Pireezidaant Mulaatuu Tashooma dhiifama taasisan



Pireezidaant Mulaatuu Tashooma miseensoota sochii demookraasummaa Ummata Tigraayiif dhiifama taasisan.


Pireezidaant Mulaatuu Tashooma miseensoota garee dhaabbata sochii demookraasummaa Ummata Tigraay jechuun of waamuuf dhiifama taasisaniiru.
Gareen kun gocha badii Mootummaan Ertiraa Itiyoophiyaa irratti raawwachuuf taasisu mormuudhaan Fulbaana 01 bara 2008 gara biyyaatti akka deebi’e ni beekama.

Gareen kun gocha badii raawwachaa tureen gaabbuudhaan waggaa tokkoo ol mootummaa Itiyoophiyaa wajjin iccitiidhaan quunnamtii uumuun daba shaabiyaa saaxiluudhaan  adeemsa Nagaatiif shoora akka gumaache himameera.

Miseensoonni dhaabbatichaa sochii farra nagaarra wayita turanitti akkaataa heera mootummaa Itiyoophiuyaa keewwata 21/1n yakkoota ilma Namaa irratti raawwataman irratti akka hin hirmaanne waan mirknaa’eefi dhiifamni kun pireezidaant Mulaatuudhaan kan taasifame.

Kanaaf miseesoota garee kanaatiif wayita sochii farra Nagaa taasisaa turanitti yakkoota raawwachaa turan hundaaf daangaa tokko malee murtee mootummaatiin dhiifamni akka taasifameef waajjirri pireezidaantichaa ibsa baaseen beeksiseera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman