Dh.D.U.On ABO Shaneef irra deebiin waamicha dhiyeesse



Dh.D.U.On ABO Shaneef irra deebiin waamicha dhiyeesse


Dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.On) dirree siyaasaa bal’isuuf ejjennoon seena qabeessa fudhataa jiru sababa kamiinuu akka duubatti hin deebifne Itti Gaafatamaan Siyaasa fi Ijaarsa Baadiyyaa Dh.D.U.O obbo Addisuu Araggaa beeksisaniiru
Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummata Oromoo fi mootummaan isaan hogganamaa jiru tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf akkasumas dirree siyaasaa fi dimookraasii daran babal’isuuf tarkaanfiiwwan lakkawamuu danda’an hedduu fudhachaa akka jiru obbo Addisuun fuula feesbuukii isaanii irratti ibsaniiru.
Tarkaanfiiwan kanneen keessaa namoota sababa gara garaatiin hidhaman hoggantoota jaarmiyaalee siyaasa dbalatee kumaatamaan akka bilisa bahan taasisee jira.
Jaarmiyaalee siyaasaa dantaa sabaa kabajichiisuuf qabsoo hidhannoo filatanii biyyota gara garaa jiran gara biyya isaaniitti deebi’aanii qabsoo nagaa fi dimikraatawaa akka geggeessan waamichi taasifamee jira jedhan obbo Addisuun.
Gama biraanis jaarmiyaaleen siyaasaa kanaan dura himannaan shorokeessummaa irratti banamee ture, ABO dabalatee himaannaan shorokeessummaa irraa ka’ee nagaadhaan akka socha’an haalli mijataan uumameefi jira akkasumas dirree siyaasaa bal’siuuf sochii taasifamaa jiru daran cimsuuf seerootni danqaa ta’anii fi dimokraasii ukkaamsan akka fooyyaa’anii fi haqaman marii bal’aan taasifamaa jira jedhaniiru.
Hanga yoonaattis dhaabbileen siyaasaa baay’een affeeraa Muummichi Minstaraa taasisan fudhatanii gara biyyaatti kabajaan deebi’anii qabsoo karaa nagaa eegalanii jiru.
Haa ta’u malee jaarmiyaan Shanee ABO jedhamu waamicha kabajaa taasifameef fudhachuu diduudhaan nageenya naannoo fi ummata keenyaa booreessuuf akkasumas miira tokkummaa ummata Oromoo jaarraa keessatti yeroo jalqaabaaf uumamuu jalqabe diiguuf lixa Oromiyaa godinaalee muraasa irratti humna waraanaa bobbaasuudhaan miidhaa lubbuu fi qabeenyaa geessisaa akka jiru obbo Addisuun eeranii jiru.
Sochii Shanee ABO beekaas ta’e osoo hin beekin godhaa jiru carraa ummatni Oromoo qabsoo isaatiin yeroo ammaa goonfate harkaa baasuuf wixxifannaa diinni ummata Oromoo biyya keessaa taasisaa jiru kan tumsu ta’uu isaati .
Carraa kanaan jaarmiyaa Shanee ABOtiif affeerraa jaalaa fi tokkummaadhaan ummata keenya ijaaruu fi garaagarummaa qabnu irratti karaa nagaatiin qabsaa’uuf taasifameef kabajee fudhachuudhaan akka socho’u waamicha irra deebiidhaan dhiyeessuufii obbo Addisuu Araggaa beeksisaniiru.
Obbo Addisuun qeerroo fi qarreen Oromoo gumaacha qabsoo hanga ammaa keessatti qabdan abshaalummaa fi kutannoo cimaadhaan humna karaa nagaatiin ala socho’uu barbaadu dura dhaabachuudhaan injifannoo isaanii akka tikfataniif waamicha dhiyeessaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman