Aangoo Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa Magaala Finfinnee Keessatti

Ob.Dasaa Bulchaa pireezidaantii Mana murtii waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.Barreeffama kanatti aanee jiru kana fuula fees buukii isaaniirratti barreessaniiru.Barreeffamni pireezidaantichi baasan kun hundumaafuu dhimmicha irratti hubannoo gahaa kan kennudha.Hooggantoonni kanneen biroos dhimma hojii isaanii irratti haala kanaan odeeffannoo utuu kennanii baay'ee gaariidha.Hundumaafuu waan Ob.Dasaan iftoominaan barreessan kana dubbisuudhaan hubannoo keessan gabbifadhaa.
Aangoo Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa Magaala Finfinnee Keessatti
Akkuma yeroo hedduu jedhamu Finfinneen Oromoof handhuura. Dhimma siyaasaa ijoo fi qaroo ijaa Oromoos taateetti jechuun ni danda’ama. Kun seenaan abbummaan waan walqabatuuf qofa osoo hin taane Oromoon gatii qaalii itti baasaa waan as gaheef dha.
Kanaaf egaa gaafa waa’een Finfinnee ka’u Oromoon hundi gurra qeensee kan dhaggeeffatuuf; ija banees kan ilaaluuf. Labsii Manneen Murtii Oromiyaa Caffeen dhiyeenya kana labseen (Labsii Lak 216/2011) walqabatee gaaffii fi yaadni tokko tokko ka’aa jiru illee kanuma irraa madda. Mee falmii seeraa gadifagoo keessa osoo hin seenne waa’ee labsichaa hubannoodhaaf akka tolu waanuma muraasa jechuun fedhe.
Labsichi aangoo fi gurmaa’ina Manneen Murtii (MM) Oromiyaa irra deebiin murteessuuf labsii bahedha. Dura dursa dhimma Oromoodhaaf ijoo fi ija ta’e kana labsii MM ilaalchisee bahe tokkoon deebisuu ykn akkanumatti achi qabanii bira darbuuf yaalama jedhanii yaaduun ykn shakkuun sirrii hin tau.
Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, labsichi waa’ee gaaffii ‘abbaa biyyummaa’ ykn ‘dantaa addaa’ Oromoon Finfinnee irratti kaasuu/qabu waliin walhinqabatu. Walqabachuus hin danda’u. Dhimmootni kun labsii MM gurmeessuuf baheen kan deebi’anis kan dhorkatamanis miti. Yoo waan Heeraa dubbanna taate, aangoo Caffee qofaa illee natti hin fakkaatu. Kana hubachuuf Heera Federaalaa Kwt 49 ilaaluun qofti ni gaha.
Kana malees, aangoon abbaa seerummaa dhimma qofaa isaan of danda’ee dhaabbatu akka hin taane hubachuun barbaachisaa dha. Aangoon abbaa seerummaa aangoo bulchiinsaa/siyaasaa mootummaa hordofee ykn itti hirkatee tumama. Iddoo ykn dhimma aangoon bulchiinsaa mootummaa irratti hin murtoofne/tumamne irratti utaalamee aangoon abbaa seerummaa murteessuun hin danda’amu. Kun yaada bu’uuraa aangoo abbaa seerummaa ta’uun hubatamuu qaba.
Akkuman dura tuqame, sochiin jijjiiramaa Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa taasisaa jiruun walqabatee, labsichi aangoo fi gurmaa’ina MM Oromiyaa irra deebiin murteessuuf barbaachisaa waan ta’eef labsame. Labsichi dhimmoota haaraa kanneen armaan dura hin kaane, kaasuun illee hin danda’amne hedduu haammatee tumame. Kana irraan kan ka’e sadarkaa manneen murtii keenyaas ta’e tajaajila abbaa seerummaa naannoo keenyaa hedduu ol kaasa jedhamee abdatama.
Dhimmoota kanneen keessaa hojii abbaa seerummaan walqabatee aangoo abbaa seerummaa MM Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti (‘keessatti’ malee ‘irratti’ hin jennee quba qabaadhaa!) qaban waliin qalqabatee tumaan jiru isa tokko dha. Kunis haala armaan dura tumamee hin beekneen, garuu ammoo hojii abbaa seerummaan walqabatee rakkoo cimaa turee hiikuuf kan haaraa dabalamedha. Labsich Kwt. 24 jalatti qajeeltoo waliigalaa aangoo abbaa seerummaa MM Oromiyaa erga tarreesseen booda Kwt. Xixiqqaa 2, 3 fi 4 jalatti akkas jedha:
“(2)Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa (1)(c) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, Manneen Murtii Naannichaa Magaala Finfinnee keessatti dhimmoota dantaa Mootummaa Naannichaan walqabatan irratti aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu. (3)Kan seerota biroon tumame akkuma eegamitti ta’ee, ‘dhimmoonni dantaa Mootummaa Naannichaatiin walqabatan’ kanneen armaan gadii ta’u: (a) Dhimma yakkaa abbootii aangoo fi hojjattoota Mootummaa Naannichaa aangoo fi hojii isaaniitiin walqabatee raawwatame yookiin irratti raawwatame; (b) Dhimma qabeenya Mootummaa Naannichaa irratti yookiin mooraa keessatti, yookiin dallaa, mana hojii Mootummaa Naannichaa irratti raawwatame; (c) Dhimma hariiroo hawaasaa hojii yookiin sochii hojii mana hojii yookiin abbaa aangoo yookiin hojjataa Mootummaa Naannichaa waliin walqabatee uumaman; (d) Dhimma yakkaa daangaa Naannichaa keessatti eegalame yookiin raawwatamee Magaalaa Finfinnee keessatti xumurame yookiin dahate. (4) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa (3) jalatti tumame galmaan gahuuf Manni Murtii Waliigalaa Mana Murtii sadarkaa barbaachisuu yookiin dhaddacha barbaachisu Magaalaa Finfinnee keessatti gurmeessuu ni danda’a.”
Kunis kan maddu haala amma jiruun Mootummaan Naannoo Oromiya (MNO) Finfinnee teessoo isaa muummee godhatee waan sochii seeraa (legal transactions) taasisuuf akkasumas kanaan walqabatee dantaa waan qabuuf (‘dantaa addaa’ hin jennee hubadhaa!) tumaa olii tumuun ni barbaachisa. Asirratti, kun waan ‘dantaa addaa’ isa Heera Federaalaan tumameen walqabatee akka hin taane ilaaluun gaarii ta’a. Maaliif? ‘Dantaan addaa’ tumames tumamuu baates, jiraates jiraachuu baatus, MNO akka mootummaatti Finfinnee teessoo isaa godhatee gaafa keessa socho’u walirra bu’insi aangoo (jurisdictional overlaps) waan uumamuuf rakkoo aangoo abbaa seerummaa kaasisa. Kana ammoo seeraan hiikuun/tumuun hedduu barbaachisa. Fakkeenyuma salphaa tokkoon dhimma kana hubachiisuun yoo barbaachise, yakka tokkotu Finfinnee keessatti mana hojii MNO kessatti raawwatee haa jennu. Dhimmi kun mana murtii kamitti dhiyaatee ilaalama laata? Mana Murtii Federaalaatti ta’uu hin danda’u. Dhimmichi kan Federaala hin galchine, kan MNO waan ta’eef. Garuu ammoo MM Oromiyaa isa kamitti dhiyaata? Kun qabatamaan armaan dura rakkoo cimaa fi falmii hedduu kaasisaa tureera. Labsiin kun falmii akkasiitiif fala kan kennedha malee waa’ee hariiroo Finfinnee fi Oromiyaa murteessuuf kan bahe miti. Gonkumaa!!
Asirratti wanti beekamuu qabu, keessattuu namoota waa’ee seeraa hubannaa hin qabneef, manni murtii tokko dhimma tokko ofitti fuudhee ilaalee murtii seera qabeessa kennuu kan danda’u yoo aangoo abbaa seerummaa dhimmicha irratti qabaachuu isaa mirkannaa’e qofaa dha. Yoo kana hin taane, murtii inni kennu fudhatama hin qabaatu. Dhimmi ani olitti akka fakkeenyaatti kaase kun armaan dura manneen murtii godina dhihootti argamanitti kanneen akka mana murtii godina Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa ykn Shawaa Lixaatti ergamanii seeraan ala ilaalamaa turan. Ammaan kana ammoo mana murtii Godina Addaa Naannoo Finfinneetti ilaalamu. Yoo haa dubbannu jenne, manneen murtii kun marti aangoo hin qaban. Dhimmichi daangaa bulchiinsaa isaan jala jiru keessatti kan raawwataman waan hin taaneef. ‘Local jurisdiction’ isa jedhamu waan hin qabneef. Qabatamaan rakkoo jiru kana ilaalanii qaawwaa kana duuchuun waan barbaachiseef tumaan olitti ibse tumamuu danda’eera. Wagoota muraasaan dura tumaa akkasii yaaduun hin danda’amuu, kanas quba qabaadhaa.
Labsichi rakkoo kana furuuf dhimmoota akkamiitu MM Oromiyaatiin ilaalamuu akka qabanii fi kanaaf ammoo Finfinnee keessatti mana murtii ykn dhaddacha gurmeessuun akka barbaachisu tumeera. Labsichi dhimma Finfinnee irratti kan seerota biroon tumaman yoo jiraatan (armaan duras ta’e of duraaf) isaan irratti illee karaa kan cufu miti. Cufuus hin qabu. Akkas jechuudhaan banaa taasisa: “Kan seerota biroon tumaman akkuma eegametti ta’ee,...” (Kwt 24 (3)).
Walumatti, kaayyoo labsichi yaadamee fi haala keessatti inni tumamame ala bahuudhaan (out of the very intention and context) hiikni tumaalee labsichaatti kennamu sirna hiika seeraa kan hin hordofne waan tauuf fudhatama kan hin qabne irra iyyuu edaa malee dhimmoota wal hin qabanne walqabsiisuun burjaajjii uumuu waan danda’uu hubannoo qabaachuun barbaachisaa dha jechuumaaf. Nagaan!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa