Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa

Barreeffama haala yeroo Oromiyaa irratti kutaadhaan qooduun isiniif dhiyeessaa jiruun kunoo har’a kutaa 4ffaa irra ga’eera.Akkuman waadaa gale kutaa kana keessatti ajajaa hawaasa raayyaa feesbuukii ta’uun socho’aa kan jiru Jawaar Mahaammad haala akkamiitiin fincilli akka babal’atu taasisaa jira?humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni akkasumas mankaraarsitoonni carraa fincila babal’isuu argannee jirra jechuun malaafi tooftaa akkamiitti fayyadamuudhaan socho’aa jiru?Dargaggoonni Oromoos ta’an sabaafi sab-lammoota kanneen biroo balaa humnoonni badii babal’isuuf yaalaa jiran irraa akkamitti of eeguu qaban? Kutaa kana keessatti gaaffilee kanaafi kanneen birootiif deebiin kan kennamu ta’a.


Jawaar Mahaammad ergamaa kasaartoota siyaasaa bara kanaati.Namni kun ergamaa humnoota kanaa ta’uusaa ammoo dhiigni Dargagggoota Oromoo marartuu akka dhangala’u taasisuudhaan ba’aa jira.

Weeb saayitiin hawaasummaa feesbuukiifi twwiter ammoo Jawaar Mahaammad  ergama isaa kana akka milkeeffachuu danda’uuf shoora ol’aanaa akka gumaacheef beekamaadha.Keessumattuu Oduun sobaafi ololli dharaa Jawaar guyyuutti feesbuukiidhaan tamsaasu Daa’immaniifi Dargaggoonni Oromoo hubannaa malee fincila farra Ummataafi mootummaatti akka seenaniif qooda gamasaa akka gumaache hubachuun rakkisaa miti.

Gochoonni dargaggoota kakaasuu danda’niifi kaayyoo barachuu irraa isaan maqsan kanneen kam akka ta’an qorannoo qindoomina humnoota dhiphootaafi of tuultoota wajjin taasifameen kan mirkaneeffate namni kun ergaa Dargaggoonni ittiin kaka’uu danda’an yeroo yerootti tamsaasuudhaan Dargaggoonni Oromoo muraafni akka miidhaman taasiseera.

Fedhiin humnoota badii akka galmasaa ga’uuf Dargaggoon Oromoos ta’e kan saba biroo miidhamuu hin qabu.Fedhiin Jawaar Mahaammadiifi Biraanuu Naggaa(Ginboot 7) kan harcaatoota ABO kan Isaayyaas Afawarqii(shaabiyaa) akka milkaa’uuf Barataan Oromoo kamiyyuu baruumsa isaa irraa gufatee mana ooluuf dirqamuu hin qabu!

Fincila Jawaar Mahaammad akka babl’atu taasisaa tureen godinaalee Oromiyaa gara garaatti Barattoonni Oromoo sadarkaa baruumsaa kamirrattuu barachaa turan baruumsa isaanii jidduutti dhaabuudhaan miidhamaaf saaxilamaniiru.
Barattoonni Kaayyoo milkeeffachuuf qabatan irraa guyyootaafi ji’a miti sa’aatii  muraasaafillee dhaabbachuun miidhaa ol’aanaa qaba.

Suuraawwan biyyaalee Afrikaa gara garaatti wayita fincilaatti Namoonni ittiin miidhaman kuusuudhaan iddoo fincilli itti ka’eera jedhamu wajjin wal qabsiisuudhaan yeroo yerootti feesbuukiidhaan tamsaasaa kan jiru Jawaar Mahaammad iddoowwan adda addaatti haleellaa raayyaatiin lubbuun Dargaggootaa haala suukaneessaadhaan darbaa akka jiru fakkeessuudhaan waan baay’ee ololeera.

Suuraa Dargaggoonni haleelamuun mataan baqaqe,kan dhiigni uffata irra lola’e weeb saayitiiwwan  adda addaa irraa walitti qabatee yeroo adda addaatti tamsaasuudhaan kanneen hubannoo hin qabne kaka’uun meeshaa humnoota badii akka ta’aniif Jawaar mudhiisaa hidhachuun ammas hojjechaa jira.

Badii Namni kun raawwachaa jiruun Ijoolleen Oromoo yaaddoodhaan baruumsa addaan kutuun mana ooluuf dirqamanii turaniiru.Biiroon Barnoota Oromiyaa tibbana akka himetti barattoonni sababa jeeqamsa mudateen manatti hafuuf dirqaman baruumsa akka eegalaniif yeroon baruumsaa manca’es akka bakka bu’uuf wayita boqonnaattis barsiisuudhaan sirreessuuf carraaqqiin akka taasifamaa jiru himeera.
Maatiin ijoolleesaa gara mana baruumsaatti gama erguutiin shoora gamasaa akka gumaachuufis Biiroon Barnoota Oromiyaa gaafateera.

Malaafi tooftaa Dargaggoonni ittiin kakaafamaa jiran?

Jawaar Mahaammad dabalatee humnoonni badii kanneen biroo malawwan adda addaatiin Dargaggootatti fayyadamaa jiru.Akkuma ‘harka Namaatiin Abidda qabachuun Nama hin dhibu’ jedhamu humna Dagaggootaatti fayyadamuudhaan abidda qabsiisuun abjuu taayitaa qabachuuf qaban milkeeffacuf kan wixiffatan humnoota kanatti waan ulfaatu hin taane.

Ergamtoonni humna kanaa Qeerroo jedhamuun moggaafamaniif dhaabbilee barnootaa dabalatee iddoowwan adda addaatti bobbaafaman maallaqa ergamuuf ofiif fayyadamanii Dargaggoonni muraafni tokko tokkos maallaqaafi meeshaalee teeknooloojii kan akka moobaayila hammayyaa’aa akka argatan taasisuudhaan fincila babal’isuuf carraaqaniiru,waan danda’an hundas godhaniiru.

Asirratti dargaggoonni muraafni faayidaa yeroof argataniin gowwoomfamuun qabeenyi bu’urawwan misoomaa ummataafi mootummaa akkasumas manni jireenyaa qaamolee bulchiinsaa sadarkaa gara gadii kan gandaafi aanaalee akka barbadaa’u taasiseera.
Kana malees qabeenyi qonnaan bultoota adda duree barbadeeffameera.midhaan oyiruu irratti tuulameefi qabeenyi bosonaa gubameera.Qabeenyi inveestaroota biyya keessaas ta’e biyya alaa iddoowwan adda addaatti argamuufi birrii miliyoona dhibbaa oliin lakkaa’amu barbadaa’eera.

Tarkaanfii suukaneessaa kana bira darbuudhaanis manneen amantaa gara garaa gubuudhaaniifi sabaafi sab-lammoonni adda addaa akka wal dhaban taasisuudhaan fincilli badii akka babal’atuuf carraaqqiin taasifameera.

Fedhiifi carraaqqiin humnoota badii haala kanaan iddoowwan adda addaatti taasifame kun garuu fedhii ummata bal’aa kan bakka bu’u waan hin taaneef babal’achuu hin dandeenye.

Haala qabatamaa amma jiruun malli fincilaa hordofamaa jiru warraaqsa halluuti.Akka beekamutti warraaqsi halluu kan taasifamu Magaaloota gurguddoo keessatti malee baadiyaatti miti.Baadiyaatti ummata keessa dhokachuufi riphuudhaan mala warraaqsa halluu fayyadamuun yeroof fakkaata malee eessumaanuu kan nama ga’u miti.Gama kanaan carraaqqiin Jawaar Mahaammadiifi humnoonni of tuultotaafi mankaraarsitootaa kanneen biroo taasisan kan hin milkoofne ta’uusaa mamii tokko malee dubbachuun ni danda’ama.

Dargaggoota keenya irraa maaltu eegama?

Dargaggoonni keenya rakkoo diinagdee qaban mahaallaqa humnoonni badii isaan bobbaasuuf kennaniif fudhachuudhaan faayidaa ofiitiif oolfachuu qabu.Gama kanaan sochii jiru irratti abshaala ta’uudhaan carraaquun barbaachisaadha.Maallaqa ergamuuf fudhachuudhaan qabeenya barbadeessuufi fincilaaf kaka’uurraa of eeguun barbaachisaadha.

Biyya kana keessa akka humnoonni diinaa ololaa jiranitti Mootummaan amma jiru mootummaa humna hin qabne miti! Mootummaan Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin hoogganamaa jiru mootummaa seera qabeessa ummata bal’aadhaan filatame waan ta’eef Nagaafi tasgabbii Ummataa eeguufi kabajisiisuuf jecha tarkaanfii kamiyyuu fudhachuu ni danda’a.Humnoota dhaloota Dargaggoo badiitti oofan irrattis tarkaanfii kamiyyuu fudhachuuf mirga guutuu heera mootummaatiin deeggarame qaba.


Filannoo bara 1997 booda fincila humnoonni mormitootaa babal’isuuf yaalaniin kan miidhamee hafe Dargaggoota kaayyoo humnoota badii milkeessuuf socho’aniifi maatii isaanii malee qaama biraa akka hin taane yaadachuudhaan gocha badii kamirraayyuu of qusachuun gamnummaadha.Yeroo kanatti gamna ta’uun Dargaggoota keenya hundarraa eegama.Gamna ta’aa! Meeshaa humnoota badii ta’uurraa of eegaa!Barataan barumsa isaarratti haa xiyyeeffatu,hojii dhabaan carraa hojii argachuuf haa carraaqu! Mira yerootiin oofamuudhaan humnoota badiitiif meeshaa ta’uun xummurrisaa hundumaafuu akka hin tolle hubatamuu qaba!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman