Waltajjii maree hooggantoota sadarkaa jiddu galeessaa Oromiyaa...............

Waltajjiiwwan marii geggeessitoota giddu-galeessaa Naannoo Oromiyaa Magaalota gara-garaa keessatti jalqabameera.


Geggeessitoonni giddu-galeessaa naannichaa kuma 5fi 695 har’a dabalatee guyyoota sadiif mar’achaa turu.

Hoogganaan Biiroo dhimmoota komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa akka himanitti geggeessitoonni sadarkaa giddu galeessaa kunniin muummeedhaan ka’umsaa fi furmaata rakkoo nageenyaa dhiheenya kana Naannoo Oromiyaatti uumame irratti bal’inaan mari’atu.

Rakkoo jeequmsaa  godinaaleefi Magaalota Oromiyaa muraasatti dhiyeenya mudateefi gaaffiiwwan bulchiinsa  gaarii irratti xiyyeeffachuudhaan akka mar’atamuufi waa’een rakkoo keessoo dhaabaas akka ilaalamu obbo Fiqaaduun dubbataniiru.

Mariin geggeessitoota giddu-galeessaa har’a Magaalota Finfinnee, Adaamaa, Shaashamannee, Naqamtee fi Jimmaatti jalqabame kun cufaatti akka geggeeffamu beekameera.


Koreen Giddu-galeessaa Dhaabbata Dimookraasummaa Uummata Oromoo dhiheenya kana guyyoota shaniif Adaamaatti mari’atee murteewwan gara-garaa erga dabarsee booda, geggeessitoonni ol’aanoo naannichaa ka’umsaa fi furmaata rakkoo nageenyaa dhiheenya kana Naannoo Oromiyaatti uumame irratti Adaamaatti mari’achuun isaanii beekamaadha

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman