Raadiyoo ergama humna badii tumsaa jiru

Raadiyoon FM Abbaay jedhamuun beekamuufi waggaa tokko dura hundeeffamee hojjechaa jiru ergama humnoota badii milkeessuuf tumsaa akka jiru qabatamaan beekameera.

Sababaafi furmaanni rakkoo jeeqamsaa Naannoo Oromiyaatti mudate maali?jechuudhaan dhaggeeffattoota bilbila kallattiin hirmaataniin mareen guyyoota shanii wiixata irraa hanga Jimaata Guraandhala 25 bara 2008tti ture taasifameera.

Tamsaasa kallattii kana irraa akka hubatametti dhaggeeffattoonni Mootummaa misoomawaa Dh.D.U.O/A.D.W.U.I irraa jibba qabaniifi humnoota badii Itiyoophiyaatti jeeqamsa babal’isuuf carraaqaa jiran deeggaran waan barbaadan daangaa tokko malee akka jedhaniif carraan bal’aan kennameera.

Dhaggeeffattoonni yaada isaanii akka ibsatan taasifamuun waan gaariifi deeggaramu ta’us maqaa dhuunfaafi dhaabbilee adda addaa waamuudhaan akka arrasafamaniifi akka salphifamaniif hayyamuun garuu diinummaadha!

Fakkeenyaaf maree kallattiidhaan taasifame kanaan dhaggeeffataan hirmaate jeeqamsa Naannoo Oromiyaatti ka’e keessaa Abbaa Duulaa Gammadaatu harka qaba jechuudhaan mamii malee dubbateera.

Mootummaan ammaa kun humnaan jijjiiramuu qaba jechuudhaan fedhii qaban kan calaqqisiisanis hedduudha.

Iddoo bakka bu’aan Mootummaa hin jirretti dhaggeeffataan jibba qabuufi sababa quubsaadhaan utuu hin deeggaramin yaadasaa akka barbaadetti wayita tamsaasu Namoonni Gaazexeessitoota jedhamaniifi Istuudiyoo keessa taa’anii mari’achiisan maqaa Namaa hin dhayinaa jechuun ala wanti dubbataniifi dhaggeeffataan kallattii sirriidhaan akka mari’atu taasisan tokkollee hin jiru.Wantoonnii daangaa hin qabne qilleensarra erga oolanii booda Istuudiyoo keessa taa’uudhaan yaada nuuf kennitaniif nigalateeffanna jechuun Gaazexeessitoota maree kana hoogganaa turaniif salphinadha.

Gama birootiin Abbaan taayitaa Biroodkaastii Itiyoophiyaa Raadiyoowwan Fm’f wayita hayyama kennu qabiyyee sagantaa isaan tamsaasan irratti hordoffii taasisuudhaan kanneen dogongoran akka of sirreessaniif kan badii raawwatan ammoo akka seeraan gaafataman taasisa.

Akkaataa badii tibbana raawwatame kanaatiin Raadiyoon FM Abbaay gocha fincila babal’isuuf taasiseen abbaa taayitaa Biroodkaastii Itiyoophiyaatiin seeraan gaafatamuu qaba,Maqaa Namoota dhuunfaafi dhaabbilee busheeffameefis hoggantoonni Raadiyoo kanaa seeraan itti gaafatamuu qabu.Gaazexeessitoonni ajajamuudhaan of eeggannaa tokko malee maree kallattii kana hooggananis sadarkaa isaaniitiin itti gaafatamummaa fudhachuu qabu!

Dhimma kana wajjin wal qabatee Gaazexeesstoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaa Afaan Amaaraa Afaan Oromoofi Afaan Tigireetiin sagantaafi oduuwwan Itiyoophiyaatti jeeqamsaafi fincilli akka babal’atuuf shoora gumaachan tamsaasaa jiru.Gochoota kanaaf ol’aantummaadhaan itti gaafatama kan qaban

1ffaa.Hooggansa Raadiyoo sagalee Ameerikaa

2ffaa.Addisuu Abbaba

3ffaa.Salamoon Abaata

4ffaa.Tizzitaa Balaachaw

5ffaa.Aluulaa Kabbada

6ffaa.Jaalannee Gammadaa,akkasumas kanneen Afaan Tigreetiin maqaa Gaazesxeessummaatti da’eeffachuudhaan ergama fudhatanii hojjechaa jiranidha.


Gaazexeessitoonni kun wayita ammaa hojjechaa kan jiran sadarkaa olola sab-quunnamtiilee diinaa OMN ABOfi ESAT’n akka ta’e mamii malee dubbachuun ni danda’ama.Qindoominni diinummaa biyyaa kun biyyaaf quuqamuudhamoo wal tumsuudhaan biiya diiguudha laata?





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman