Qabeenyi dhimma Obbo Wandimmuu Birraatuutiin wal qabtee jiru hundi qoqqobame



Komishiinichi qabeenyawwan himannaa obbo Wandimmuu Birraatuu wajjin walqabatan qoqqobsiise.


Gareen qorannoo yakkaa komishiinii Naamusaafi farra malaammaltummaa Federaalaa yakka malaammaltummaa ol’aanaadhaan shakkamanii too’annoo jalatti kan argaman hoogganaan  biiroo galiiwwanii Naannoo Oromiyaa kanaan duraa obbo Wandimmuu Birraatuutiin qabeenyawwan wal qabatan qoqqobsiiseera.

Qabeenyawwan garee koomishiinichaatiin qoqqobsiifaman konkolaataa,manneen jireenyaafi mallaqa maqaa isaaniifi maatii isaaniitiin galmeeffamanidha.

Qabeenyawwan dhaddacha yakka 2ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalaatti dhiyyeefamanii qoqqobbiin itti murteeffame malaammaltummaan kan shakkaman haadha warraa obbo Wandimmuu Birraatuu, obboleettii isaanii abbaa haadha warraa isaaniifi maqaa Namoota kanneen birootiinis kan galmeeffaman kutaawwan magalaa Finfinnee gara garaa keessatti kan galmeefaman konkolaattoonni 9 kan eeramanidha.

Konkolaattoota kanneen keessaa walakkaadhaa ol kan ta’an maqaa maatii obbo Wandimmuu Birraatuutiin kan galmeeffamanidha jedhameera.

Akkaataa qoqqobbii kanaatiin Finfinnee Laga Daadhii,Laga Xaafoo Magaalaa Suluultaaf Adaamaatti qabiyyeewwan manneen 14 irratti ijaaraman akka jiran himameera.

Manneen kun maqaa haadha warraa obbo Wandimmuu Birraatuu,,obboleettii isaanii haadhaafi maqaa ilma isaaniitiinis kan galmeeffamanidha.

Dhaabbileen gara garaa maqaa isaaniitiin galmeeffamaniifi maallqni Baankiidhaa qabanis akka hin sochooneef qoqqobameera.

Abukaatoon shakkamtichaa qoqqobbiin murtreefame akka irraa ka’uuf iyyata erga dhiyeessanii booda gareen qorannaa yakkaa koomishiinichaa falmiisaa dhageessiseera.

Yakka malaammaltummaa ol’aanaadhaan shakkamuun kan himataman obbo Wandimmuu Birraatuu Biiroo galiiwwanii Oromiyaa waggoota hedduuf hooggaan akka turan ni beekama.

Dhaddachichi dhimma himannaa kana xiinxaluudhaan ilaaluuf Onkololeessa 26 bara 2008tti beellameera.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman