Shira Tibbanaa fi Fala Isaa

Via: Addisuu Araggaa Qixxeessaa

1.Walitti bu'iinsa sabaafi amantaa babal'isuu

Jijjiirama qabsoo ummataa fi hooggansa haaromsaatiin galmaa’a jiru duubatti deebisuuf tibbana shira hamaatu xaxamaa jira. Shira deemaa jiru keessaa inni tokko bakka hundatti walitti bu’iinsi sabaa fi amantaan akka uumamu taasisdhaan walqooduun akka uumamu, seermaleessuumman (anarchy) akka babal’atu taasisuudha. Galmi adeemsa jeequmsa akka naannoottis ta’e akka biyyaattii uumuuf godhaamaa jiru kanaa nageenyi akka dhabamu, bahuu fi galuun lammiilee rakkoo akka ta’u, sodaa fi walqoodiinsi uumamee ummatni jijjiirama dhufaa jiru kana hiikasaa akka wallaalu godhuun cinqamee cunqursaa kaleessaa jalatti deebi’uu akka hawwu taasisuudha.

2.Dhandhamni injifannoo akka wallaalamu taasisuu

Dhimmi lammataa ummatni Oromoo injifannoo qabsoo isaatiin argate dhandhama isaa akka wallaalu taasisuudha. kanaafis hojiin piropaagaandaa/ololaa cimaa Oromoo burjaajeessuuf kaayyefate maallaqaa fi humna namaa guddaa irratti bobbaasuun hojjetamaa jira. Piroopgaandaa deemaa jiruunis Oromoon injiffannoo akka sabaatti jaarraa tokkoo fi walakkaa booda argate dhiisee waan xixiiqqaa irratti murna siyaasaa, alaabaa fi aasxaadhaan wal qoodee akka walnyaatuu fi tokkkummaan Oromoo akka diigamu taasisuun Oromoo Oromoodhaan cabsuuf socha’amaa jira.Dabalataanis tarkaanfiiwwan dirree siyaasaa bal’isuu fi tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf jecha fudhataman akka carraatti fayyadamuun waldorgommi fi walqoodinsa Oromoo jaarmiyaalee jalatti taasisuun Oromoon akka faca’au godhuuf hojjetamaa jira.

3.Sochii diinagdee biyyaa laamshessuu

Dhimmi sadaffaan sochii diinagdee biyyattii laamshessuuf shira adeemaa jirudha. Sochii kanaan nageenya induustrii tasagabbii akka hin arganne godhuun omishini fi omishitummaa industiriiwwanii akka dhadhabu, qonnaan bulaan keenya hojii misooma qonnaa irrattii akka xiyyeefaatee hin hojjenne xiyyeffaanno dhorkuu, hojii dhabdummaan akka babal’atu taasisuu , hanqinni sharafa alaa fi qaala’insi jireenyaa akka hammaatu godhuun jireenyi ilma namaa gadadoo keessatti akka kufu taasisuun ummatni qaanqee jijjiiramaa yeroo ammaa qabataa jiru irraa akka abdii dhabu godhuuf shira deemaa jirudha.

4.Burjaaja'uumsa uumuu

Shirri afraffaan murtoo fi tarkaanfiiwwan hoggansi faayidaa ummata Oromoos ta’e ummata biyyatti kabajichiisuuf fudhataa jiru irratti burjaaja’insaa uumuu, ummatni hoggansa akka shakku godhuuf hojjetamaa jira. Oromoon aangoo biyyatti hunda xaragee fudhachuuf socho’aa akka jiru fakkeessuun maqaa angawaataa tarreessuu fi teessoo lakkaawuutti galamee jira.Galmi shira kanaas keesumaayyuu ummata Oromoo fi Amaaraa giduutti hariiroo obbolummaa fi jaalalaa uumame diiguun walitti bu’iinsi akka uumamu godhuun injifannoo amma galmaa’aa jiru gufachiisuudha.

5.Gochoota badanii balleessuu raawwachuu

Dubbii shanaffaan gocha badanii balleessuu raawwachuudha. Tarkaanfii ajjeechaa hoggantoota mootummaa, namoota bebbeekamoo, qeerroo fudhatama ol’aanaa qaban irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuu, sabaa fi sabalammoota walitti buusuu, lola karaa daangaa babal’isuu, karaa gurguddaa cufuu jeequmsaf waamicha gochuun yakkoota shorokeessummaa kkf raawwachuudha. Kana raawwachiisuuufis meeshaa waraanaa seeraan alaa kallattii hundaan bal’inaan tamsaasaa jiru.

Shirri diinaa injifannoo ummataa duubatti deebisuuf xaxamaa jiru kun akka dhaabbatu godhuuf hoggansi sadarkaan jiru, hayyootni,ogeeyyii fi dhaabbileen sab-quunnamtii addaa addaa hubannoo ummataa cimsuun ummatni shira kanatti dammaqee karaa ijaaramen shira kana akka fashaleessuu hojii saaxiluu hojjechuutu irraa eegama.

Ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan isaa akka cimu, dhimmoota tokkummaa isaa diiguu danda’an irraa akka of eegu godhuun injifannoo wareegamaan argate kana bakka hundatti waardiyaa ta’ee akka tikfatu godhuun barbaachisaadha. Ummatni keenya sochii diinagdee irratti xiiqiidhaan cimee akka bobba’u , jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti qormaatawwan xixiqqaa isa mudatan bilchinaan mo’ataa deemuuf akka of qopheessu godhuun barbaaachisaadha.

Bakka hundatti ol’aantummaa seeraa akka kabajamu fi nageenyi waara’aan akka mirkanaa’u Qeerroo fi qaamotni nageenyaa waloon socho’uu qabu.Qeerroon humna jijjiiramaa ta’uun tokkumma Oromoo akka eegu, injifannoo argame akka tiksuu fi ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu keessatti hojii bonsa eegale cimsee akka itti fufu hojjechuun dhimma gaaffii keessa galuu hinqabnedha. Gama Mootummaatinis caasaa nageenyaa cimsuu, hirmaannaa ummatni nageenya kabajchiisuu keessatti qabu cimsuun ol’aantumman seeraa akka kabajamuu fi nageenyi waara’aan akka mirkanaa’uu godhuun shira diinni nurratti xaxaa jiruu irratti ulaa cufuun dhimma yeroon itti kennamu miti.

Aadaa siyaasaa jijjiiruu fi dirree siyaasaa bal’isuuf tarkaanfii eegalame karaa tokkuummaa fi fayyadamummaa Oromoo cimsuun hojiirra oolchuu. Adeemsa kana keessatti gabaan siyaasaa fi dorgommiin tokkummaa Oromoo diiguu jaarmiyaalee siyaasaa oromoo gidduutti akka hinuumamne of eeggannoo taasiisuu qabna.

Sabboonuummaan Oromoo nuti tarkaanfachiifnu sabaa fi sabalammoota biroo waliin kan ittiin waldorogommii hinbarbaachifne keessa galluu fi madda walitti buu’iinsaa akka hintaane ofeeggannoo godhuu qabna. Sabboonummaan keenya karaa tokkummaa oromoo cimsuu fi Oromoon utubaa Itiyoophiyaa ta’uu bira darbee wabii nageenya ummata gaanfa Afriikaa ta’uu isaa karaa mirkaneessuun akka dagaagu hojjechuutu nurraa eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman