Muudama 8


Sochii haaroomsaa jalqabame lafa qabsiisuufi jijjirama qabatamaa caalaatti galmeesisuuf muudamni hoggansa haarawaa kennamuusaa itti gaafatamaan Waajjira Ijaarsa Siyaasa Baadiyyaa Dh.D.U.O obbo Addisuu Araggaan himan.

Hanqinaalee humna raawwachiisummaa hoggansarraa maddu furuu, komiiwwan rakkoo bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaa fi harkifannaa misoomaa hiikuuf jecha bobbii hoggansaa yeroo yerootti ilaalaa sirreffamni taasifamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Ijaarsa Siyaasa Baadiyyaa Dh.D.U.O obbo Addisuu Araggaan kan himan.

Haaluma kanaan; 

1.Obbo Girmaa Hayiluu Tolaa; hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa,


2.Aadde Munaa Ahimad, hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’iman Oromiyaa,

3.Obbo Xilaahuun Warquu; Gargaaaraa itti gaafatamaa Waajjira DhDUO Giddu Galeessaa,

4.Obbo Getaachoo Taammiraat, bulchaa bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa,

5.Obbo Masfin Asaffaa; kantiibaa magaalaa Adaamaa,

6.Obbo Salamoon Fayyee; kantiinbaa magaala Buraayyuu,

7.Aaddee Ilfinash Bayeechaa; itti aantuu hoggantuu Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa,

8.Obbo Ahimad Idriis; itti aanaa kantiibaa magaalaa Adaamaa; ta'uun muudamaniiru

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman