Hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaa kanaan duraa irratti himannaan dhiyaate



 Hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaa kanaan duraa obbo Wandimmuu Birraatuufi haadha warraa isaanii dabalatee Namoota shan irratti har’a himannaan yakka malaamaltummaa cimaan dhiyaateera.


Obbo wandimmuu Birraatuu Naannoo Oromiyaatti mindeeffama irraa hanga muudamaatti wayita itti tajaajilan waggoota 18 keesatti galiin karaa seera qabeessan argachuu qaban miliyoona tokkotii kan dhiyaatu ta’us karaa hin beekamneen birrii miliyona 25 sochoosaa turan jedheera himannaa itti dhiyaate keessaa inni tokko.

Galmee himannaa kana kan hordofe dhaddacha 18ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalati.

Himatamtichi obbo Wandimmuu Birraatuu hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaafi itti aanaa itti gaafatamaa bulchiinsaafi faayinaansii waldaa aksiyoona liqiifi qusannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Hojii Daldalaatiin kan jiraatan obbo Baahiruu Biradaafi Shawaaraggaa Biradaa akkasumas obboleettiin obbo Wandimmuu Ilfinash Birraatuufi haati warra obbo obbo Wandimmuu adde Assagadachi Mangistuu namoota shanan himannaan itti dhiyaatedha.

Abbaan alangee koomishinii naamusaafi farra malaammlatummaa Fedraalaa matta’a kennuufi fudhachuu akkasumas qabeenya maddisaa hin beekamne qabachuun argamuufi kanneen fakkaataniin yakkoota malaammlatummaa eeruudhaan himannaa isaa dhiyeesse.

Obbo Wandimmuun hoogganaa biiroo galiiwwanii Oromiyaa ta’uun wayita tajaajilaa turanitti himatamaa 2ffaan Baahiruu Biradaa hojii daldalaa cirracha daakuun kennuutiin bara 2000 hanga 2002tti gibiraafi taaksii waan hin kaffalleef mootummaq irratti kasaaraan birrii miliyoona 5 caalu akka ga’u taasisaniiru jedha himannaan dhiyaate.

Namni kun badii isaanii kanaan yakkaan akka gaafatamaniif abbaan taayitaa galiiwwaniifi guumaruukaa Itiyoophiyaa murtee dabarsa,abbaan taayitichaa wayita ammaa obbo Malaakuu Fantaafa’i wajjin yakka malaammaltummaatiin himatamnii too’annoo jalatti kan argaman obbo Maarknah Alamaayyoo qindeessaa garee hordoffii dhimmoolee yakkaa turan.

Himannaan dhiyaate akka mul’isetti obbo Wandimuu Birraatuu dhaga’amtummaa qabanitti fayyadamudhaan himatamaan 2ffaafi 3ffaan Baahiruu Biradaafi Shawaaraggaa Biradaa  wal ta’uudhaan  obbo Maarknah matta’a fudhatanii galmeen himannaa akka cufamu taasisaniiru jedha  himannaan dhiyaate.

Obbo Wandimmuu Birraatuu,obbo Maarknah matta’a kana yoo fudhachuu baatte ani hoogganaa biiroo waanan ta’eef mala jiru nan beeka matta’a nugaafatee waan isa didineefi jechuun si-himanna jechuudhaan obbo Maarkinahiif birrii kuma 100fi kuma 59 matta’a kennaniiru himannaan jedhu galmee himannaa keessatti eerameera.

Obbo Wandimmuu Birrraatuu iddoo hoogansa biiroo irraa galiiwwan Oromiyaa irraa ka’uudhaan itti aanaa itti aanaa itti gaafatamaa bulchiinsaafi faayinaansii waldaa liqiifi qusannoo Oromiyaa ta’uun wayita hojjechaa turanitti qooda fudhataa dhaabbata omishaa cirraachaa obbo Baahiruu Biradaa kan ta’an obbo Zawuduu Yilmaatis himannaan kan cufsiise anadha,ammas omishaan cirrachaa  guutummaatti kan keessan akka ta’u nan taasisa jechuun birrii miliyoona 3 akka fudhatan eera himannichi.

Obbo Wandimmuun Naannoo Oromiyaatti mindeeffamaa hanga muudamaatti Adooleessa 1 bara 1989 hanga Guraandhala 24 bara 2007tti walumaagalatti galiin isaanii birrii kuma 800fi kuma 89fi 976 yammuu ta’u obboleettiin isaanii Ilfinash Birraatuu mindeeffama koontiraataan Fulbaana bara 1992 hanga Hagyya 30 bara 2007tti galii seera qabeessa birrii kuma 200fi kuma 42fi 158 qabu turan jedheera himannaan abbaa alangee koomishinichaa.


Obbo Wandimmmun bara tajaajilaa waggoota 18 keessatti galii birrii miliyoona 1 hin guunnellee utuu hin qabaatin baankiiwwan gara garaatti birrii miliyoona 25 sochoosaniiru jedha himannaan dhiyaate.

Obbo Wandimmuun maqaa haadha isaaniitiin konkolaataa kuntaala 62 fe’u birrii miliyoona 1 fi kuma 100fi kuma 86 akkasumas birrii miliyoona 1 caaluun Laga xaafoo Laga Daadhiitti dhaabbata Rooppaak Intarnaashinaal jedhamu irraa mana jireenyaa bitaniiru jedheera himannaan kun.

Magaalaa Adaamaatti manni jireenyaa lafa kaaree meetira 403 irra jiru maqaa obbo Wandimmuutiin galmeeffamee akka jirus himannaa kanaan eerameera.

Galmee himannaa kanaan lakkoofsa 5ffaa irratti kan eeraman  haati warraa isaanii adde Assaggadachi Mangistuu Magaalaa Laga Xaafootti lafa kaaree meetira 140 Magaalaa Adaamaatti lafa kaaree meetira 200 irratti mana ijaarame akkasuma Magaalaa Adaamaatti lammata lafa kaaree meetira 140,abbaa warraa isaanii obbo Wandimmuu Birraatuu irraa kan darbeef birrii kuma 200 akkasumas qooda abbummaa Baankii Abbaay birrii kuma 500fi herrega qusannaa isaaniitiin Birriin kumni 50 akka argames himannaan dhiyaate mul’iseera.

Himatamtuun 4ffaan obboleettii obbo Wandimuu adde Ilfinash Birraatuu maallaqaafi qabeenyasaanii akka bulchaniif bakka bu’ummaan sobaa kennanmeera jedhameen maqaa Ilfinash Birraatuutiin kan taa’e Baankii  Awaash Intarnaashinaal damee magganaanyaatiin Birrii miliyoona 10 baasuun sochoosuu isaaniifi kutaa magaalaa Laaftootti birrii miliyoona 3 caaluun mana jireenyaa bitaniiru jechuunis himannaan dhiyaate tarreesseera.

Birrii miliyoona 3 caaluun konkolaattoota lamas maqaa obboleettii isaaniitiin maallqa baasanii bitaniiru jedheera.

Galmee himannaa kanaan   miseensoonni maatii jechuunis obbo Wandimmu Birraatuu haati warraa isaaniifi obboleettiin isaanii bakka bu’ummaa wal jijjiiruun birrii miliyoona hedduu karaa seeraan alaatiin argame seera qabeessa fakkeesanii dhiyeessuuf akka carraaqanis mul’ifameera.

Dhaddachi yakka 18ffaa mana murtee ol’aanaa federaalaa oolmaa isaa har’aatiin dhimmicha wayita ilaaletti kan dhiyaatan obbo Wandimmuu qofa yammuu ta’an himatamtoonni kanneen biroo hin argamne sababa jedhuun hin dhiyaanne.

Himannaan kun obbo Wandimmuu Birraatuutiif kan dubbifame yammuu ta’u mormiin qaba waan jedhaniif mormiisaanii dhaga’auufi himatamtoonni kanneen biroonis akka argamaniif ajajuun Onkololeessa 29 bara 2008tti beellamameera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman