Isaayyaasa Afawarqii Sanbata dhufu Itiyoophiyaa daawwatu

Pireezidaantiin mootummaa Eertiraa Isaayyaasa Afawarqii Sanbata dhufu Itiyoophiyaa daawwachuu eegalu.
Pireezidaant Isaayyaas Sanbata iftaanii gara Finfinnee dhufuudhaan Itiyoophiyaa akka daawwatan qophii taasifamaa jiruun mirkanaa'eera.
Mootummaan Itiyoophiyaa sirni daawwannaa kun kan milkaa'e akka ta'uuf qophaa'aa akka jiru hubatameera.
Sanbataafi Dilbata darbe gareen ergamaan Mootummaa Itiyoophiyaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin hoogganame Eertiraatti daawwannaa seena qabeessadha jedhame taasisee akka deebi'e ni beekama
Dawwannaan Asmaraatti taasifame hanga ammaatti ummata biyyaalee lamaanii dabalatee qaamolee gara garaatiin dinqisiifatamaa kan jiru yammuu ta'u mootummoonni lameen waliigalteewwan gara garaa akka waliif mallatteessan ni yaadatama

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

ግጭት ተከስቶባቸው የነበረባቸው የቡኖ በደሌ ዞን ሁለት ወረዳዎች ሙሉ በሙሉ ወደ መረጋጋትና ሰላም ተመልሰዋል

የዶ/ር ነጋሶ “የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ” መፅሐፍ