Dh.D.U.O’n Nagaa waaraadhaaf qabsoo keessoo dhaabaarra akka jiru hime

Dhaabbanni Demokraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.O’n) Naannoo Oromiyaatti Nagaan waaraan akka jiraatuuf qabsoo keessoo dhaabaa irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Hoogganaan waajjira koree jiddu galeessa dhaabbatichaa obbo Bakar Shaaleefi itti gaafatamaan ijaarsa baadiyaafi damee siyaasaa obbo Tafarii Xiyaaruu haala wayitaawaa Naannoo Oromiyaa irratti qophii ‘Moggaach’ Faanaa Biroodkaastiing Korporeet irratti argamuudhaan kallattiidhaan mari’ataniiru.

Itti gaafatamtoonni hojii dhaabbatichaa kun dhimma  tasgabbii dhabuu Iddoowwan Naannoo Oromiyaa gara garaatti dhiyeenya mudate irratti gaaffiiwwan isaaniif dhiyaatanif ibsa bal’aa kennaniiru.

Maree kallattii kana irratti paartiin Naannicha hoogganaa jiru amalaafi madda rakkoolee mudatanii irratti qorannaa jiru,akkasumas tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiraniifi kallattii gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuudhaan mari’atan.

Itti gaafatmtoonni kun dhaabbatichi rakkoolee qabu qulqulleessuun misoomaafi guddina Naannoo Oromiyaa itti fufsiisuuf hojjechaa akka jirus mirkaneessaniiru.

Hawaasni kana hubachuudhaaniifi haala jiru qalbeeffachuudhaan qabeenyaafi naannoosaa akka eeguufis waamicha taasisaniiru.

Hoogganaan wajjira koree jiddu galeessa dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo obbo Bakar Shaalee saffisaafi qulqulliinni tajaajilaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kennamaa jiru fedhii ummataa wajjin kan wal hin simne akka ta’e dubbataniiru.

Akka obbo Bakar jedhanitti rakkoon bulchinsa gaarii akkasumas ilaalchaafi gochi kiraa sassaabdummaa caasaa keessatti mul’atu hawaasni komii akka dhageessisuuf sababa ta’eera.

Gaaffiiwwan Ummataa sirrii ta’an qaamolee kaayyoo ofii qabaniin gara hookkaraafi tasgabbii dhabuutti akka jijjiiramanis himan.

Gochi Naannichatti raawwatame badiinsa lubbuu Namaafi barbadaa’uumsa qabeenyaatiif sababa akka ta’e eeruudhaan dhaabbatichi rakkoo mudatetti fala waaraa argamsiisuufi Nagaa buusuuf qabsoo keessoo dhaabaa irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechaa jira jedhan.

Rakkoon kutannoo dhabuufi hanqina humnaa miseensotaafi qaamolee hooggansaa tokko tokko biratti mul’atuufi miseensoota kaayyoo dhaabbatichaatiin ala socho’an sirreessuuf tarkaanfiin fudhatamaa akka jirus himaniiru.

Tarkaanfii fudhatamaa jiru milkeessuudhaaf hirmaannaan ummataa daran cimuu akka qabu himuudhaan waltajjiiwwan maree hawaasaa kanaaf shoora gumaachan qaamolee hawaasaa hunda hirmaachisuudhaan akka adeemsifaman beeksisaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman