Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman



Yaa’iin 2ffaan Caffee Oromiyaa obbo Muktaar Kadir Abbaa Bulguu bara hojii caffee itti aanutti akka tajaajilaniif sagalee guutuudhaan filateera.


Obbo Muktaar Kadir yeroo haaromsaa irraa eegalee sadarkaa hojii adda addaa irratti ummata tajaajilaa akka turan bakka bu’aan mootummaa obbo Dhaabaa Dabalee  wayita seenaafi bara tajaajilaa obbo Muktaar dhiyeessanitti dubbataniiru.

Obbo Muktaar  sadarkaa hooggansaa adda addaa irra kan turan yammuu ta’u waggaa tokkoofi walakkaaf pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Dura taa’aa dhaabbata Demookratawa Ummata Oromoo ta’uun dhiyeeya kana filataman obbo Muktaar Kadir sadarkaa baruumsaatiiniitiin Yuuniivarstii Siiviil Sarvisiifi yuuniivarstii biyya Ameerikaa tokko irraa digirii lammaffaa akka qabanis eerameera.

Pireezidaant Obbo Muktaar sagalee guutuu hirmaattoota yaa’ichaatiin erga filatamanii booda pireezidaantii mana murtee waliigalaa Oromiyaa obbo Damoozee Maammeetin waadaa galaniiru.

Pireezidaant Muktaar waadaa erga galanii booda haasawa dhageessiisaniin Imaanaa Ummata Naannoo Oromiyaatiin natti kenname ga'uumsaan ba'uuf kutannoodhaanan hojjedha jedhaniiru.

Caffichi muudama itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siivil sarvisiifi bulchiinsa gaarii Oromiyaa hooggantoota biirooleefi ejensii akkasumas abbootii taayitaa gara garaa pireezidaant Muktaariin dhiyaataniifis raggaasiseera.

Akkaatuma kanaan:


1.obbo Isheetuu Dasee itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siiviil sarvisiifi bulchiinsa gaarii

2.Obbo Dhaabaa Dabalee sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- itti waamamaa mootummaa

3.obbo Zalaalam Jamaanah sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti hoogganaa biiroo qonnaa

4.Obbo Umar Huseen sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- hoogganaa biiroo Induusstiriifi mismma Magaalaa

5.Obbo Salamoon Kuchuu- hoogganaa biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa

6.Obbo Shaalloo Dhaabaa-hooggnaa biiroo eegumsa fayyaa

7.Addee Aziizaa Abdii-hooggantoo biiroo dhimma Dargaggootaafi Ispoortii

8.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hoogganaa biiroo dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa

9.Addee Loomii Badhoo-hooggantuu biiroo Daldalaafi misooma gabaa

10. Addee Mahaabuubaa Adam-hooggantoo Biiroo Haqaa

11.Adde Hiruut Biraasaa-hooggantuu biiroo dhimma Dubartootaafi Daa’imanii

12.Obbo Daanyaachaw Shifarraaw hoogganaa ejensii babal’ina waldaalee hojii gamtaa

13 Obbo Dirribuu Jamaal-hoogganaa biiroo lafa baadiyaafi eegumsa naannoo

14.Obbo Wardii Hashim-hoogganaa biiroo Bishaan albuudaafi anniisaa

15.Obbo Eelamaa Qaammee-hoogganaa biiroo maallaqaafi misooma diinagdee

16.Obbo Geetuu Wayyeessaa-hoogganaa biiroo aadaafi turiizmii

17.Obbo Margaa Fayyisaa-hoogganaa Biiroo Barnootaa

18.Obbo Mahaammad Jiloo-hoogganaa biiroo dhimma hojjetaafi hawaasummaa

19.Dr.Saahiluu Muluu-hoogganaa biiroo  misooma beelladaafi qurxummii

20.Obbo Milkeessaa Jaagamaa hoogganaa ejensii intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa

21.Obbo Abarraa Ol’aanaa-koomishinara koomishiinii teeknikaafi baruumsa ogummaa

22.Obbo Jamaal Abbaasoo hoogganaa Abbaa taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa

23.Obbo Yohaannis Dinqaayyoo-hoogganaa Abbaa taayitaa galiiwwanii

24.Obbo Musxafa Kadir-hoogganaa Abbaa taayitaa geejibaa

25.Obbo Gutaa Laanchooree hooggnaa waajjira pireezidaantii Oromiyaa ta’uun sagalee guutuudhaan muudamaniiru


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O