Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Haala yeroo irratti barreeffama Ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa balballoomsu
Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kenname.
“Dirree Siyaasaa Bal’isuuf ejjennoon Fudhatame Sababa Kamiinuu Hindacha’u!”
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummanni Oromoo ballaafii Naannoon Oromiyaas ummataaf naannoo jaalalaafii tokkummaan keessa jiraatan ijaaruun mirgi siyaasaa,diinagdeefii hawaasummaa haalduree tokko malee akka kabajamuufii guutamu qabsoo hadhaawaa dhaaba naannicha bulchuu waliin taasiseen harra biiftuun nageenyaafii badhaadhinaa naannoo keenyatti ifuu eegaltee jirti.
Keessattuu mirgi siyaasaa Ummata Oromoo heera mootummaatiin taa’eefii ummanni baroota dheeraaf gaafachaa ture akka deebi’u, akka dhaabbataattiis ta’eakka dhunfaatti lammiin Oromoo dhimmi Oromiyaa na galcha jedhu kamuu daangaa tokko malee misooma naannichaarratti akka hirmaatu,qabsoon kabaja mirga siyaasa ummata Oromoof taasifamu kamuu karaa nagaan tahuu akka qabu qofa otoo hin taane qaama kabajamuu mirgaafii faayiddaa Ummata Oromootiif sochoowu kamuu maqaan badii itti maxxanfamuu akka hin qabne qabsoo hadhaawaa keessattuu waggoota lamaan darbanii as taasifameen Oromoon biyya lafaa kanarra jiru kamuu mataa akka ol qabatee deemu taasisuun danda’amee jira.
Naannoon keenyaas tahe Ummanni Oromoo akka diinoonni keenya maqaa nutti moggaasanii warra saba biraa jibbuufii biyya bulchuullee hin dandeenyetti lakkaawamaa ture sun nu warra aadaa nagayaafii jaalalaa qabnu, warra hammatee jaalalaan jiraachuu dandeenyu,warra wal dhaggeeffatee mariifii marabbaan ofiimitii biyyallee bulchuu dandeenyu akka taane harra addunyaan martuu raga nuu bahee jira.
Siyaasni Oromoo siyaasa jibbaa otoo hin tahin siyaasa jaalalaafii tokkummaa tahuu isaallee tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf akkasumas dirree siyaasaa fi dimookraasii daraan babal’isuuf tarkaanfiiwwan lakkawamuu danda’an hedduu fudhatamanii jiru, fudhatamaas jiru.
Tarkaanfiiwan Mootummaa naannoo Oromiyaatiin fudhataman kanneen keessaa namoota sababa garagaraatiin hidhaman hoggantoota jaarmiyalee siyaasaa adda addaa dabalatee kumaatamaan akka bilisa bahan ta’ee jira.
Jaarmayaalee siyaasaa dantaa sabaa kabajichiisuuf qabsoo hidhannoo filatanii biyyoota garagaraa jiran gara biyya isaaniitti deebi’anii qabsoo nagaa fi dimokraatawaa akka geggeessan waamichi tasifamee jira. Harra mana maree bakka bu’oota ummataatiin mooggasni shorokeessummaa dhaabbilee siyaasaa adda addaa irraa ka’uun bu’aa qabsoo mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa turee tahuu dhugaa lafa jiruudha.
Jaarmiyaaleen siyaasaa kanaan dura himannaan shoororkeessummaa irratti banamee ture, ABO dabalatee himaannaan shoororkeessummaa irraa ka’ee nagaadhaan akka socha’an haalli mijataan uumamee fi jira.
Naannoo keenya keessatti lammiileen keenya maqaa ABOtiin gidiraan irra gahaa ture lamuu gochi suukanneessaan akkasii akka irratti hin raawwatamneefii hin dabalamne Mootummaan Naannoo Oromiyaa ijjannoo cimaa qabaachuu isaa jechaan osoo hintaane gochaan mirkaneessee jira.
Dirree siyaasaa bal’suuf jecha sochii taasifamaa jiru daran cimsuufiis seeroonni danqaa ta’anii fi dimokraasii ukkaamsan akka fooyyaa’anii fi haqaman marii bal’aan taasifamee jira.
Hanga ammaattiis dhaabbiileen siyaasaa baay’een affeerraa Muummichi Minstiraa taasisan qeebalanii gara biyyaatti kabajaan deebi’anii qabsoo karaa nagaa eegalanii jiru.
Mootummaan naannoo keenyaa hojiiwwan kana hundaa kan hoojjatuuf mirgi siyaasaa ummata keenyaa kabajamee naannoon keenya naannoo nageenyaafii misoomaa akka taatu gochuufi.
Injifannoon siyaasaa qoftiis galma waan hin taaneef qabeenya,humnaafii beekkomsa lammii hundaa qindeessuun injifannoon siyaasaa diinagdeen akka dabalamu,haqni ummataa akka hin dabne,olaantummaan seeraa kabajamee rakkoon bulchiinsa gaarii hundeerraa akka furamuuf halkaniif guyyaa xiiqii aantummaa lammummaatiin hoojjechaa jira.
Hojii lammii mataa ol qabachiisee sabaafii sablammoota biyyattii biratti dinqisiifannaafii abdii guddaa itti hore kana yoo hoojjannu garuu qaamni kaleessa qabeenya naannoo keenyaa saamaafii saamsisaa hiyyummaa nurratti jaare, lammii mirga ofiif, saba ofiif falmu maqaa adda addaa itti kannee suukanneessaa ture,akka sabni keenya miirri gad aantummaa itti dhaga’amee jiraatu gochaa turan abdii ummanni keenya amma argate kana gufachiisuuf boolli isaan hin qonne hin jiru.
Kan nama dhibu ammo bakka ummanni Oromoo tokkummaa sabaafii biyyaa lallabaa jijjiirama keessa sochoowaa jirutti qaamoonni humnoota diigumsa keenyaaf wixxirfataniif qaawwa banuun naannoo keenya nagaa dhabsiisuuf sochoowan jiraachuu isaaniiti.
Bakka Oromoon marti kallattii hundaan misoomaaf onnatee waamicha dirree siyaasaa ballisuuf taasifamaa jiru dinqisiifateefii deeggaraa jirutti Jaarmayaaleen tokko tokko Carraa seenaa ummata oromoo keessatti aadaa siyaasaa duubaatti hafaa duraan ture jijjiiruuf uumame kanatti fayyadamuuf fedhii agarsiisaa akka hinjirre hubatamee jira.
Kana keessaa jaarmiyaan ABO Shanee jedhamu waamicha kabajaa taasifameef fudhachuu diduudhaan nageenya naannoo fi ummata keenyaa booreessuuf akkasumas miira tokkummaa ummata Oromoo jaarraa keessatti yeroo jalqaabaaf uumamuu jalqabe diiguuf ergamaa dinaa warra tokkummaa keenya diiguuf socha’anii raawwachiisuuf lixa Oromiyaa godinaalee muraasa irratti humna waraanaa bobbaasuudhaan hojii jeequumsaa fi tasgabbii dhorkuu keessa galee jira. Sochii kanaanis lubbuu qaqqaalii ilmaan Oromoo irratti miidhaan qaqabee jira.Midhaan qaamaa fi barbaadaa’uun qabeenyaas uumameejira. Mootuummaan naannoo Oromiyaa gochaa kana irratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa kabajchiisuuf dirqama qabaatus, tokkummaan Oromoo cimaa dhufe akka hinmiidhamne yaaduun dubbii kana obsaa fi bilchina olaa’anaadhaan hiikuuf socho’aa jira.
Miidhaa kana caalaatti miidhaan miidhaa caalu sochii ABO Shanee beekees ta’e osoo hinbeekin godhaa jiru carraa ummatni Oromoo qabsoo isaatiin yeroo ammaa gonfate harkaa baasuuf wixxifannaa diinni ummata Oromoo biyya keessaa taasisaa jiru kan tumsu ta’uu isaati .
Qabsoon ummata Oromoo kanaan dura jaarraa tokkoof karaa walfakaatuun Oromoo Oromoodhaan diigaa akka galma hingeenye taasifamaa turuun beekamaadha.Harras Maqaa ummata Oromoo dhahachaa qaama diigumsa naannoo keenyaa hawwuuf karra banuun, tokkoomuu miti diigumsa!
Jijjiiramadhufaa jirukana gufachiisuun ummata keenya hiyyummaa keessa tursuu barbaaduudha,nageenya naannoo keenyaa booreessuun ummata tasgabbii dhoorkuudha,Oromoo misoomaaf onnate hamilee cabsuun mogolee buusuudha,diina Oromiyaa diiguuf karra banuudha,Oromoon sabaan akka hin boonne saalfachiisanii mataa gadi qabachiisuudha.
Oromoon Jaarraa tokkoooliif mirgi isaa sarbamaafii bakka gara garaatti bittinaawee miidhaaf saaxilamee kan caphe tokkummaa dhabuu isaatiin, injifannoon harra galmaawe kan dhufuu danda’ees tokkummaa keenya cimsuu keenyaani sababii adda addaan nageenya keenya booreessuuf aggaammiin taasifamuufii tokkummaan amma uumamees kan diigamuu danda’uufii injifannoon gonfanne nu harkaa harca’uu danda’uus qaama biraan otoo hin tahin tokkummaa yoo dhabne qofa akka tahees sirritti hubatamuu qaba.
Gama biraattiin diinotni keenya daangaa irratti ummata keenya nagaa irratti haleellaa banuun guyyaa guyyaadhaan lubbuu, qaamaa fi qabeenya irra miidhaan akka gahu gochaa jiru.Ummata nagaadhaan yeroo heeraadhaaf waliin jiraataa tures walitti buusuun balaa buqqa’iinsaa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiru. Galmi shiroota kanaas Oromoon walis ta’ebiyya hogganuu akka hindandeenye fakkeessanii agarsiisuudha. Oromoo murnaadhaan walitti buusuun dorgommii hinbarbaachisfne keessa galchuun Oromoo Oromoodhaan cabsuudha
Oromoof Oromiyaan barootaaf dhiigan harra misoomaafii guddina hawwu!
Oromoon Oromoo waraanuun galmi isaa waan biraa miti humnoota diigumsa keenya barbaadaniif carraa uumuun akka isaan angoo dhabanitti deebi’anii ummata keenya boochisaa akkuma kaleessaa qabeenya keenya qoqoran riqicha taaneefii ceesisuudha kanaaf qalbiin ija sabaan waa ilaaltu hundi shira kanarratti yeroon itti dammaquu qabu amma tahuu qaba.
kanaaf harraas warra maqaa Oromoo dhawatee Oromoofiin falma jedhu kamuufuu aduun hin dhiine, Carraa kanaan jaarmiyaa ABO Shaneetiif affeerraa jaalaa fi tokkummaadhaan ummata keenya ijaaruu fi garaagarummaa qabnu irratti karaa nagaatiin qabsaa’uuf taasifameef kabajee fudhachuudhaan akka socho’u waamicha irra deebiidhaan dhiyeessuu barbaadna.
Oromiyaan harra waraanaaf Otoo hin tahin misoomaaf tumsa lammii barbaaddi,Oromiyaan harra diigumsaaf otoo hin tahin tokkummaafii jaalala lammiif biyyaaf nu barbaaddi,Oromoofii Oromiyaan harra akka kaleessa maqaa nutti baasan naannoo Jibbaafii gola keessaa wal nyaatu otoo hin taane naannoof saba utubaa biyyaa tahe ijaaruu barbaaddi
Qeerroof qarreen kaleessa dhiigu harra hiyyummaa dhiigsuuf, dimokraasii dagaagsuuf onnate kanaaf Qeerroo fi qarreen Oromoo dubbii diigumsaafii misooma keenyarraa nu gufachiisu kana qalbiin ilaalaa, gumaacha qabsoo hanga ammaa keessatti qabdan abshaalumaa fi kutannoo cimaadhaan humna karaa nagaatiin ala socho’uu barbaadu dura dhaabachuudhaan injifannoo keessan akka tikfattan mootummaan naannoo Oromiyaa waamicha isinii dhiyeessa!
Jaarraa kun jaarraa qabsoon qaroome karaa nagaa fi dimookraatawaa ta’een itti geggeeffamudha malee yeroo garaagarummaa ilaachaatiin qawwee walirratti kaafatanii miti.
Hawaasni keenya harra waardiyyaa nageenya isaa tahee misooma isaa itti fufsiisuun Oromoofii Oromiyaa guddinaan fakkeenya taate waliin haa ijaarruu.
Carraa kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa dirree siyaasaa bal’isuuf ejjennoon seena qabeessa fudhataa jiru sababa kamiinuu akka duubatti hindeebifne irra deebi’ee ummata Oromoof mirkaneessuu barbaada !
Nageenya keenya eeggannee misooma keenyaaf wabii yaa dhaabbannuu
Dirree Siyaasaa Bal’isuuf ijjennoon Fudhatame Sababa Kamiinuu Hindacha’u!”
BDHKMNO
Waxabajjii 28/Bara 2010
Finfinnee

አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ