Dhiifama gaafachuufi quba ofitti qabuu??

Mootummaan misoomawaa Demookratawaa Itiyoophiyaa Nagaa Misoomaafi Demokraasiin biyya keenyaa itti fufiinsa akka qabaatuuf kutannoodhaan hojjechaa jira.Kanneen kana waakkachuudhaan haalaniifi bu’aa dhabsiisan humnoota farra Nagaafi badii qofadha.

Ministirri mummichi Hayilamaariyaam Dassaalany tibbana mana maree bakka bu’oota ummataatiif gabaasa raawwii hojii dhiyeessuun gaaffilee miseensoota mana maree irraa dhiyaataniif wayita deebii kennanitti rakkoolee gara garaa biyyattii keessatti mudataniif dhiifama gaafataniiru.

Dhiifamni ministirri muummchi gaafatan kun haala Naannoo Oromiyaa keessatti mudate qofa irratti kan xiyyeeffate miti.Obbo Hayilamaariyaam dhiifama kan gaafatan rakkoolee bulchiinsa gaarii Naannolee biyyattii gara garaa keessatti mudataniifidha.

Bulchiinsa gaarii wajjin wal qabatee rakkoolee adda addaa mudataniifi ummata mufachiisaniif qaama gara biraatti quba hin qabnu,kan itti gaafatamu numa jechuun isaanii rakkoolee mudatan hundaaf itti gaafatamaan caasaa keessaa qofa jechuu akka hin taane beekamuu qaba.

Qaamoleen badii keessaafi alaa gaaffii mirkana bulchiinsa gaarii karaa irraa dabsuudhaan sirna heera mootummaa humnaan fonqulchuuf waan danda’an hunda gochaa turan hin gaafataman jechuutti fudhachuun of gowwoomsuudhaan ala waan gara biraa ta’uu hin danda’u!Yaa gowwaa siduubaan bowwaa.
 
 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman