Lammiiwwan Itiyoophiyaa 20 garee IS’tti makamuuf yaalaniiru jedhaman himataman



Abbaan alangee Federaalaa dhaabbata shoroorkeessaa idila Addunyaa  garee ‘IS’(mootummaa Islaamaummaa) jedhuun of waamutti makamuuf wayita socha’an argeeraani kan jedheen lammaaiiwwn Itiyoophiyaa 20 irratti  himannaa yakka shoroorkeessitummaa dhiyeesse.

Namoonni 20n galmee Abdulawahib Abdallaafa’iin  himataman kunniin tokkoon tokkoon isaanii barsiisa kaawaarijaa jechuun sochii amantaa taasisaa turan jedheera himannaam dhiyaate.

Gochi shoroorkeessitummaa isaanii dhabama mallaqaatiin akka jalaa hin gufanneef naannawa Jimmaatti konkolaataa dhaabbsisuudhaan konkolaachisaa ajjeesuun maallaqaafi qabeenya saamuun galii akka argatanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.


Himatamtoonni kun-

1.Abdulwahib Abdallaa

2.Naasir Dagguu

3.Redwaan Taa’ii

4.Sheek Indiriis Hasan

5.Abduu Mahammad

6.Zaayid Naasir

7. Niizaamuu sheek Abdulkariim

8.Ahimad Abdulahamiid

9.Tamaam Makonnin

10.Eeliyaas Yaasiin

11.Hamdee Yimaam

12.Shariif Baluudee

13.Indiriis Mahaammad

14.Hasan Huseen

15.Asiraar Hasan

16.Sheek Miiftaah Abbaa Raayyaa

17.Sheek Mahammad Abbaa warquu

18.Sheek Mahaammad Saalaah

19.Mahaammad Indiriisfi

20.Sa’iid Alii jedhamuudhaan beekamu.

Himatamtoonni kun jiraattoota Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraanyoo,Jimma,Wallagga,Shawaa roobiit Kamisee,Sanbateefi magaalaa Jijjigaa akka ta’e eerameera.

Abbaan alangee himatamtoota hundumaa yakka shoroorkeessitummaa hoogganiiniru,karoorfataniiru,deeggaraniiru jechuun seera farra shoroorkaa keewwata 3(1),3(2)fi keewwata 4 akkasumas 7(1) wabeefafchuun himateen.

Himatamtoionni kun Itiyoophiyaatti mootummaa Islaamummaa hundeessuuf sochii gara garaa akka taasisanis himannaan abbaa alangee mul’iseera.

Barsiisa Kaawaarijaa isaan hordofaniin ala barsifanni  amantaa kamiyyuu Itiyoophiyaa keessa jiraachuu hin qabu jechuun fagoo deemaniiru kan jedhe himannaan kun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf ammoo Magaala Finfinnee teessoo gareee shoroorkeessaa taasisanii fayyadamuun Naannoo Oromiyaa Kibba,Amaaraa Sumaaleefi Naannolee biroottis caasaa shoroorkeessitummaa akka diriirfatan mul’iseeraa.

Mootummaa qabsoo hidhannootiin jigsuuf murteessuudhaan meeshaalee waraanaa bituun,iddoo leenjii filuun,kaayyoo kana galmaan ga’uufis adeemsa madda maallaqaa barbaaduurra akka turanis galmee himannaatiin eermeera.
Kaayyoon keenya dhaabbilee shoroorkieessitoota idila Addunya akka ta’an kan himamuuf al-Shabaabiifi IS wajjin tokkodha,waliin hojjechuu qabna jechuun akka socho’anis himameera.

Himatmaan 1ffaan Abdulwahid Abdallaa amma yeroof kan hin qabamne hoogganaa garee shoroorkeessaa Jilaaloo Abdallaa bara 1999 miseesnsummaadhaan akka foo’ate himannaa dhiyaate kanaan eerameera.

Himatamaan kun bara 1999 hanga bara 2007 Magalaa Finfinnee kutaa magaalaa kolfee qaraaniyoo mana jireenyaa isaa naannawa loomii jedhamutti argamutti  miseensoota garee shororkaa walitti qabuudhaan akka mari’achaa ture himannaa kanaan mul’ifameera.

Abbaan alangee kanneeniifi gochawwan yakkaa kanneen biroos eeruudhaan himannaawwan sadi dhaddacha yakka 19ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalaatti dhiyeesseera.

Himatamtoonni dhaddachicha duratti dhiyaachuun eenyummaan isaanii kan mirknaa’e yammuu ta’u turjumaana qopheessuun himannaa dubbisuuf Onkololeessa 18 bara 2008tti beellamameera.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman