Hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaa kanaan duraa irratti himannaan dhiyaate
Hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaa kanaan duraa obbo Wandimmuu Birraatuufi haadha warraa isaanii dabalatee Namoota shan irratti har’a himannaan yakka malaamaltummaa cimaan dhiyaateera. Obbo wandimmuu Birraatuu Naannoo Oromiyaatti mindeeffama irraa hanga muudamaatti wayita itti tajaajilan waggoota 18 keesatti galiin karaa seera qabeessan argachuu qaban miliyoona tokkotii kan dhiyaatu ta’us karaa hin beekamneen birrii miliyona 25 sochoosaa turan jedheera himannaa itti dhiyaate keessaa inni tokko. Galmee himannaa kana kan hordofe dhaddacha 18ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalati. Himatamtichi obbo Wandimmuu Birraatuu hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaafi itti aanaa itti gaafatamaa bulchiinsaafi faayinaansii waldaa aksiyoona liqiifi qusannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaniiru. Hojii Daldalaatiin kan jiraatan obbo Baahiruu Biradaafi Shawaaraggaa Biradaa akkasumas obboleettiin obbo Wandimmuu Ilfinash Birraatuufi haati warra obbo obbo Wandimmuu adde Assagadach...