Gateettiin keenya bilisummaa amma argame baachuu dadhabuu hin qabu!
Mootummaan biyya bulchu tokko dirqama isatti kenname ni qaba.Kanaaf dirqama itti kenname bahuudhaafis ajajafi kadhaa qaama biraa hin barbaadu. Sababiin isaa waan hojjechuu qabu waan beekuufidha. Taateewwan yeroo dhiyoo qofa yoo ilaalle mootummaan tokko waan isarraa eegamu miti daangaayyuu darbee dararaa lammii isaarratti raawwataa akka ture yaadachuun ni danda’ama. Qaamaa fi sammuudhaan kan itti miidhame hedduus sirnuma kana keessa arginee jirra. Sirna kana dura ture yoo duuba deebinee ilaalle kanuma kana fakkaatu seenaan nutti hima.
Kanarraa kaanee yoo ilaalle gochaawwan kaleessa saba kamirrattuu raawwatamaa turan kan abaaru malee kan jajuu fi akka inni deebi’uuf hawwii kan qabu jira hin fakkaatu. Erga gochaawwan kaleessaa kunneen balaaleffanna ta’ee ifa har’a mirga keenya nuuf kabachiiseefi ifa har’aa kana nu argisiise kunuunfannee qabachuuf maaltu nu dhorke? Bu’aa bahii qabsoo waggoottan dheeraa booda injifannoo argannetti fayyadamuu maaltu nudhorke?Gateettiin keenya kaleessa gabrummaa baate har’a maaliif bilisummaa dadhabe? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
Qabsoon ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif deemsifamaa ture ifa har’aa arguudha. Aangoo akka biyyaatti argachuu malu argachuudha. Bilisummaa sabummaa gonfachuudha. Kun hunduu ammoo har’a milkaa’ee jira. Maarree maaliif har’as akkuma kaleessaa gabrummaatti of deebisuuf yaalla. Diinni keenya unuun ala jiruyyuu kumaa kitila maaliif walitti diina taana? Kun hunduu tilmaama ormi kaleessa ummata keenyarratti qabu dhugoomsa. Otoo nuti fedhii garaagaraatiin oliifi gadi wal harkifnuu waan waliinis ta’e waliif hojjennu otoo hin jiraatiin yeroon darba. Diinni keenya jaarraawwaniif nu gidduu ture har’a of gidduutii baasne deebi’ee seenuuf karaa argata.
Falli jiru wal dhageettii uumuudha. Wal gorfannaadhaan wal deebisuudha. Tokkummaa cimaa uumuudha. Kanaan ala furmaanni biraan hin jiraatu. Kana gochuudhaaf ammoo qaamoleen buleeyyiin hojii guddaa hojjechuu qabu. Kanaaf, rakkoo amma naannoo keenya keessatti mudataa jiru callisanii keessummaa ta’anii ilaaluun gaarii hin ta’u. Qaamonni biroonis waldhageettiifi wal kabajaaf iddoo walii kennuun gaarii ta’a. Kana keessatti qaamni ummata Oromootiif qabassa’u hunduu oromummaa karaa giddu galeessa godhateen qabsoo karaa nagaa gaggeessuudhaaf wal shakkiidhaa fi wal gaarreffannaa keessaa bahuun daandii dheeraa booda injifannoo argame kana itti fufsiisuudhaaf hojjechuutu irra jiraata.
Kanaaf, gara laafummaan mootummaa obsaan dubbii ilaaluudha. Tarkaanfiifi adabbii keessa miidhamatu jira. Miidhama keessatti ammoo kan miidhamu ummata bal’aadha. Obsi mootummaas kanarraa madda. Jaalalliifi wal dandeettii nuuf mala; miidhaan kan darbeyyuu keessaa hin bane ilaalcha jedhu qaba. Kanatti beeknee itti gargaaramuun keenya ta’a malee obsa fixannaan mootummaan waan hunda sirreessuu akka danda’uu fi gahumsa akka qabu hubachuun barbaachisaa ta’a.
Maddi:OPDO-Official-ODP
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ