Marii jalqabame milkeessuuf dhukaasa dhaabeera- ABO


Finfinnee, Adoolessa 5,2010(Tolawaaq W.) -Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa Ityoophiyaa waliin marii itti fufuu akka barbaadu beeksiseera.
Addichi rakkoo siyaasa Ityoophiyaa hiikuuf mariin furmaata ta'uu kaasee, marichaan milkaa'uuf labsii dhukaasa dhaabuu labsuu isaas ifoomseera.
ABOn ibsa har'a baaseen akka beeksisetti, hayyu dureen addichaa yeroo nministiraa Dooktar Abiy Ahimad Eertiraa daawwatanitti walga'anii mari'achuun, rakkoo jiru karaa nagayaa furuuf yaaliin godhamaa ture tarkaanfii tokko fuula dura deemuu kan danda’e ta'uu ibseera.
Haasawa nagayaa jalqabame kanas mootummoonni, ummattoonnii fi nagaa jaallattoonni kan barbaadan ta'uu ABOn ni amana jedheera.
Haaluma kanaan, Addi Bilisummaa Oromoo kana hubachuun, haasaa nagayaa jalqabame fuula dura tarkaanfachiisuu fi milkeessuuf, yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu labseera jedheera.
Mariin eegalames firiidhaan akka goolabamu abdii akka qabu addichi ibsa isaatiin beeksiseera.
Itti gaafatamaan ijaarsa siyaasa baadiyyaa Dhaabbata Demokraasummaa Oromoo obbo Addisuu Araggaan ibsa Feesbuukii isaanitiin laataniin, mariin eegalame fiixa akka ba'uuf akka hojjetamu beeksisaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman