Dhaabbata irkoo qabsoo Ummata Oromoo ta’e Dh.D.U.O

Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo  hundeeffamasaa waggaa 26ffaa qophiiwwan adda addaatiin kabajaa kan jiru yammuu ta’u qophiiwwan kabaja ayyaanichaa wajjin walqabachuun raawwatamaa jiranis qabsoo dhaabbatichi ummata hirmaachisuudhaan taasisaa jiru mamii malee itti fufsiisuuf shoora ol’aanaa kan gumaachanidha.


Qophiiwwan sirna ayyaanichaa keessaa tokko maree paanaaliiti.Mareen paanaalii qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachisuudhaan adeemsifamaa jiran akkaataa dhufiinsa dhaabbatichaa,bu’ii-ba’ii qabsoo keessatti mudateen,sababa rakkoo tasgabbii Naannoo Oromiyaatti dhiyeenya mudateefi falasaa akkasumas haala rakkooleen bulchiinsa gaarii furmaata ittiin argatan irratti xiyyeeffateera.

Mareen haala kanaan iddoowwan adda addaatti Bitootessa shan irraa eegale kun hanga Bitootessa 30 bara 2008tti kan itti fufudha.

Mareen paanaalii Roobii Bitootessa 21 bara 2008 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsifame miseensoota dhaabbatichaa sadarkaa Federaalaafi aanaalee Naannoo Oromiyaa hunda keessaa walitti baba’an hirmaachiseera.

Maree paanaalii kana irratti balaa sirna nageenyaa,misoomaafi dimookraasii kiraa sassaabdummaafi rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf miseensoota, Dh.D.U.O fi deeggartoota akkasumas ummanni Oromoo marti ga’eesaa akka ba’uuf waamichi dhiyaateera.


Waamicha kana kan dhiyeessan dura taa’aan Dh.D.U.Ofi pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Muktaar Kadir ayyaana hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 26ffaa yoo kabajnu bu’aawwan qabsoon argaman itti fufsiisuuf waadaa galle haaromsuudhaan ta’uu qaba jedhaniiru.

Dhaabbatichi sirna Darguu Ummata Oromoo haala suukaneessaa ta’een cunqursaa ture gama barbadeessuutiin shoora ol’aanaa gumaachuun Ummanni Oromoo gama hundumaanuu fayyaadamaa akka ta’uuf carraaqqii hin qusatamne taasisaa jira jedhaniiru obbo Muktaar haasawa sirna ayyaanichaa irratti dhageessiisaniiin.

Dhaabbatichi rakkoolee rakkoo kiraa sassabdummaa bulchiinsa gaariifi hojmaata badaa faallaa kaayyoosaa ta’an maqsuudhaan fayyadamtummaa Ummata Oromiyaa gama hundumaanuu mirkaneessuuf waadaasaa haaromsuudhaan gufuuwwan walxaxaa adeemsa keessatti isa mudatan kutannoodhaan hanbisuuf akka hojjetus mirkaneessaniiru.

Waggoota 26’n darban Ummanni Oromoo damee siyaasaafi hawaas-diinagdeetiin fayyadamaa akka ta’uuf dhaabbatichi hojiiwwan hedduu hojjechaa akka tureefi ijifannoowwan waggoota darban keessa galmeeffaman kunuunsuudhaan injifannoowwan dabalataa galmeessisuuf Ummata wajjin ta’uudhaan akka hojjetus obbo Muktaar mirkaneessaniiru.

Keesumattuu rakkooleen ilaalcha dhiphummaafi of tuulmmaa dhaabbata Demookraatwa ummata Oromoo mudatan sochii ummata wajjin qindaa’uudhaan taasifamuun akka maqfamaniif kallattiin akka taa’eefi ummannis kana hubatee kutannoodhaan hirmaachuun akka irraa eegamu hubachiisan.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman