hubataniiru.

Hubannoo argataniifi kutannoo Ummataafi mootummaan qaban waan beekaniif kiraa sassaabdoonni caasaa dhaabaafi mootummaa keessatti argaman kiraa sassaabdoota biyya keessaa kanneen biroo wajjin wal ta’uudhaan kiraa sassaabdoota biyya alaa jiraataniif tooftaa adda addaatiin odeeffannoo kennuudhaaniifi haala mijaawaa uumuudhaan shoora gamasaanii gumaachaa jiru.

Kiraa sassaabdoonni keessaa kanneen kamidha?gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.Kiraa sassaabdoonni keessaa abbootii taayitaa caasaa dhaabaafi mootummaatti fayyadamuudhaan kan ummataaf dhaabbatan fakkaatanii faayidaa dhuunfaafi Namoota naannawa isaanii jiran qofa kabajisiisandha.

Kiraa sassaabdoonni keessaa kun rakkoo naannoommaa qabu,Namoonni naannoo isaanii firoottan michuufi kanneen laga isaanii akka fayyadamaniif socho’u malee amala aantummaa ummata bal’aa hin qaban.

Namoonni akka kanaa ilaacha badii qaban maqaa miseensa horachuutiin yeroo adda addaatti faayidaa dhuunfaa guuttachuuf jecha Dh.D.U.Ofi dhaabbilee miseensa A.D.W.U.I kanneen biroottis makamanii turaniiru.

Keessumattuu Caasaa magaaloota biyya keenyaa keessatti ilaalchaafi gochi kiraa sassaabdummaa ol’aantummaa qabatee hanga miidhaa geessisuufi sirna heera mootummaatti gufuu ta’uutti babal’atee akka ture beekamaadhaa.Gama kanaan walitti dhufeenyi kiraa sassaabdoonni keessaa kiraa sassaabdoota alaa wajjin qaban ilaalchaafi gochi siyaas-diinadee kiraa sassabdummaa ilaalcha siyaas-diinagdee misoomawaa demookraatawaa wajjin wal falmii ol’aanaa keessa akka seenuuf dirqamsisieera.


Amma falmiin eegalame finiineera.Falmii kana bu’a qabeessa taasisuufis ummanni keenya hubannoo argachaa jira waan ta’eef ammaan boodas hirmaannaan kiraa sassabdoota saaxiluu cimee itti fufa jedhamee eegama.Hundumaafuu kiraa sassabdoota keessaa saaxiluun seeraan akka gaafataman taasisuuf haalli mijaa’aan uumameera.Lammiin biyyaaf yaaduufi ittiin bulinnaa irraa bilisa ta’e yeroon itti fayyadamuun kiraa sassaabdoota sadarkaa kamirrattuu argaman itti saaxilu amma akka ta’e hubachuun haa tumsu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman