Yoo waltaanu inuma moo’anna!


Oromoon saba bal’aadha.baay’inni Oromoo ammoo hunda akka yaaddessuufi sodaachisu taateewwan darbaniin mirkaneeffanneerra.Kan Oromoo sodaatuufi halaalatti jibbu diina Oromoot.Nuuf baay’inni keenya gaachana keenya akka ta’e injifannoo galmeessifneen agarree jira.
Gaachanni keenya kun gara fuulduraattis injifannoo dabalataa kan ittiin galmeessifannu ta’uu qaba.Maqaa qofa qabatanii turuun gatii hin qabu.Iniifannoon damee siyaasaatiin galmeessifne diinagdeetiinis dabalamuu qaba.Injifannoo diinagdee galmeessisuu kan dandeenyu ammoo qabeenya lafaafi namaa qabnutti fayyadamne halkanii guyyaa yoo hojjenne qofadha.
Haala mijaawaa amma argametti fayyadamuudhaan hojjennee jireenya hiyyummaa keessaa of baasuun dirqama,barbaachisaadha.Carraa gaarii amma argametti fayyadamuudhaan dhalataan Oromoo kamiyyuu hojii kamiyyuu hojjechuudhaan hiyyummaa keessaa ba’uudhaaf carraaquu qaba.Aadaan badaan hojii tuffachuu hafuu qaba.Carraa hojii argame kamittuu bobba’uudhaan umurii hiyyummaa gabaabsuun barbaachisaadha.Injifannoon siyaasaa arganne injifannoo diinagdeetiin yoo utubame malee dubatti deebi’uun gabroomfattootaan bitamuun hin oolu.
Kan darbe yaadachaa xiiqiidhaan hojjechuu qabna.Paartileen Maqaa saba Oromootiin socho’an hunduu kallattii kanaan saba kakaasuu qabu.Siyaasa qofa haasa’uun gatii hin qabu.Kan barate wallaalaa haa barsiisu,kan dogongore haa sirreessu.Oromomummaa qabannee wal ta’uun daran cimee itti haa fufu.Yoo wal taanu akka moo’annuufi akka irra aannu beekna.Kanaaf wal haa taanu! Garaa garummaa dhiphisuudhaan diinatti balbala haa cufnu!
Tokkummaan keenya yoo mul’atu diinni mataa gadi qabata.Tumsa jijjiirama hooggansa haaromsaatiif taasufameen kana qabatamaan agarree jirra.Hayyoonni siyaasaa Oromoo jijjiirama amma eegalame akka deeggaraniifi akka itti fufuuf qabatamaan mirkaneessuun isaanii diina akka rifachiise beekameera.Yaa Oromoo tokko ta’uudhaan diina mataa gadi qabachiisi,qaanessi.Nagaakee tiksi,Diinagdeekee cimsi.Kanuma falli waaraa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa