Qaalawiinsi gatii akka hin hammaanneef midhaan bitamee dhiyaachaa jira.Ob.Hayilamaariyaam



Finfinnee Onkololeessa 16,2008(FBC) Balaan hoongee Naannolee gara  garaatti mudate qaalawiinsa gatii akka hin hammeessineef mootummaan Itiyoophiyaa  midhaan gabaa biyya alaa irraa bal’inaan bituudhaan galchaa akka jiru ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany beeksianiiru.


Ministirri muumichi kana kan dubbatan wal ga’ii idilee 3ffaa mana maree bakka bu’oota ummaataa har’a adeemsifame irratti argamuudhaan gaaffilee gara garaa miseensoota mana mareetiin isaaniif dhiyaateef deebii wayita kennanitti.

Manni maree bakka bu’oota ummataa   wal ga’iisaa idilee 3ffaa har'a deemsise kanaan yaada mooshinii deeggarsaa kallattiiwwan xiyyeeffannoo Mootummaa ilaaleera.

Manni marichaa qabiyyee haasawa pireezidaant Mulaatuu Tashooma mana maree bakka bu'oota ummataafi mana maree federeeshiniif Fulbaana 24 bara 2008 dhageessisan irratti kan mari’ate yammuu ta'u mooshinii deeggarsaas sagalee guutuudhaan raggaaseera.

Ministirri muumichi Hayilamaariyaam Dassaalany gaaffilee gara garaa miseensoota mana marichaa irraa isaaniif dhiyaataniif ibsaafi deebii bal'aa kennaniiru.

Obbo Hayilamaariyaam balaan Elniinoo miidhaa akka hin geessifneef of eeggannoon taasifame maali? jechuun gaaffii isaaniif dhiyaateef deebii kennaiin jijjiramni haala qilleensaa(Eelniinoon) biyya keenyati waan mudateef hanqina roobaan rakkoo nyaataa mudatu too’achuufi dandamachuuf Naannawa horsiisee bulaatti haala saffisadhaan bishaan bool’aa qopheessuudhaan midhaan gargaarsaas akka dhaqqabu taasifameera jedhaniiru.

Baatiiwwan dhufan keessa roobin fooyya’aa akka dhufu waan beekameef yaaddessitummaan rakkoo kanaa akka itti hin fufneef shoorasaa ni gumaacha jedhamee eegamas jedhan.


Balaan hoongee mudate hanqinni midhaan nyaata akka uumamu taasisuun qaalawiinsa gatii akka hin babal’ifneef mootummaan midhaan gabaa alaa irraa bituudhaan gara biyyaatti galchaa akka jiru dubbataniiru.

Quunnamtii alaa

Itiyoophiyaan garee shoroorkeessaa al-Shabaab Soomaaliyaa keessaa balleessuun Nagaan akka bu’u taasisuuf hojiiwwan hojjette milkaa’aa akka turan kan eeran ministirri muummichi gara fuulduraattis iddoowwan bilisa ba’anitti tajaajilawwan bu’uraa kan akka dhiyeessii Bishaanii fayyaafi barnootaa akka gutamaniif deeggarsi ni taasifama jedhaniiru.

Waggaa faranjootaa haarawaa dhufu keessa biyyattiin  filannoo akka adeemsiftuuf hojiin haala mijaawaa uumuu akka hojjetamus himaniiru.

Gocha badii Mootummaa shaabiyaatiin yeroo yerootti raawwatamuuf Mootummaanis ta’e Ummanni Itiyoophiyaa iddoo akka hin kennineef kan himan obbo Hayilamaariyaam akkuma kanaan dura himnetti gocha badii Itiyoophiyaa irratti raawwatamuuf tarkaanfiin walsimaan ni fudhatama jedhaniiru.

Qabeenya baalladaafi Qurxummii

Ministirri muummichi gara fuulduraaa qabeenya beelladaatti sirritti fayyadamuuf qophaa’umsa jiru ilaalchisuun gaaffii dhiyaateefis waggoota kurnan dhufan  kallattiin damee misooma qabeenya beelladaafi qurxummii ittii hoogganamu akka taa’ae dubbatan.

Dameen kun guddina diinagdeetiif shoorri gumaachu ol’aanaa akka ta’ellee beeksisaniiru.

Mootummaan qophii soorataa,sirna soortaafi fayyaa beelladaa hordofuudhaan misoomni qabeenya beellada akka babal’atuuf qophii taasiseera kan jedhan obbo Hayilamaariyaam sirna bittaa gurgurtaa beelladaa horsiisee bulaa hammayyaa’aa taasisuuf carraaqqiin akka taasifamu mirkaneessaniiru.

Balaa hoongee mudate wajjin wal qabatee hanqinni midhaan nyaataa akka hin mudanneefi sadarkaa  amma irra jiru irra akka hin dabarreef mootummaan midhaan bituudhaan gara biyyaatti galchaa jira jedhan.

Damee ijaarsaa

Guutuu biyyattiitti hojiiwwan ijaarsaa babal’achuudhaan adeemsifamaa jiru.Humna damee kanaa cimsuufis barattoota dhaabbilee baruumsa ol’aanaa galan keessaa dhibbentaan 70  saayinsiin barachuun kanneen keessaayis dhibbentaan 40n damee injinariingiirratti akka leenji’an taa’sifamuu obbo Hayilamaariyaam dubbataniiru.

Humna barattootaa sirritti fayyadamuudhaan damee ijaarsaa guddisuuf xiyyeeffannoon ol’aanaan kennamee hojjetamaa akka jirus himan.
Kana maddiitti humna gorsistootaafi koontiraaktaroota biyya keessaa cimsuufis ni hojjetama jedhan.

Hojiiwwan diizaayiniifi too’annootiin kubbaaniyaawwan biyya keessaa muuxannoo akka horataniif kubbaaniyaawwan biyya alaa damee kana irratti akka hirmaataniif carraaqqiin akka taasifamus eeraniiru.

Rakkoolee damee kanaatti fala argamsiisuudhaanis bu’aa guddina diinagdee biyyattiitiif gumaachu dabaluun akka danda’amudha kan himan.

Rakkoo kiraa sassaabdummaa damee kanaan mul’atuuf madda isaa gogsuudhaan dorgomtummaan isaa akka itti fufuuf mootummaan deeggarsa taasisu akka cimsus obbo Hayilamaariyaam beeksisaniiru

Damee misooma manneenii

Damee misooma manneeniitinis mootummaan itti gaafatama ol’aanaa fudhachuudhaan hojjeta kan jedhan obbo Hayilamaariyaam qaamoleen qooda fudhattoonni kanneen birootis bal’inaan hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Rakkoo mana jireenyatti furmaata argamsiisuuf kanneen dhuunfaan mana ijaaran,riil siteetiiwwan,kan galii jiddu galeessaa qaban waldaadhaan gurmaa’uun kan itti hirmaataniifi galii gadi aanaa kan qaban ammoo hammentaa maalllaqaa qusataniin mootummaan mana ijaaree akka dabarsuuf filmaanni diriireera jedhan.

Mootummaan misoomni manneenii sadarkaa barbaadamuun saffisaa jira amantaa jedhu akka hin qabnes himan.

Ijaarsi manneenii quqlqullina qabaatee yeroo gara yerootti fooyya’uumsa mul’isaa akka jiru kan eeran obbbo Hayilamaariyaam saffisni ijaarsa manneenii akka fooyya’uuf ijaarsa dandeettii irratti xiyyeefachuudhaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e dubbatan.

Sagantaa misooma manneenii irratti komiin ni dhiyaata kan jedhan ministirri muummichi keessumattuu qaamoleen hawaasaa galii gadi aanaa qaban manneen humna isaanii wajjin wal simu akka argataniif sirreessi waan taasifamuuf dhiibbaan kaffaltii akka hir’atu dubbatan.


Hojjettoonni mootummaatis sirni haala addaatiin ittiin keessummeeffaman hojiirra akka ooluuf qorannoon taasifamaa akka jiru himan.

Naannoleetti abbootiin qabeenyaa dhuunfaa yeroo gabaabaa keessatti mana ijaaranii dhiyeessuun shoora gamasaanii gumaachuu akka qaban himan.

Daldala alaa

Adeemsa daldala alaa faalla’e sirreesuuf daldala alaafi omishawwan biyya alaa irraa galfamaniif xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamus obbo Hayilamaariyaam himaniiru.

Sochiin daldalaa dhibbentaan 70 ga’u bu’aawwan omisha qonnaa irratti kan bu’uraaye akka ta’es eeraniiru.

Hammentaa omishaa dabaluuf galii daldalaa guddisuun dhimma murteessaa ta’ee fudhatama kan jedhan ministirir muummichi, omishawwan induustirii qulqullina qabaniifi dorgomaa ta’an akaakuudhaanis ta’e baay’inaan guddisuun barbaachisaadha jedhan.

Omisha Sukkaaraa sababa adda addaatiin sadarkaa daldala alaatiif hin dhaqqabne jalqabsiisuuf tumsi akka taasifamullee himan.Ministirri muumichi Hayilmaariyaam Dsaalanny kanneen malees gaafiiwwan dhimmoolee biyyaa kannene biroo irratti miseesoota mana mareetiin dhiyaataniif ibsaafi deebii bal’aa kennaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa