Nuu jiraadhu Oromiyaa!!

Dachee hundaaf toltu

Kan misoomaaf ooltu

Nuu jiraadhu! umuriinkee haa dheeratu!

Si diiguuf kan fedhan

Yoomuu kan abjootan

Ergamtoota ta’uun

Diinatti michooman

Shaabiyaatti erkachuun

Of tuultoota firoomfatan

Dhiphummaa leelisuun

ilaalcha borcameen keessakee boressan

Dhiiga dhangalaasanii lubbuu balleessuudhaan

Qabeenyakee barbadeessan

Beekaa mufachiisan wallaalaakee dogongorsan.

Hin ta’u Oromiyaa duubatti hin deebitu!

Guddinni hin dhaabbatu,fakkeessituu hin baatin

Saamtootakee hin obsin

Mancaasi of keessaa


Saaxiluudhaan baasi,Seeratti dhiyeessi!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman