Hoggansi mana amala Sirreessaa Federaalaa jijjiirame

Hoggansa mana amala Sirreessaa Federaalaa ga'umsa dhabe kaasuun, haaraan muudame
Hoggansa mana amala Sirreessaa Federaalaa aangoo seeraan laatameefiin, ga'umsaan hojjechuu dadhaban irratti tarkaanfiin itti gaafatama irraa kaasuu fudhatameera.
Hoggansi taayitaarraa kaafamanis, haaraadhaan bakka buufamaniiru.
Haaluma kanaan;
1. Jamaal Abbaasoo; daayreektara ol'aanaa Mana Amala Sirreessaa Federaalaa,
2. Itti aanaa koomiishinaraa Yaaragaal Addamaa; itti aanaa daayreektara ol'aanaa fi itti gaafatamaa humna namaa fi faaynaansii,
3. Koomaandar Dastaa Asmallaash; itti aanaa daayreektara ol'aanaa fi itti gaafatamaa misooma haaromsaa,
4. Koomaandar Mulaat Alamuu; itti aanaa daayreektara ol'aanaa fi itti gaafatamaa damee eegumsaa fi nageenyaa,ta'uun Waxabajjii 25,2010 jalqabee muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahmadiin muudamaniiru.mmuudamaniiru
Maddi:FBC

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman