Qeeqni sirriin ofiifis biyyaafis tola
Itiyoophiyaan biyya sirna paartilee hedduu hordofaa
jirtudha.Biyyi waggoota hedduudhaaf bittaa sirnoota abbaa irreetiin dararamaa
turte kun wareegama qabsaa’onni ijoolleen cunqurfamtootaa lubbuu isaanii
marartuu dabarsanii ittiin kennaniin haala mijaa’aa uumameen sirna paartilee
heduu fedhiin qaamolee hundaa ittin eegamuufi kabajamu hordofuu erga eegaltee
waggoonni kurnan lama caalan lakkaa’amaa jiru.
Akkaataa caaseffama sirna paartilee hedduu Itiyoophiyaan
hordofaa jirtu kanaatiin turtii waggaa shaniitiin filannoowwan sadarkaa
biyyaalessaa qofaan raawwataman shan adeemsifamaniiru.
Xiqqaatus guddatus filannoowwan kanatti paartiin biyya
bulchaa jiru A.D.W.U.I.fi paartileen mormitoonni kaayyoo adda addaa qabatanii
socho’an hirmaachaa turaniiru.
Filannoo waggaa shan
eeguudhaan adeemmsifamaa ture kana irratti lakkoofsi paartiiwwan filannootti
hirmaatanii garaa garummaa kan qabu ta’ullee paartileen gara garaa filannootti
hirmaachaa turaniiru.
Filannoo marsaa 5ffaa baatii Caamsaa bara 2007 adeemmsifame
irrattis paartii biyya hoogganaa jiru A.D.W.U.I dabalatee paartileen
mormitoonni hedduun hirmaataniiru.
Dhimma kana irratti humnoonni alaas ta’an paartileen
mormitoonni Itiyoophiyaa karaa Nagaatiin sochoona jechuun murteessan akka isaanitti
toletti waan barbaadan hunda jechaa turanis Itiyoophiyaan biyya sirna
paarttilee hedduu hordofaa jirtu ta’uushee hirmaannaa paartilee qabatamaan
mul’atu kana caalaa ragaan gara biraa hin jiru.
Filannoo waliigalaa bara 2007
Filannoon biyyaalessaa caamsaa 16 bara 2007 adeemsifame
akkuma filannoowwan kanaan duraa paartiiwwan hedduun kan itti
hirmaatanidha.Paartii amma biyya bulchaa jiru dabalatee paarttileen mormitoonni
hedduun sadarkaa Naannoleefi biyyaalessaatiin socho’an seera filannoo biyyattii
kabajuudhaan hirmaataniiru.
Paartileen kun daangaa yeroo boordiin filannoo Itiyoophiyaa
kaa’e keessatti kaayyoofi imaammata isaanii haala mijaa’aa uumameefitti fayyadamuudhaan
ummatatti beeksifataniiru.
Saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaatis
filmaata bilisaan dhiyaateef keessaa kan barbaadan filataniiru.
Paartiin caalmaa sagalee ol’aanaa argate Addi Demookraatawa
Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaatis akkaataa bu’aa argateetiin torban darbe
mootummaa Federaalaa hundeessuudhaan sochii misoomaafi guddinaaf eegalame itti
fufsiisuuf waadaa galuudhaan carraaqqiisaa itti fufaa jira.
Haaluma walfakkaatuun Mootummooni Naannoleetis akkaataa
caaseeffama isaaniitiin haala qabatamaa Naannawa isaaniirratti bu’uraawuun
mootummaa hundeessuudhaan soch’aa jiru.Hundeeffamni mootummoota Naanolees ta’e
kan Mootummaa Federaalaa filannoo
waliigalaa bara darbeetiin sagalee saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni
Itiyoophiyaa kennan irraa kan maddu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
Akkuma beekamu caaseffama mootummaa kana keessatti
keessumattuu manneen maree keessatti bakka bu’oonni paartilee mormitootaa
hirmaachuu hun dandeenye.Sababiin kanaa ammoo bakka bu’oonni paartilee mormitootaa
sagalee ummataa manneen mareetti hirmaachuu isan dandeessisu dhabuusaaniiti.
Asirratti wanti hubatamuu qabu ummanni kaayyoofi imaammata
paartilee mormitootaa deeggaruudhaan isaan filate hin jiru jechuu miti.bu’aa
yeroo buufatawwan filannootti borumtii guyyaa filannootti maxxanafame irraa
hubachuun akka danda’ameetti bakka bu’oonni paartilee mormitootaas sagalee
deeggartoota isaanii hedduu argataniiru.
Garuu akkaataa seera biyyattiitiin
paartii sagalee caalmaa argatetu injifata waan ta’eef A.D.W.U.I filannoo marsaa
shanaffaatiinis caalmaa sagalee ol’aanaadhaan injifachuun mootummaa hundeessee
Ummata tajaajiluuf carroomeera.
Dhimma biyyaa irratti paartileen
akkamitti hirmaatu?
Mootummaan Itiyoophiyaa torban
darbe dhimmoolee adda addaa irratti bakka bu'oota paartilee mormitoota sadarkaa
guutuu biyyaafi Naannoleetiin socho'an wajjin mari'ateera.
Walatajjiin
maree galma wal ga'ii dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti adeemsifame kun
raawwii karoora guddinaafi tiraansfoormeeshinii marsaa jalqabaafi karoora
marsaa 2ffaa irratti kan xiyyeeffate akka ta'e beekameera.
Gaaffilee
gara garaa bakka bu'oonni tasgabbiidhaan dhiyeessaniifis ministirri muummichi
Hayilamaariyaam Dassaalany deebii bal'aa akka kennan hubatameera.
Waa'ee
biyyaa irratti waliigaluudhaan hojjechuu qabna jechuun paartilee haala kanaan
mootummaatti dhiyaachuun hojjetaniif galata galchuun barbaachisaadha.
Wantoonni
waltajjii maree kana irratti ka'an hundumaa kan fayyadanidha malee kan miidhan
miti.
Odeeffannoon
argame akka mul'isetti bakka bu'oonni paartilee mormitootaa gara garaa dhimma
bulchiinsa gaariifi rakkoolee raawwii irratti mudatan bal'inaan kaasuudhaan
fuulleetti mootummaa wajjin mari'ataniiru.Kun waan jajjabeeffamuu
qabudha.
Mootummaanis biyyis,ummannis paartileen mormitoonnis waan fayyadamaniif
qeeqa barbaachisaa kaasuun hundumaarraa eegama.Qeeqni sirrin ofis biyyas
fayyada waan ta’eef waltajjiiwwan haala kanaan qophaa’anitti fayyadamuun barbaachisaadha.
Waltajjii
kana irratti paartileen afeeraman hundi akka hin hirmanane hubatameera.kan
hirmaate paartilee 20 qofadha jedhameera.paartileen kanneen hafan kan akkaa
paartii Samaayaawiifi Madrak jedhamuun beekaman maalif hirmaachuu dadhaban?waa'een
isaanii xiyyeeffannoo argatee ilaalamuu qaba.Moo waa'een biyyaa isaan hin
ilaallatuu laata?
Waltajjiin
maree kun haala bu’a qabeessa ta’een erga xumuramee booda dura taa’aan paartii
Samaayaawii Yiliqaal Geetinnat yaada kennaniin ‘waltajjii maree mootummaan
qopheesse kanatti nuti utuu hin hirmaatin kan hafne maree kana dura dhimmi
siyaasaa ilaalamuu qabu waan jiruufi’ jechuun isaanii dhag’ameera.
Dhimmi
siyaasaa mari’achiisaa ta’e kan akkamiiti laata?kana isaanumatu beeka.Dhugaan
qabatamaan jiru yammuu sakatta’amee ilaalamu garuu sababiin isaan waltajjii
kana irraa ittiin hafan kan isaan jedhan kana miti.
Paartileen tokko tokko mareetti
maalif hirmaachuu dadhaban?
Mootummaan Itiyoophiyaa A.D.W.U.I’tiin hoogganamu paartileen
mormitoonni sagalaa ummataa ol’aanaa argachuun mana maree bakka bu’oota
ummataa keessatti hirmaachuu dadhabanis
dhimmoolee biyyaa walnutaasisan irratti wal ta’uumsaan hojjenna jechuun waadaa
seeneera.
Waadaa isaa kanas maree raawwii karoora guddinaafi
tiraansfoormeeshinii marsaa jalqabaafi karoora marsaa 2ffaa irratti bakka bu’oota
paartilee wajjin tibbana taasifame kana irratti qabatamaan
mirkaneesseera.Ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany waltajjii kana
irratti akka mirkaneessanitti mareen paaritilee mormitoota wajjin dhimmoolee
waliin wajjinii irratti taasifamu gara fuuduraas kan cimee itti fufu ta’a.
Paartiiwwan waltajjii ammaa kana irratti hin hirmaanne garuu
sababa rakkoo of tuulummaa isaaniifi dhiibbaa alaa isaan irratti taasifamuun
gara fuulduraattis waltajjii maree irratti hirmaachuu akka hin dandeenye
tilmaamuun rakkisaa miti.”Yaa Soogiddaa ofii jettu mi’aayi diddu Dhakaadha
jedhanii sigatu”jedhe mammaaksi.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ